Ergama
Magaalaa Shaashamannee hammayyeessuu fi misooma saffisiisuun jiruu fi jireenya uummataa fooyyessuu dha.
Mul’ata
Bara 2022tti jiraattotni magaalaa Shaashamannee diinagdeen fooyya’eefii fi jiraatooni galiin isaani giddu galeessaatti ce’an arguu.
Duudhaalee Gurguddoo /Core Values/
- Ittigaafatamummaa
- Olaantummaa seeraa
- Iftoomina
- Tajaajila gahumsa qabu kennuu
- Qophaa’umaa jijjiiramaa
- Beekumsaa fi amantaan hoogganuu
- Hirmaachisummaa
- Deebii hatattamaa kennuu
- Bu’a qabeessummaa
Aangoo fi Gahee Mana Hojiichaa
Akkaataa labsii,Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiidhaan Gurmeessuu, Aangoofi Hojii Isaanii Murteessuuf Bahe, Lak. 242/2014‘n BMMMO aangoo fi gahee hojii keennameef armaan gadii ni qabaata. Gurma’insa kananiis Waajjira Mana Qopheessaa jalatti damee lama (deeggarsaa; damee misooma magaalaa fi damee tajaajilaa mana qopheessaa) kan qabu fi kutaa magaalaa Afuri ( kutaa magaalaa Malkaa Siirbaa, Allachee, Bishaan Guraachaa fi Haruufaa) fi Aanota magaalaa kudha lama (12) kan qabatuu dha.
- Sirna hammayyaa’aa misooma magaalaa ni diriirsa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa; ni to’ata; tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata;
- Lafti magaalaa pilaanii magaalaa eegee qusannoon faayidaa ol’aanaaf akka oolu qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata; ni hordofa; ni to’ata;
- Sirna tilmaamni qabeenya dhaabbataa itti raawwatamu ni diriirsa; hojiirra akka oolu ni taasisa; ni hordofa; ni to’ata;
- Magaali magariisa, qulqullinaan hawwataa, dorgomaa fi jiruuf jireenyaaf mijaa’oo akka ta’aniif ni hojjata; ni deeggara;
- Magaala keessattiifi daangaa magaalaa irratti ijaarsi seeraan alaa akka hin gaggeeffamne qaama dhimmi ilaallatu waliin ni hojjata ; ni hordofa; ni too’ata;
- Qophii fi raawwii karooraafi baajata Mana Qopheessaa yeroo yeroodhaan ni hordofa; ni gamaaggama; magaalota ni qindeessa;
- Mirgi ofiin ofbulchuu magaalotaaf kenname haala itti cimu irratti qorannoo ni gaggeessa; dandeettii raawwachiisummaa isaanii akka guddisan deeggarsa ni kenna;
- Magaalaa keessatti misooma ariifachiisaa fiduuf, dimokiraasiifi bulchiinsa gaarii dhugoomsuuf deeggarsa barbaachisaa ta’e ni kenna; istaandaardii kenniinsa tajaajilaa ni qopheessa; hojiirra akka oolu ni taasisa; ni hordofa; ni to’ata;
- Rakkinni mana jireenyaa magaalaa keessa jiru haala itti furamu qorachuudhaan mootummaadhaaf yaada murtii ni dhiyeessa; yammuu mirkanaa’u hojiirra akka oolu ni taasisa;
- Namoota mana jireenyaa ijaarachuuf waldaan gurmaa’aaniifi tooftaalee biroo dhiyeessii mana jireenyaa ilaalchisee qajeelfama ni baasa; hojiirra akka oolu ni taasisa; ni hordofa; ni to’ata;
- Tajaajiloonni bu’uura misooma adda addaa kan akka ibsaa, bishaanii, bilbila, daandii, sarara dhangala’aa fi kan kana fakkaatu magaalotni akka hojjatan ni taasisa; ni hordofa; ni deeggara; bu’uuraaleen misoomaa akka babal’atu qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
- Haala dambiin galiin magaalotaa ittiin sassaabamu itti qophaa’u ilaalchisee yaada seeraa magaalotaaf ni kenna; magaalonni humna galii isaanii akka cimsatan qaama dhimmi ilaalu waliin yeroo yeroon walitti dhufeenya taasisuun haala mijaa’aa ni uuma; ni hordofa; deeggarsa barbaachisaa ta’e ni kenna;
- Galiin keessoo buufata konkolaataa irraa walitti akka qabamu ni taasisa; sirnaan hojiirra oolu isaa ni hordofa; ni to’ata;
- Akkaataa gatii kiraafi murteen gibira manaa magaalaa keessatti itti murtaa’u ilaalchisee qajeelfama ni baasa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
- Waliigaltee bittaafi gurgurtaa manaafi manneen wabiin qabaman sadarkaa bulchiinsa magalotaatti raawwatamu ni hordofa; ni to’ata;
- Magaalonni humna tajaajilaafi bu’uura misoomaa diriirsuuf isaan dandeessisu cimsachuuf deeggarsa akka argatan dhaabbilee miti mootummaafi qaamolee gargaarsaa biroo waliin qunnamtii ni taasisa; haala ni mijeessa; ni hordofa; magaalonnis magaalota biyya biroo waliin michummaa akka uumataniif qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
- Magaalota keessatti haala rakkoon diinagdee, hawaasummaafi siyaasaa furmaata itti argachuu danda’u ilaalchisee qaama mootummaafi dhaabbilee biroo dhimmi ilaalu waliin ni qorata; tooftaa ni baasa; akka hojiirra oolu ni taasisa;
- Dandeettii raawwachiisummaa magaalotaa cimsuuf leenjiiwwaan adda addaa qopheessee ni kenna; akka kennamu haala ni mijeessa;
- Magaalotaafi magaalota gidduutti walitti hidhamiinsiifi walgargaarsi akka jiraatu ni qindeessa; magaalonni waldaan gurmaa’anii akka wal deeggaran qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
- Magaalonni haala hammayyummaa qabuun pilaanii guddina magaalaa eeganii misoomuu isaanii ni hordofa; ni to’ata;
- Hojimaata manneen mootummaa magaalota keessatti argamaniifi manneen waliinii ittiin dabarfamanii ittiin bulan ilaalchisee qajeelfama ni qopheesa; qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu hojiirra akka oolu ni taasisa;
- Magaalotaafi baadiyyaa gidduutti walitti hidhamiinsi akka jiraatuufi guddinni magaalotaafi baadiyyaa akka waldeeggaraa deemu qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
- Hojiiwwan waliigalaa magaalaa keessatti hojjataman irratti haala hirmaannaafi fayyadamummaan hawaasaa itti babal’atuufi cimu ni qorata; akka hojiirra oolu ni taasisa; ni hordofa; ni deeggara;
- Pirojektoota ijaarsa gamoo mootummaa Biirichaan gaggeeffamaniifi bu’uuraalee misoomaa magaalota keessatti gaggeeffamaniif dizaayinii ni qopheessa; akka qophaa’u ni taasisa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha;
- Jijjiirama yookiin dabalata hojii ijaarsaa, gatii, waldiddaa pirojektota ijaarsaa irratti uumamuufi qaama dhimmi ilaltuuf gaaffii ni dhiyeesaa,seera jiru irratti hundaa’uun yeroo heyyamamuuf hojii irra ni oolchaa,
- Ijaarsa pirojektoota gamoo mootummaa manneen hojii biroo hin ilaallanne ilaalchisee sanada caalbaasii mirkanaa’ee dhiyaatuuf caalbaasii ni baasa; qaama birootiif bakka bu’iinsa ni kenna; waliigaltee hojiiwwan ijaarsa pirojektoota gamoo mootummaa bakka bu’uudhaan ni mallatteessa; akka mallattaa’u ni taasisa; raawwii isaa ni hordofa; ni to’ata;
- Ijaarsa pirojektoota gamoowwanii seektara biroo hin ilaallanneefi mootummaan gaggeessu kaffaltiin akka raawwatu qaama dhimmi ilaaluuf gaaffii ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha; raawwii isaa ni hordofa;
- Sirna komiifi iyyannoon kenniinsa tajaajila magaalaatiin walqabatu ittiin keessummaa’u ni diriirsa; hojiirra ni oolcha; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa; ni to’ata;
- Magaalota sadarkaadhaan adda baasuuf ulaagaalee madaalliifi dorgommii ni qopheessa; hojiirra ni oolcha;
- Tarsiimoo wabii nyaataa magaalotaa hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa.