Mana Maree Magaalaa Shaashamannee
Ijaarsa sirna dimokiraasii dagaagsuu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, misooma ariifachiisaafi Ummanni sadarkaa sadarkaan irraa fayyadamu fiduu keessatti gaheenManni Marii Magaalichaa qabu ol’aanaadha.
Mannii Marii Magaalaa Shaashamannee sochiilee kana keessatti gahee isarraa eegamu bifa milkaa’ina qabuun galmaan gahuuf Karoora Guddinaafi TiraansifoormeeshiniiMootummaa Naannichaa giddugaleessa gochuun karoora yeroo dheeraa fi gabaabaa haala waliigala jiru sakatta’uun baafachuufi hojiirra oolchuun utubaa ijaarsa sirna dimokraasiifi ol’aantummaa seeraa ta’uun hojii guddaa raawwachaa jira.
Waajjirri AF-yaa’ii fi Mana Marii MagaalaaAangoofi hojii heeraan kennameef irratti hundaa’uun hojiilee kaayyoo mana mariichaa galmaan gahuuf isa dandeessisu karoora KGTII fi haala waliigalaa raawwii hojii bara darbee xinxaaluun, akkasumas muxannoo baroota darbanii ilaalcha keessa galchuun hojiiwwan hunda meeshaalee riifoormii hojiirra oolchuun hojjechuuf karoorribara 2017 kun qophaa’eera.
Bu’uurama kanaan, Karoorri kunis caalmaatti kan xiyyeeffatu hojii bakka bu’ummaa ummataa caalmaan cimsuu, karooraafi baajataa, hojiirra oolmaa seerotaa too’achuufi hordofuudhaan hojiin too’annoofi hordoffii Magaalaa bu’a qabeessa akka ta’u gochuu, seerota Imammata Mootummaa galmaan gahuu dandeessisan sadarkaa isaanii eeganii akka tumaman gochuu, Manneen Maree Gandootaa sadarka sadarkaan jiran gaheesaanii sirritti bahuu isaanii hordofuufi deeggarsa hojiisanii cimsuu danda’u kennuu, yaa’iin Mana Marii Magaalaa fi (Aanootaa) yeroo isaa eeggatee akkaataa bu’a qabeessa ta’etti adeemsisuu, hojiilee dhimmoota komunikeeshinii cimsuuf kan karoorfame yommuu ta’u, qaamoleen karoora kana akka galma gahuuf qooda fudhatan kana irraa dhaabbachuun karoora ofii akka qopheeffatan gochuuf ,Waajjirri keenya qabxiiwwan xiyyeeffannoo itti kennamu ijoon hojii too’aannoo, hordoffii fi deggeersa kennuu ta’ee akkaataa armaan gadiitti karoora bara 2017 haala BSC tiin qopheefannee jirra.
Haala waligala Magaalaa Shaashamannee
Bulchinsii Magaalaa Shashaamannee Magaaloota Naannoo Oromiyaa keessatti argaman keessaa ishe tokko fi hundeeffamni ishee Bara 1903 yoo taatu qaama seerumma Mana Qopheessaa bara 1937 A.L.I akka argaate seenaan ni ibsa. Haaluma kanaan Rifoormii Magaalotaa Oromiyaa Bara 2015 gaggeeffameen Magaalota Rijiyoopolii keessaa ishe tokkoo ta’uudhan caasaa ishee bifa haaraan hundeessuun sadarkaa kutaa Magaalaa Afuriifi Bulchiinsaa Aanaa 12tiin akka caaseefamuu ta’era.
- Magaallii Shaashamanneen magaalaa guddittii biyyattii fi teessoo Nannoo Oromiyaa Finfinnee irraa gara Kibbatti km 250 fagaattee kan argamtu yoo taatu haala Pilaanii caaseeffamaa qoratamee bara 2015 mirkanayeen Kutaa Magaalaa Afur (4),Aanaa Magaalaa kudha lama(12) of jalatti hammatteeti.Bal’dhinni lafa ishi daangeffama Pilaaniitin (Plan Boundary) 17,149 heektaraa Kuma 52 Olii yoo ta’u daangeffama bulchiinsaatiin (Administrative Boundary) 16,732.09
- Daangessitoonnii Magaalaa Shaashamannee
- Magaalli Shaashamnee Yeroo ammaa Gandoota Aanaa Shaashamanneetiin marfamtee Sulula Qiinxamaa keessatti argamti.
- Akka Waliigalatti Magaalaa Shaashamannee Wanti adda taasisu Magaalaa Finfinneetti aantee
- Daandiiwwan Seensaa fi Bahaa Balbala Shan (5) Kan qabdu ta’uu isiiti. Isaanis
- Karaa kibba dhihaatiin Daandii Sooddoo Arbaamincii
- Karaa Kibbaatiin Daandii Hawaasaa, Dillaa-Mooyyaalee
- Karaa Kibba Bahaatiin Daandii Wondoo Gannatii
- Karaa Bahaatiin Daandii Dodolaa,Adaabbaa-Baalee Roobee fi
- Karaa Kaabaatiin Daandii Baatuu, Mojoo- Finfinnee kan keessa qaxxaamuru ta’uu isaati.
- Kana irraa ka’uun Magaalaa Daldalaa, Geejjibaa fi Turiizimiif mijooftuu Magaalaa aduun itti hin dhiine jedhamtee beekamti.
- Guddinni Magaalaa Shaashamannee jijjirama sochii guyyaa guyyaan godhamu irratti kan hunda’u ta’ee Gama investimantiitiin gamoowwaan daldalaa fi jiddugala gabaa warshaaleen daakuu, Zaayitaa, Oomisha bulookkeettii, tiraaktera qonnaafi kkf bal’innaan kan keessatti argamanii, dargaggootaa fi Dubartoota kumaatamatti laakkawamaniif hojii uumuun ummata magaalichaa fayyadamaa taasisaa jira.
- Gama hiyyummaa hir’isuutiin dargaggoonnii fi dubartoonni akkaataa fedhii fi walitti dhufeenya isaaniitiin IMXn ijaaramanii jiruu isaanii mo’achuu bira darbanii namoota biraatiif hojii uumuu danda’anii jiru.
- Gama biraatiin hojii dhabeeyyiin baay’ee hojii koobilistooni irratti bobba’uun jiruu isaanii fooyyeffachuu bira darbanii hojii misooma magaalli jalqabdee ariiffachiisuu keessatti gahee isaan irraa eegamu taphachaa jiru.
- Carraalee Gama investimeentiitiin jiran yoo ilaallee Magaalli Shaashamannee Finfinneetti aantee daandiiwwaan seensaa fi bahaa Shan kan qabduu fi naannaawa isheetti Oomisha midhaanii gara garaa Jallisii dabalatee waggatti yeroo sadii waan Oomishamuuf Daldaltootaa fi Imaltoota heddu ta’an guyyatti keessummeessiti.
- Humna Nama baratee fi hojjataa humna Namaa gahaa qabdi.
- Meeshaaleen Ijaarsaaf barbaachisan kan akka dhagaa, cirraachaa, Mukaa fi K.K.f dhiyeenyatti argamu mishopmaa Magaalattiifi gahe guddaa baha jira.
- Hojii investimeentiitii fi bu’uuraaleen misoomaa kan keessatti diriiranii fi jireennaaf mijooftuu waan taateef Magaalaan Shaashamannee yeroo ammaa baay’ee filatamtuudha.
HaalaTaa’umsa Lafaafi Qilleensa Ishee
Haalli teessuma Magaalaa Shaashamannee qarqara Sulula Qiinxamaa (Rift vally) keessatti kan argamtu yoo ta’u taa’uumsi lafa magaalaa karaa Kaabaatiin Digirii 70 13’ laatitiyuudifi karaa Bahaatiin immoo 370 40’ loongitiyudii irratti kan argamtuu fi sulula guddaa baha Itoooohiyaa keessatti argamti.
- Magaalaan Shaashamannee Sirrii galaanaa irraa meetira 1794 hanga 2094 ol-ka’iinsa qabdi. Hoo’insa Giddu galeessa (Average temprature) 18.5OCfi hangi Rooba waggaa keessatti argattuu 570 – 980 mm ta’ee, waggaa keessatti yeroo lama rooba akka argatuu ragaan ni ibsa.
Haala Dhaabbilee Faayinaansii Magaalaa Ilaalchisee
- Baankii mootummaa:——————————————————————————–3
- Baankiiwwaan dhuunfaa Naannoo:—————————————————————–20
- Inshuuraansii:——————————————————————————————–9
- Inshuuraansii mootummaa:—————————————————————————-1
- Maayikiroo faayinaansii dhuunfaa——————————————————————-8
- Ida’ama woliigalaa:———————————————————————————41
HaalaDhaabbilee Barnootaa
- Univarsiitii mootummaa:——————————————————————————-1
- Koleejjii mootummaa:——————————–1 fi kan dhuunfaa:—————————-10
- M/B Sad.2ffaafi Oolaanoo Mootummaa:—————-8 fi dhuunfaa:———-10 Ida————18
- M/B Sad.1ffaaMootummaa:———————59 fi dhuunfaa:———————–82 ida——-141
- M/B KG dhuunfaa:————————————————————————————–94
- M/B BSTD mootummaa:——————————————————————————-31
- Woliigalattii dhaabbilee barnootaa mootummaa=100fi dhuunfaa=196 Id=296
- Haala Dhaabbilee Fayyaa
- Hospitaalotaa mootummaa:———————————————————————————2
- Buufataalee fayyaa mootummaa:————————————————————————–11
- Keellaa Fayyaa Mootummaa——————————————————————————-30
- Manneen Qorichaa Mootummaa Ummaataaf Tajaajila kennan—————————————-3
- Hospitaalotaa kan dhuunfaa Naannoo:——————————————————— ———-5
- Kilinikoota yaala adda dhuunfaa:————————————————————————–16
- Kilinikoota J/G dhuunfaa:———————————————————————————-23
- Kilinikoota jalqaba dhuunfaa:——————————————————————————20
- Mana qorichaa dhuunfaa:—————————————————————————————60
- Walumaagalattii dhaabbilee fayyaa mootummaa= 46fi dhuunfaa=125=id = 170
Haala Ummataa Magaalaa Shaashamannee
- Baay’inni Ummataa Magaalichaa Dhi:-299,518 Dub:-305,568 Walumaagalatti:-605,087 gaha jedhamee tilmaamama.
Magaala Shaashamannee keessa Sabaa, Sablammootaafi lammiiwwan biyya alaa hedduu kan keessa jiraatan ta’uu isaati.Fkn.Lammiilee jamaayikaa, Arabootaa fi Eertiraanotaa. Saba, Sablamootaa fi ummatoonnii magaalaa keessatti argaman waldanda’anii waliin kan jiraatan ta’uufi Kanaan alatti lammiwwan biyya alaa hedduunis Magaalaa keenna keessa kan jiraataniifi Jijjirama guddina misoma hawaas-dinagdee akka Biyyaa, Naannoofi Magaalaatti galama’aa jiru bu’uureeffachuun fedhiiwwan uummataa gama misoomaa, nageenya, bulchiinsa gaarii fi dimookraasitiin yeroodha gara yerootti dabalaa dhufeera. Kanarraa ka’uun, Sochii jijjiiramaa akka biyyaafi naannoo keenya keessatti dhufeen ummanni yeroo kamiyyuu caalaa jijjiirama kana deeggaruuf kutannoofi qophiin qabu daraan olaanaadha. Hojiiwwan gama kanaan hojjetamaniinis bu’aawwan argate ifatti dubbachaa jira.Hojiiwwan misoomaa,ijaarsa sirna dimokiraasii fi nageenya mirkaneessuu keessatti hirmaannaa olaanaa gochuun rakkoo isaa hiikkachuu keessatti qooda fudhachaa jira.
Haata’uu malee Bifa Gurmaa’een ijaaramee hojjechuu irraatti hanqinni kan jiru dha.Ilaalchaafi gochaa kira sassabdummaa irratti qabsaa’uu fi saaxiluu irratti walqixa socho’uu irratti kan hafu ta’uun dhimma xiyyeeffannaan ilaallamee hiikamuu qabuu dha.FKN: Ijarsaa seeraan alaa irratti qabsa’uu irratti rakkoodha.
Gama biraatiin, ummanni gaaffii fi komii hawaas-dinagdee kan akka dhiyeesii ijaarsaa daandii, tajaajila ibsaa, bilbilaa, rakkoo hojii dhabdummaa, qabiyyee durii Dhiyeessii Meeshaalee Bu’uuraafi kkf waliin walqabatee waltajiiwwan marii uummata irratti yeroo adda addaatti kaasaa jira. Kanaafuu, yeroo itti aanu keessatti gaaffifi komiin Ummatni kaasu sadarka sadarkaan deebii akka argatuuf, hirmaannaafi fayyadamummaa ummataa mirkaaneessuuf hordoffifi too’annoo gaggeeffamuun mirkaneessaa deemuun murteessaadha.
Haala Koree Qindeessituu Mana Marii Magaalaa
Gurma’ina Mana Marii keessaa inni tokko koree qindeessitu Mana Marii Magaalaa ti. Koreen kunis, walga’ii/yaa’ii/ Mana Mariitii gaditti qaama hojii Mana Marii ol’aantummaan hogganu waan ta’eef, dhimmoota Yaa’ii Mana Mariitiif dhiyaatan ilaalee murteessuun, kallattii raawwii hojii keessatti hordofaman kaa’uu fi raawwii hojiilee madaalaa fi sirreeffama barbaachisaa taasisuun gaheen isaa olaanaa dha. Haaluma kanaan, korich sagantaa isaa idileessuun ajandaalee mana marii irraatti yeroo yeroon walgaaha murteefii kallattii gara garaa ni kaa’u.
Haala Miseensoota Mana Marii Magaalaa shaashamannee
- Baay’inni miseensoota mana marii Magaalaa Shaashamannee yeroo ammaa jiran kutaa magaala afurii(4) fi Aanaa Magaalaa (12) irraa hundeffaman Dhi =79 Du 80 Ida’ama =159
- Kanneen keessaa sababa adda addaatiin kan harca’an dhi=17 fi dubartii=19,ida=36 yoo Yeroo ammaa Kana Yaa’ii Irratti Hirmaata kan Jiran Dhi = 62,Dub= 61, Ida’ama =123 dha
- Mana marii hirmannaa ummataatiin cimisuuf qaama hawaasa adda addaa irraa akkasumas gurmaa’inaalee adda addaa irraa qaamolee adda addaa akkaataa danbii ittiin bulmaata mana mariitiin hirmaachisaa turamee jira.
- Miseensoonni mana marii bara hojii lammaffaa magaalaa keennaa yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeffannaa guddaan qaamota hawasaa adda adda dubartooaa, IMX,Dargaggoota, hojjattoota mootummaa, jiraattoota, abboota amantaa, manguddoota, magaalaa irraa kan walitti dhufan waan ta’eefi namoota ilaalcha ummatummaa qaban add-duroota misoomaatiif hanga tokko tarsiimoo mootummaa irratti hubannoo kan qaban waan ta’aniif hojii bakka bu’ummaa isaanii bahataa jiran.
Haala Koree Dhaabbii Mana Marii Magaalaa
Koreen dhaabbii akkaataa Qajelfama danbii ittiin bulmaata manneen marii Aanotaafi Magaalota Oromiyaatiin gosoota koree dhaabbii sadarkaa magaala Rijoopooliitiin caaseeffameen yeroo amma bifa haaraan koree Dhaabbattoo Shan jalatti gurmeessinee hojii keessa erga gallee waggaa lama kan lakkoofsinee yoo ta’uu, Haaluma,kanaan baay’inni miseensota koree dhaabbii Dhi=19 Dub=6 Ida’ama =25 kan qabnu ta’uu isaati.
Koreen dhaabbii Mana Marii keennaa miseensota mana marii hooggansaan ala ta’an irraa akkaataa dandeetti, ogummaa fi barumsa isaanii irratti hunda’uun gurmeessinee hojii too’annoo, hordoffii fi deeggarsaa keennaa turan keessatti bu’aa xiinxallaa madaallii gaggeessan keessatti karooraa fi sagantaan hoogganamuun bu’aa argaman mana mariitiif gabaasa dhiyeessuun duubdeebii kennaa ciminnaan socho’aa kan turaniidha.
Koreen Dhaabbii keenna irra caalaan isaanii namoota sadarkaa barumsaa fi ogummaa adda addaatiin fooyyee qabanii fi miseensoota mana marii keessaa filatamanii hojjataa kan jiranii fi sanbataa fi yeroo boqonnaa isaanii dabalatanii hojjachuun hojii bakka bu’umaa kennamef raawwataa jiran.
Daawwannaa Pirojektotaa irratti daawwii ijaarsa Gamoo mana barnootaa
Daawwannaa Pirojektotaa irratti daawwii ijaarsa mana barnootaa keessatti qolqullina daree barnootaa
Daawwannaa Pirojektotaa irratti daawwii ijaarsa daandii misooma kolidarii asfaaltii magaalaa keessa keessaa
Daawwannaa Pirojektotaa irratti daawwii ijaarsa Land fill
Haala Waajjira Mana Marii Magaalaa
- Waajjira hojiif mijaawaa ta’e tokko, kutaa Hogganaa tokko,Kutaa meeshaa tokkoofi Kutaa Fooromiin Godinaa Arsii Lixaa keessatti hojjatu qabna.
- Waajjirri Af-yaa’iifi Mana Marii Af-yaa’ota lamaan,Koree dhaabbi fi hojjattoota dabalatee Dhi=11 fi Dub=6 Ida =17 % 74 yoo ta’uu akkataa caasaatiin guuttachuu qabnu nama 23 keessaa % 74 ta’een hojii mana marii hojjataa kan jirruu fi deeggarsa ogummaa koree dhaabbiitii fi mana marii gandootaatii fi gurma’inaalee adda addaatiif kennaa jirra
Shaashamannee, magaalaan Oromiyaa keessatti argamtu kun, iddoo seenaa, aadaa fi guddina qabeenyaati. Magaalatti kun waggoota hedduuf bakka dinqisiifannaa fi hariiroo hawaasummaa fi dinagdee guddisuu keessatti shoora olaanaa taphachaa turte. Keessattuu, Mana Maree Magaalaa Shaashamannee, bu’ura murteessaa ta’eedha.
Haala Mana Marii Aanootaa Magaalaa.
- Aanootni magaalaa keennaa yeroo amma bifa haaraan erga hundeeffamani waggaa tokko kan lakkoofsisan yoo ta’u, qajeelfama 250/2015 baheen hundeessuun gara hojitti galamee jira.
- Magaalaan keennaa Aanaa kudha lama (12) Mana Marii ummataa waan hundeeffataniif manneen marii Aana kudha lamaa (12/waajjiraa fi chaappaa mataa isaanii qabaatuun meeshaalee hojiif isaan barbaachisu hanga tokko akka guutamuuf taasisuun karoora hojii bara 2017 kan waajjiraa fi koreewwan dhaabbii baafatanii akka jedhaniifi raawwii hojii qaama raawwachiiftuu Aanaa karaa koree dhaabbiitiin xiinxallamee ciminaafi hanqinni jiru addaan basaa hojii milkaa’ina qabu bara hojii kanatti akka hojjataniif kan hojjatamaa jiru yoo ta’uu haaluma kanaan:-
- Humna namaa hojiif barbaachisuu keessaa yeroo amma Hoggansa Sadan/3/ dabalatee Dur/Gar/Deg/Hor/fi To’annoo akka ramadamuu gochuun hojiin sadarkaa AMM/Magaalatti akka ciminaan hojjatamuuf haalli barbaachisu akka guutamuuf yaaliin godhamaa jiru milkaa’aa ta’uusaa haalli agarsiisu ni jira.
- Baay’inni miseensota Mana Marii Aanootaa ilaalchisee (12) MMA/magaalaa keennaa akka waliigalaatti Dhi=2,035, Du=1,991, Ida=4,026,yoo ta’an isaan kana keessaa baay’inni koree dhaabbii Dhi =140 Du =40 Ida=180 dha.
- Manni Marii Aanootaa Ayyaanota adda addaafi yaa’ii isaanii idileessuun hojii bakka bu’ummaa isaanii kan raawwataan ta’u.
Aangoo fi Hojii Mana Maree Magaalaa
Akkaataa dambii ittin bulmaataa Mana Mare Magaalaa Shaashamannee dambii Lakk.005/bara 2005 fooya’ee baheen aangoo fi hojii Mana Maree Magaalaa Shaashamannee haala kanaa gaditti ibsamee jira.
- Aangoo fi hojiin Labsii Lakk 65/1995 akkaataa tumameen Aangoo fi Hojii Mana Maree Magaalichaa ta’ee Manni Marichaas Aangoo fi Hojiin Magaalichaa akka hojiirra oluuu ni taasisa.
- Tumaan keewwata kana keewwata xiqqaa (1) akkuma eegametti ta’ee, Manni Marii Magaalaa itti waamaminsaa ummata isa filateef ta’ee, Aangoo fi Hojii kanatti aanan ni qabaata.
Hojiilee Muummeyyii Mana Marichaa
- Heera Mootummaa Naannichaatiin Mannnen Maree Aanaaleetiif aangoon kenname Manneen Maree Magaalotaa keessattis raawwatiinsa kan qabaatu ta’ee, Labsii Lakk.250/2015 Keewwata 13 jalatti aangoofi hojii magaalotaaf kenname hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa
- Imaammata, tarsiimoofi seerota Mootummaa Naannichaatiin bahan haala walsimuun dhimmoota Magaalaa irratti Tumaalee Magaalaa ni baasa;
- Karoora hawaas-diinagdeefi baajata Magaalichaa Kantiibaan dhiyaatuuf xiinxalee ni mirkaneessa; raawwii isaas ni hordofa;
- Pilaanii magaalichaa ni raggaasisa; hojiirra ooluu isaas ni hordofa; bakka hanqinni jirutti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu ni taasisa;
- Akkaataa seeraatiin gibiraafi kaffaltii tajaajilaa ni murteessa; sassaabamuu isaas ni mirkaneessa Manni Marii Magaalaa imaammata, tarsiimoofi seerota Mootummaa Naannichaatiin bahan haala walsimuun dhimmoota magaalichaa armaan gadii irratti tumaa Magaalaa ni baasa:
- Baajata waggaa bulchiinsa magaalichaa raggaasuuf;
- Pilaanii bulchiinsa magaalichaa raggaasuuf;
- Bu’uura Labsii kanaatiin dhimmoota aangoo bulchiinsa magaalichaa ta’an irratti qaraxaafi gibira murteessuuf, akkasumas kaffaltii tajaajilaa murteessuuf;
- Hojiilee bulchiinsa magaalichaa keessatti akka hin raawwatamne dhorkaman irratti;
- Dambii Keessoo Adeemsa Hojiifi Naamusa Miseensa Mana Maree Magaalichaa baasuu; fi
- Waliigalteewwan adda addaa Magaalichaan raawwataman mirkaneessuudha (Labsii Lakk.250/2015, Kew.88)
- ) Lafa magaalicha keessatti argamu akkaataa pilaanii magaalichaafi seeraatiin buluu isaa ni hordofa; ni to’ata; bakka hanqinni jirutti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu ni taasisa;
- Gurmaa’insa caasaa bulchiinsa magaalichaa ni raggaasisa; caasseffamaafi sirna raawwii hojii qaamolee raawwachiiftuu magaalichaa ni murteessa; raawwii isaaniis ni hordofa;
- Koreewwan Dhaabbii Mana Marichaa ni hundeessa; miseensota isaanii miseensota Mana Marichaa keessaa ni moggaasa; haala hojii isaanii ni murteessa; koreewwan adda addaa aangoofi hojii Mana Marichaa hojiirra oolchuuf gargaaran ni hundeessa;
- ) Afyaa’iifi Itti Aanaa Afyaa’ii miseensota Mana Marichaa keessaa ni filata; akkasumas Ittigaafatamaa Waajjiraa miseensota Mana Marichaa keessaa yookiin miseensa Mana Marichaatiin alaa ni filata yookiin ni muuda; haala hojii isaanii ni murteessa; Waajjira Mana Marichaa ni hundeessa;
- Kantiibaa Magaalaa miseensota Mana Marichaa keessaa filatame ni moggaasa yookiin muudama kaadhimamaa Kantiibaa miseensota Mana Marichaatiin alaa dhiyaatu ni mirkaneessa;
- Kantiibaa Magaalichaatiin yammuu dhiyaatuuf muudama Itti Aanaa Kantiibaa Magaalichaa ni mirkaneessa;
- Sadarkaa magaalichaa irratti hundaa’uun Mana Maree Bulchiinsaa Magaalichaa ni hundeessa; yaada Kantiibichi dhiyeessu irratti hundaa’uun baay’ina miseensota Mana Maree Bulchiinsaa Magaalichaa ni murteessa; muudama miseensota Mana Maree Bulchiinsaa Kantiibaan dhiyaateef ni raggaasisa; haala hojii isaaniis ni murteessa;
- Sadarkaa qulqullina tajaajiloota mana qopheessaafi kaffaltii tajaajilaa qoratamee dhiyaatuuf ni mirkaneessa;
- Gabaasa qaamolee mootummaa qoratee ni mirkaneessa; duubdeebii ni kenna;
- Safartuuwwan raawwii hojiifi galmawwan bara karooraa qopheessuudhaan hojiiwwan xiinxalee murtii ni kenna;
- Dambii keessoo adeemsa hojiifi naamusa miseensota Mana Marichaa ni baasa; hojiirra ni oolcha; raawwii isaa ni hordofa.
- Manneen Maree Aanaalee Magaalotaafi Aanoota Magaalaa cimsuun irraa eeggama. Haaluma kanaan, bilisummaan qaamummaa Manneen Maree Aanaalee Magaalotaafi Aanoota Magaalaa akkuma eegametti ta’ee, Manni Marichaa, Manneen Maree Aanaalee Magaalotaafi Aanootaaf deeggarsa armaan gadii ni taasisa:
- Gurmaa’inni Manneen Maree Aanaalee Magaalotaafi Aanootaaf tooftaa cimuu itti danda’an karoorsee gadi ni buusa; haala qabatamaa isaaniitti jijjiiranii akka itti fayyadaman ni kakaasa;
- Waltajjiiwwan hubannoo seeraa itti cimsatanii fi muuxannoo hojii itti waljijjiiranis ni mijeessa;
- Seeronni Mootummaan Naannichaa yeroo yeroodhaan baasu akka isaan dhaqqabu ni taasisa
- Manneen Maree Aanootaaf /Manneen Maree Aanaa Magaalotaa cimsuuf deeggarsaafi xiyyeeffannaan gahaan kan kennameef ta’uu ni mirkaneeffata;
- Manneen Maree Aanootaaf /Manneen Maree Aanaalee Magaalotaa wajjiin walitti dhufeenyi cimaafi walitti fufiinsa qabu akka jiraatu ijaarsa gargaaru ni diriirsa; hojirras ni oolcha.
- Imaammatawwaniifi seerota Naannichaa eeguudhaan, akkasumas eegsisuun dhimmoota magaalaa qofaarratti tumaalee (city ordinance) ni baasa;
- Karoora hawaas-dinagdeefi baajataa magaalichaa Kantiibichaan dhiyaatuuf xiinxalee ni mirkaneessa; raawwannoo isaas ni hordofa;
- Akkaataa seeraatiin gibiraa fi kaffaltii tajaajilaa ni murteessa, sassaabamusaas ni mirkaneessa;
- Koreewwan dhaabbataafi yeroo ni hundeessa;
- Muudama Kantiibaafi Itti Aanaa Kantiibaafi miseensota Koree Kantiibaa qaama dhimmi ilaallatuun dhiyaatuuf akka haalasaatti ni raggaasa; /ni moggaasa/
- Qaama dhimmi ilaaluun muudama dhiyaate ni raggaasa,
- Afyaa’iifi Itti Aanaa Afyaa’ii Mana Marichaa miseensota Mana Marichaa keessaa ni filata, haala hojii isaanis ni murteessa;
- Sadarkaa magaalichaa irratti hudaa’uun koree kantiibaa ni hundeessa, yaada kantiibichi dhiheessurratti hundaa’uudhaanis baay’ina miseensota korichaa ni murteessa, muudama miseensota koree kantiibaa kantiibichaan dhihaateef ni raggaasa, haala hojii isaaniis in murteessa;
- Sadarkaa magaalichaa irratti hundaa’uun akka barbaachisummaasaatti mana murtii dhimmoota magaalaa ni hundeessa.
- Pilaanii magaalichaa ni raggaasa, hojiirra oluusaas ni mirkaneessa;
- Safartuuwwan raawwii hojiifi galmawwan bara hojii qopheessuudhaan hojiiwwaan xiinxaluudhaan murtee ni kenna;
- Karooraafi gabaasa raawwannaa hojii qaamota mootummaa magaalicha keessatti argamaniin qophaayu qoratee ni raggaasa; qajeelfama barbaachisaas ni kenna;
- Bulchiinsi gaariifi hojiin haqa mirkaneessu magaalicha keessatti qixa barbaadameen karoorfamuu fi raawwatamuusaa ni hordofa;
- Qaamonni bulchiinsaafi haqaa mirgootaafi bilisummaawwan Heera Mootummaatiin mirkanaayan kabajanii kabachiisuusaannii ni mirkaneeffata;
- Uummanni dhiibbaa bifa kamiiyyuu isarra gahu mormuudhaan sirni komii itti dhaggeessifatuufi furmaata itti argatu diriirfamuufi hojiirra ooluusaa ni mirkanneeffata;
- Karooraa fi raawwii hojii Qaamolee mootummaa magaalichaa ni qorata; yammuu barbaachisaa ta’ee argamus gaaffiif ni waama;
- Humni nageenyaa magaalicha keessatti nageenya amansiisaa akkaataa mirkaneessuu isa dandeessisuun kan ijaaramee fi dirqamasaas bahaa kan jiru ta’uu ni hordofa;
- Sochii misoomaa keessatti hirmaannaan humnoota misoomaa akka waliigalattii fi keessumaayyuu kan abbootii qabeenyaa kan jajjabeeffamu ta’uu ni hordofa.
- Uummata magaalichaa hojii misoomaatiif bal’inaan sochoosuu tooftaaleen dandeessisan karoorfamuufi hojiirra ooluusaanii ni hordofa; qajeelfama barbaachisaas ni kenna;
- Yeroo yeroodhaan jiraattotaaf gabaasa ni dhiheessa.
Mana Mare Magaalaa kun abbaa taayitaa magaalaaf hojii murteessuu fi tajaajila hawaasaaf xiyyeeffannoo kennaa jiru dha. Hojiiwwan isaa keessa:
- Hojii Bulchiinsaa Fi Siyaasaa: Manni Maree Magaalaan seeraa fi hojiiwwan bulchiinsaa sirnaan deemsisuuf murteewwan murteessuu irratti hirmaata.
- Guddina Dinagdee: Qabeenya magaalaa guddisuu fi hojiilee misoomaa hojjachuuf qopheessuu keessatti shoora olaanaa qaba.
- Tajaajila Hawaasaa: Tajaajila hawaasaaf barbaachisaa kanneen akka daandiiwwan, bishaan qulqulluu, fayyaa fi barnoota babal’isuuf hojjeta.
Mana Mare Magaalaa Shaashamannee kanneeniin walqabatee hojii dargaggootaaf carraa hojii uumuuf yaalii taasisaa jira. Keessattuu, hojiilee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fi hojii daldalaa keessaa dargaggootni akka hirmaatan ni deeggarama.
Gahee Hawaasummaa Fi Aadaa
Magaalaan Shaashamannee aadaan Oromoo fi aadaa saboota biroo waliin; waliin jireenyaan gargar ba’ee beekkama. Mana Maree Magaalaan aadaa kana kunuunsuu fi dagaagsuu keessatti shoora guddaa qaba. Ayyaanota aadaa fi amantaa yeroo kamiyyuu deeggaruun iddoo hawaasni itti walitti dhufee hariiroo cimsatu uumuu irratti hojjechaa jira.
Xumura
Mana Maree Magaalaa Shaashamannee, hawaasaaf hojiilee bu’uuraa hojjechuudhaan magaalaa akkaan dagaagee fi qabeenya isaa babal’ate tokko taasisuu keessatti bu’uura qabeessa ta’eera. Shoora isaa kana cimsee itti fufuun magaalattiifis, Oromiyaa fi Itoophiyaa bal’attiis faayidaa guddaa qaba. Kanaaf, hawaasni magaalaa fi qaamoleen mootummaa hirmaannaa cimaa taasisuun hojii misoomaa fi guddinaaf waliigaltee uumuu barbaachisaadha.