Ergama (Mission)

Magaalicha keessatti Caasaalee nageenyaa qindeessuun, Sirna Odeeffannoo ammayyaawaa ta’e ijaaruu, walitti dhufeenya gandoota ollaa waliin jiru cimsuun, aadaa fi duudhan waliin jireenya amantiilee cimsuudhaan ummata bal’aa hirmaachisuun yaaddoo nageenyaa kamiyyuu dursanii adda baasuun ittisuu fi olaantummaan seeraa akka kabajamu taasisuun nageenya amansiisaa ta’e itti fufiinsaan mirkaneessuudha.

Mul’ata (Vision)

Bara 2022tti Magaala Shashamannee nagaa fi nageenya isheetiin filatamtuu taate arguu.

Duudhaalee (Core Values)

  • Itti gaafatummaa
  • Iftoomina
  • Olaantummaa heeraa fi seeraa kabajuu fi kabachiisuu
  • Icciitii eeguu
  • Kutannoon hojjachuu
  • Jijjiiramaaf qophii ta’uu
  • Hirmaachisummaa

Aangoo fi Gahee Mana Hojichaa

Labsii Lakkoofsa 242/2014 Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiidhaan Gurmeessuu, Aangoo fi Hojii Isaanii Murteessuuf Baheen keewwata 24tiin waajjirri Bulchiinsaafi Nageenyaas aangoo fi hojii armaan gadii akka qabu irra deebiin qoratamee jira. Haaluma kanaan

  1. Nagaafi tasgabbiin magaalichaa akka kabajamu humnoota nageenyaa ni gurmeessa; ni qindeessa; olaantummaan ni hooggana;
  2. Ka’umsa rakkoolee nageenyaa ni qorata; yaada furmaataa ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
  3. Tarsiimoo ittisa yakkaa magaalichaa qaama dhimmi ilaalu waliin hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa.
  4. Sochii farreen nageenyaa dhabamsiisuudhaaf taasifamanii fi bu’aawwan argaman qaama dhimmi ilaalu waliin ni qorata.
  5. Tamsa’inaafi sochii meeshaalee waraanaa seeraan alaa ilaalchisee odeeffannoo walitti ni qaba; qaamni dhimmi ilaalu akka to’atu ni taasisa.
  6. Hordoftoota amantiiwwan adda addaa gidduutti nageenyiifi walkabajuun akka jiraatuufi walitti bu’iinsa ittisuun akka danda’amu qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatu, dhaabbilee amantaafi qaamolee biroo dhimmi ilaallatu waliin walta’iinsaan ni hojjata; dhaabbileefi waldaalee amantaa naannicha keessatti socho’an ni galmeessa;
  7. Mana Maree nageenyaa magaalichaa ni qindeessa; qaamoleen dhimmi ilaalu akka keessatti hirmaatan ni taasisa; ni deeggara;
  8. Sirni odeeffannoo hammayyaa’aa caasaa qaamolee nageenyaa gidduutti akka diriiru ni taasisa;
  9. Qubannaan seeraan alaa Magaalichaa keessatti akka hin gaggeeffamne ni hordofa; ni to’ata; iddoo qubannaan seeraan alaa gaggeeffametti qaama dhimmi ilaalu waliin tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata;
  10. Walitti dhufeenyi naannolee ollaa waliin jiru akka cimu ni karoorsa; hojiiwwan walitti dhufeenya naannolee ollaa cimsaniifi dhimma nageenyaa irratti waliin ni hojjata;
  11. Ka’umsa walitti bu’iinsa naannolee ollaa gidduutti uumaman ni qorata; tooftaa rakkinichi itti hiikkatu ni karoorsa; hojiirra ni oolcha;
  12. Magaalicha keessatti walitti bu’iinsi hawaasa gidduutti akka hin uumamne ni hordofa; ni to’ata; yoo uumames qaama dhimmi ilaalu waliin furmaata akka argatu ni taasisa;
  13. Sababa walitti bu’iinsa uumameen jiraattota Magaalichaa qe’ee isaanii irraa buqqa’an yookiin sababuma kanaan kanneen biyyaa bahuuf osoo yaalanii qabaman gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an deeggarsa barbaachisaa ni kenna; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
  14. Daangaa magaalati naannolee ollaa waliin qabu daangessuun barbaachisaa ta’ee yammuu argamu qaamolee dhimmi ilaalu waliin qorannoo ni gaggeessa; bu’aan qorannichaa qaama dhimmi ilaalutti dhiyaatee akka murtaa’u ni taasisa;
  15. Ummattootni naannoo daangaa qabeenya uumamaa walii wajjiin akka misoomsaniifi akka itti fayyadaman haala ni mijeessa;
  16. Walitti dhufeenya naannolee ollaa waliin jiru ilaalchisee odeeffannoo fi ragaalee barbaachisan walitti ni qaba; ni qindeessa; qaama dhimmi ilaalutti ni dabarsa;
  17. Godinoota ollaa Magaalichaan waldaangessan ilaalchisee odeeffannoo haala nageenya walitti ni qaba; walitti bu’iinsi akka hin uumamneefi uumame yoo argame qaama dhimmi ilaalu waliin furmaata akka argatu ni hojjata;
  18. Gurmaa’insaa fi hojmaata akeekkachiisa dursaa nageenyaa ni diriirsa; odeeffannoo wayitaawaa, qulqullina qabu fi baasii qusatu ni sassaaba; ni xiinxala; rakkoon nageenyaa akka hin uumamne dursanii ittisuuf haala dandeessisuun hojiirra ni oolcha; akka hojiirra oolu ni taasisa;
  19. Ogeessota akeekkachiisa dursaa nageenyaa ni filata, ni qacara, ni leenjisa, ni bobbaasa; ni bulcha; Haalli raawwii isaa Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a.
  20. Ol’aantummaa seeraa mirkaneessuudhaaf qaamolee haqaa biroo waliin qindoominaan ni hojjata.
YouTube
Instagram
Telegram
WhatsApp
FbMessenger
Tiktok
URL has been copied successfully!