Mul’ata

Biyyaa namnii kammiyuu bekamtii ittii argaatee.

Ergama

Faayidaa Galmeessa Ragaa bu’uura hawaasummaa irratti hubannoon hawaasaa guddatee taateewwan raawwataman aadaa, fedhii fi kaka’uumsa ofiitiin galmeessisuu akka horatan taasisuun nageenyummaan ragaa galmeeffamee eegamee qaama dhimmi ilaaluuf darbuun tajaajila seeraa, bulchiinsaa fi istaatistiksiitiif oolee fayyadamummaan lammiilee akka mirkanaa’u taasisuu.

Duudhaalee

Itti gaafatamummaa

Iftoomina

Haqummaa

Al-loogummaa

Tajaajila gahumsa qabu kennuu

Mul’ata waliiniif hojjachuu

Jijjiiramaaf qophaa’uu fi hojjachuu

Nageenyummaa Ragaa bu’uuraa hawaasaa eeguu

Iccitii eeguu

Aangoo fi Gahee Hojii Ejansii Galmeessa SiiviiliiBul.Magaala Shaashamannee

Galmeen ragaa bu’uuraa hawaasummaa Magaalicha keessatti haala barbaachisuun raawwatamuu fi
waraqaan ragaa kennamuu isaa ni hordofa; ni too’ata;
Qophiifi raabsaa sanadoota ragaa bu’uura hawaasummaa galmeessuuf barbaachisaa ta’an ilaalchisee qaama dhimmi ilaallatu waliin ni hojjata, deeggarsa ni kenna;
Sanadoota ragaa bu’uura hawaasummaa galmeessuuf barbaachisan qaamolee galmeessa ragaa bu’uura hawaasummaa sadarkaa sadarkaan jiraniif akka dhaqqaban ni taasisa;
Karoora raawwii galmeessa ragaa bu’uura hawaasummaa fi sirna itti fayyadama odeeffannoo qaama dhimmi ilaalu waliin ni qopheessa, raawwii isaas ni hordofa;
Galmeessa ragaa bu’uura hawaasummaa ilaalchisee hubannoo fi leenjii adda addaa ni kenna; akka kennamu ni taasisa;
Hojiirra oolmaa galmee ragaa bu’uura hawaasummaa ilaalchisee qo’annoo ni gaggeessaa, bu’aa isaa hojii irra ni oolcha, hojiirra akka oolu ni taasisa;
Ragaa bu’uura hawaasummaa galmaa’e yeroo yeroodhaan qaama dhimmi ilaaluuf ni dhaqqabsiisa;
Hojii Galmeessa ragaa bu’uura hawaasummaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ni hojjata;
Yaadota imaammata sirna galmeessa ragaa bu’uura hawaasummaa ilaallatan ni maddisiisa, qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa, yeroo mirkanaa’u hojiirra ni oolcha, hojiirra akka oolu ni taasisa.

YouTube
Instagram
Telegram
WhatsApp
FbMessenger
Tiktok
URL has been copied successfully!