Ergama
Oromiyaa keessatti nageenya industrii mirkaneessuu; Odeeffanoo gabaa humnaa namaa qindeessuun tamsaasuu fi rakkoolee jireenya hawaasummaa hir’isuu;
Qooda D/Q/N/Industirii: Oromiyaa keessatti nageenya industrii mirkaneessuu;
Mul’ata
Oromiyaa keessatti Haala Hojii mija’aa, Bobba’insa Hojii fi Tajaajila Eegumsa Hawaasummaa babal’ate arguu.
Qooda D/Q/N/Industirii: Oromiyaa keessatti Haala Hojii mija’aa uumame arguu
Duudhaalee:
Hojii itti gaafatamummaa
Iftoomina
Tajaajila Qulqullina Kennuu
Qophaa’ina Jijjiiramaa
Beekumsa fi Hogganummaa Seera-qabeessa
Hirmaannaa
Itti fufiinsa dhaabbataa
Aangoo fi Hojii
Labsii Lak. Lakk.213/2011-Labsii Qaamota Seera Raawwachiiftu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiidhaan Gurmeessuu fi Aangoo fi Hojii Isaanii Murteessuu Bahe irratti tarreefamen;
Biiroo Dhimmaa Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaatiif Aangoo fi Gaheen Hojii gosa 36 of-keessaa qabu labsii kanaan kennameef jira.
- Adeemsaa Hojii Ijoo Quunnamtii fi Nageenya Industirii ilaalchisee gosa hojii – 13
- Adeemsaa Hojii Ijoo qoraannoo qabeenya humna namaa fi Bobba’insa Hojii ilaalchisee gosa hojii – 8
- Adeemsaa Hojii Ijoo Misooma Nageenya Hawaasummaa ilaalchisee gosa hojii– 17 kennameef.
- Bu’uura Labsii kanaatiin Gaheewwan Hojii Adeemsa Hojii Ijoo/Daayriktooreetii Quunnamtii fi Nageenya Industiriitiif kennaman:
- Imaammata, tarsiimoo fi seerota dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa ilaalchise bahan:
- hojii irra oolchuu;
- hojii irra akka oolan taasisuu;
- raawwii isaanii to’achuu;
- qaama seera darbee argame irratti tarkanffii sirreeffama ni fudhata, akka fudhatamuu
- Wal-dhabiinsi(falmii) hojii hojjetaa fi hojjechisaa giddutti uumamu waliigalteen akka hiikamuu fi nageenyi industirii akka uumamu taasisuu.
- Hojjetaa fi hojjechisaan mirga waldaan gurma’uu fi waliigaltee gamtaa akka ummatan jajjabeessuu fi deegarsa keennuu.
- Seerota dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa ilaalchise bahan irratti qaama dhimmi ilaalatuuf leenjii fi hubannoo keennuu, deegarsaa fi gorsa barbaachisu laachuu.
- Waldaalee hojetaa fi hojjechisaa galmeessuu, hordofuu, deegarsa ogummaa kennu, warqaa ragaa qaama seerummaa kennuu, haaromsuu, akka haqamu taasisuu.
- Waliigaltee gamtaa hunda’e xinxaaluun galmeessuu, hojii irra oolu isaa to’achuu, deegarsa ogummaa kennuu.
- Boordii murteessaa dhimma hojjetaa fi hojjechisaa naannoo baay’inaan jiranittii akka barbaachisummaa isaatti hundeessuu, humna nama barbaachisuu ramaduu, hordofuu, to’achuu.
- Dhaabilee/jaarmiyaalee misooma mootummaa fi dhuunfaa keessatti argamuun ta’annoo haala hojii gaggeessuu, dhaabileef dub-deebii kennuu, tarkanfii sirreeffama fudhachuu, akka fudhatamu taasisuu.
- Bu’ura Haala hojii, fayyummaa, nagummaa ogummaa fi naannoo hojii irratti qo’annoo gaggeessuu, bu’aa argame hojii irra oolchuu, hojii irra akka oolu taasisuu.
- Ragaalee industirii dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa sassabuu, qindeessuu, xinxaluu, qaama dhimmi ilaalatuuf odeeffannoo laachuu.
- Sadarkaa haala hojii (labour standards) ilaalchisee bahe hojii irra oolu isaa hordofuu, to’achuu, taarkanfii sirreeffamaa fudhachuu.
- Namoota (hojjetotaa) lammii biyyaa alaa ta’anii naannicha keessa socho’uun hojii adda addaa irratti hirmaatan hayyama hojii (Work permit) qabachuu isaanii to’achuu, warra hayyama malee socho’an irrattii tarkanfii sirreeffama akka fudhatamu taasisuu dha.
- Waliigaltee qaxarrii hojjetaafi hojjechiisaa gidduutti taasifamu ni mirkaneessa; ni galmeessa;
- Waliigaltee hojii ogeessa/hojetaa kontirataa fi kontiraktaraa, ogeessaa fayyaa fi abbaa qabeenya(kilinkaa, mana qorichaa) gidduutti ta’u mirkanneessuun qaama barbaaduuf(Biiroo/waajjira Fayyaa, Abbaa Taayita konsitrakishinnii) erguu;
- Ejensii dhuunfaa hojiifi hojjataa naannichaa keessatti walqunnamsiisuu barbaadaniif hayyama hojii ni kenna; ni haaromsa; ni hordofa; hojumaanni yoo cabe ni ittisa; ni haqa; (Bobba’insa hojii waliin kan hojjetamuudha)
- Ejensota hojii boobbii biyyaa alaaf Mootummaa Federaalaa irraa hayyama fudhataniifi naannichaa keesatti hojjatan galmeessuun ni hordofa; bakka seeraan ala hojjatanii argamanitti tarkaanfii sireefama akka fudhatamu ni taasisa; dub deebi ni kena; ni gabaasa.
- Kun Daayirkitooreetii(Garee) babal’ina bobba’insa hojiin kan hojjetamuu dha
- Odeeffannoo nageenya hawaasaa tokkummaa fi qooduun
- Dhaabbilee gargaarsa hawaasaa bu’uureffachuun fi hojiilee isaanii deeggaruun
- Qorannoo fi deeggarsa hojjettoota misooma hawaasaa kennuun
- Hawaasaa mirgoota namoota rakkina qaban, dabalataan umurii guddicha fi namoota miidhaman irratti barsiisuu
- Mirgoota fi faayidaa miidhamtoota eeguudhaan sagantaalee deeggarsaa hojiirra oolchu
- Maatii rakkina qabanitti gorsaa kennuu fi walitti dhufeenya maatii cimsuu
- Namoota umurii guddicha fi rakkina qaban gargaarsa sirrii fi xiyyeeffannaa kennuu
- Namoota umurii guddichaaf carraa hawaasaa keessatti hirmaachuu fi beekumsa isaanii qooduu uumuun
- Namoota rakkoo hawaasaa keessa jiranitti tajaajila hawaasaa kennuu
- Tajaajila nageenya hawaasaa kennuu fi mirgoota faayidaa argatoota eeguudhaan
- Maallaqa gargaarsa hawaasaa uumuun fi sirnaan bulchuu
- Dhaabbilee mootummaa alaa (NGOs) gargaarsa nageenya hawaasaa irratti hirmaachisuun
- Hojiiwwan namoota alaa fi dhaabbilee naannoo keessatti hojjatan hordofuu
- Teknoolojii ammayyaa fayyadamuun tajaajiloota nageenya hawaasaa fooyyessuu fi bu’aa isaanii cimsuu