Ergama

Waajjiri Abbaa Langaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee seera yakkaa fi imaammata sirna haqaa yakkaa kabachiisuu, mirga namoomaa fi bilisummaawwan bu’uuraa lammiiwwanii kabajuu fi kabachiisuu fi dantaa mootummaa fi uummataa eegsisuudhaan tajaajila Abbaa Alangummaa haala si’aawaa, qulqulluu fi dhaqqabamaa ta’een, akkasumas bilisummaa hojii fi al-loogummaa ofii eeggatee fi haqummaa qabuun raawwachuudhaan olaantummaa seeraa mirkaneessuun nagaa fi tasgabbiin hawaasaa akka fulla’u taasisuu.

Mul’ata

Bara 2022-tti, tajaajila Abbaa Alangummaa kennuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessuun Waajjira Abbaa Alangaa akka naannoo fi biyyaatti fakkeenya ta’ee arguu.

Duudhaalee

Manni Hojichaa duudhalee mataa ofii ol kaawwateefi dhawataan gabbifachaa deemuu fi adeemsaa fi sochii taasisu kamuu keessatti ittiin qajeelfamu qaba. Hooggansi, ogeessiifi hojjetaan Mana Hojichaa sadarkaa kamirratti argamu kamuu duudhalee kanaan qajeelfamuu, murtii dabarsuu, hojii hojjatuufi tajaajila kennuu keessatti duudhaalee kana calaqqisiisuufi ol-qabuutu irraa eegama. Duudhaaleen kunis:

Ol’aantummaa seeraa

Faayidaa uummataaf dursa kennuu, eeguufi eegsisuu

Bilisummaafi itti-gaafatamummaa ogummaa

Iftoomina

Hojmaata badaa fi malaammaltummaa jibbuu

Fakkeenyummaa

Hirmaachisummaa

Eejjennoo gaarii

Jijjiiramaaf qophaa’uufi hojjechuu

Beekumsaa fi amantaan hoogganuu

Miira tajaajiltummaa qabaachuu fi

Deebii wayitaawaa kennuu

Daangaa Raawwatiinsaa

YouTube
Instagram
Telegram
WhatsApp
FbMessenger
Tiktok
URL has been copied successfully!