Ergama (Mission)

Jireenyi haawasichaa akka fooyya’uuf qophii karoora Misooma Magaalichaa ogganuu fi kenniinsa tajaajila mana hojichaa cimsuun qabeenya  jiru  karaa bu’aa qabeessa,  ga’umsa,  iftoominaa  fi qindoomina qabuun hojii irra  ooluu isaa mirkaneessuu.

 Mul’ata (Vision)

Qabeenyi Magaalichaa karaa haqaa fi bu’aa qabeessa ta’een hojii  irra  oolee   magaalli keenyaa itti fufiinsaan  misoomtee, bara 2017ttii  ummatin Magalichaa Hiyyummaa Keessaa bahee Sadarkaa galii giddu galeessaa irra gahee arguu dha.

Duudhaalee Mana Hojii (Values)

Mul’atawaliinii (Shared Vision),

HawwiiJijjiramaa

Hirmaachisummaa (Participatory)

Qindoomina (Collaboration)

Waliin Hojjechuu (Team Spirit)

Haqummaa (Fairness)

Iftoomina (Transparency)

Miira Tajaajiltummaa

Karooraan Oogganamuu

Itti gaaffatamuummaa

Wal-qixxummaa koorniyaa

Aangoo fi Gahee Hojii Waajjira Mallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee

Bu’uura Labsii Mootummaa Caffee Oromiyaa kan Lakk.199/2008tti tumamee baheen, Biiroo Maallaqaa fi Walta’iinsa Dinagdee Oromiyaatiif aangoo fi gaheen hojiiwwan 18 kennamee keessaa sadarkaa Bulchiinsa magaalatti gahee armaan gadiitti tarreefamanni qabaata.

    1. Sirnaa fi kallattii qophii fi raawwii baajata naannichaa/magalaachaa ni diriirsa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
    2. Qoodiinsa baajataa ilaalchisee ulaagaalee barbaachisaa ta’an qoratee ramaddii baajataa haqa qabeessa ta’e ni qopheessa; Mana Maree Bulchiinsa Magalichaatiif ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha;
    3. Gaaffii baajata marmaartuu qoratee yaada waliin Mana Maree Bulchiinsa magalichaatiif ni dhiyeessa; baajata ragga’e ni bulcha; gaaffii baajata dabalataa ni qopheessa;
    4. Liqii fi gargaarsa sagantaa fi pirojektoota mootummaa naannichaa deeggaruuf kennaman mootummaa bakka bu’uun waliigaltee ni mallatteessa; raawwii baajataa isaa ni hordofa;
    5. Sochii misooma naannoo deeggaruu fi cimsuuf qaamolee gargaarsaa fi deeggarsa taasisan waliin qabeenyi adda addaa gara naannichaatti akka dhangala’u haala ni mijeessa;
    6. Akkaataa qophii fi dhiyeessa baajataa, bulchiinsa faayinaasii , bulchiinsa Qabeenyaa fi kan biroo irratti manneen hojii mootummaa magaliichaatiif deeggarsa teeknikaa fi dandeettii raawwachiisummaa isaanii ni cimsa; hojiiirra oolmaa isaa ni hordofa;
    7. Qaamoleen mootummaa imaammata, tarsiimoo, seerotaa fi qajeelfamoota bulchiinsa faayinaansii mootummaa irratti hundaa’uudhaan hojjachuu isaanii ni hordofa; nitoo’ata;
    8. Qabeenya bifa maallaqaa fi gosaan karaa seektaroota mootummaa fi dhaabbilee miti mootummaan gara Maagaliichaatti dhufan kamiyyuu ni hordofa; ni too’ata;
    9. Sirna qabiinsa baajataa fi herrega mootummaa, kaffaltii fi odiitii keessoo ni diriirsa hojiirra oolmaa isaa ni hordofa; ni too’ata; sanadoota herregaa ni qorata; ni qorachiisa; bu’aa isaa irratti hundaa’ee tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata;
    10. Sirna bittaa, bulchiinsaa fi itti fayyadama qabeenyaa mootummaa hammayyaa’aa ni diriirsa; hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
    11. Galiiwwan Maagalicha ilaalchisee humna galii mootummaa naannoo irratti qaama dhimmi ilaalu waliin qorannoo ni gaggeessa; qaama dhimmi ilaaluuf akka dhiyaatu ni taasisa; ni hordofa;
    12. Maallaqa, harshammeewwan maallaqaa fi qabeenya mootummaa magalicha ni bulcha; manneen hojiitiif kaffalatii ni raawwata; ni too’ata; badii maallaqaa fi qabeenyaa irratti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa; deeggarsa baajataa fi qooda qabeenya Maagalichaa mootummaa Nannoo fi Federaalaa irraa ergamu ni hordofa;
    13. Herrega waliigalaa Maagalichaa ni qopheessa; ni cufa; ibsa waliigalaa maallaqaa fi eegumsa qabeenya mootummaa agarsiisu yeroo yeroon ni qopheessa; mootummaa Fedeeralaa fi qaamolee dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa;
    14. Sirna qabeenyi mootummaa faayidaan ala ta’e yookiin tajaajila hin kennine itttiin buluu fi maqfamu ni diriirsa; akka maqfamu ni taasisa yookiin ni dabarsa; hojiirra oolmaa isaa ni too’ata;
    15. Qabeenyi socho’uu fi hin sochoone qaama mootummaa yookiin nama kamiyyuu jalatti hin bullee fi qabeenya abbaa hin qabne, mana murtiitti dhiyeessuun haalli bulchiinsa isaa akka murtaa’u ni taasisa;
    16. Liqii biyya keessaa mootummaan argatu mootummaa naannichaa bakka bu’uun ni mallatteessa; ni bulcha; raawwii isaa ni too’ata;
    17. Maallaqaa fi qabeenya Motumaa Maagalichaa irratti inispeekshinii ni gaggeessa; tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa.
    18. Nagahee galiin Magaalicha ittiin sassaabamu ni maxxansiisa; qaama dhimmi ilaaluuf ni raabsa; kan tajaajilaan ala ta’an ni sassaaba; ni too’ata
    19. Hojii kenna tajaajila lammummaa ni qindeessuun qaama dhimmi ilaaluuf gabaasa ni dhiyeessa.
YouTube
Instagram
Telegram
WhatsApp
FbMessenger
Tiktok
URL has been copied successfully!