Ergama (Mission) Waajjira

Qabeenya Aadaa fi Turiizimii Magaalichaa hirmaannaa ummataa fi qooda fudhattootaan qorachuu, misoomsuu fi beeksisuun gahee sektarichi badhaadhina biyyaa keessatti qabu mirkaneessuu.

 Mul’ata (Vission) Waajjira

Bara 2022tti Magaalaa Shaashamannee akka naannoo Oromiyaatti Aadaa gabbataan itti misoomee fi iddoo ga’umsa turistii filatamtuu taasisuu.

 Duudhaalee (Value) Waajjira

Ergama, mul’ata mana hojii fi  kaayyoo tarsiimo’aa galmaan gahuuf  WaajjiraAadaa fi Turiizimii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee duudhaalee falaasama sirna gadaa karaa cimina qabuun hojiirra oolchuu qaba.Haaluma kanaan, duudhaalee ijoon Waajjira Aadaa fi Turiizimii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee fi caasaalee isaa sadarkaan jiran keessatti calaqqifamuu qaban:-

  1. Tajaajila qulqullina qabu/Quality Service
  2. Kabaja Aadaa /Observance of cultural values/
  3. Aadaa hojii gaarii /Delegence/
  4. Kaka’umsaafi bu’aa qabeessummaa /Industriousness/
  5. Simannaa gaarii /Hospitality/
  6. Ittigaafatamummaa /Accountability/
  7. Iftomina /Transparency/
  8. Hirmaachisummaa /Participatory/

Aangoo fi Hojii Waajjira Aadaafi Turiizimii  Magaalaa Shaashamannee

Labsii  qaamolee raawwachiiftuu mootummaa naannoo irra deebiidhaan gurmeessuuf, aangoofi hojii isaanii murteessuuf bahe Labsii Lakk. 242/2014 hundaa’een waajjirichi aangoofi hojii armaan gadii ni qaba:

  1. Dhimmoota aadaa fi turiizimii Magaaliichaa ilaalchisee yaada imaammataa ni burqisiisa; hojiirra akka oolu ni taasisa; hojiirra oolmaa isaa ni deeggara;
  2. Afaan, seenaafi aartiin ummata Oromoo akka babal’atu ol’aan­tummaan ni hojjata; qaama Afaan, seenaafi aartii ummata Oromoo qoratuuf deeggarsa ni kenna; qaa­mota dhimmi ilaalu waliin ta’uun barnoota idilee keessatti akka hammataman haala ni mijeessa;
  3. Afaan Oromoo keessatti ga­raagarummaa lugaa xiqqeessuuf akkasumas waaltina Afaan Oro­moo irratti qaamoota hojjatan waliin ni hojjata; ni deeggara;
  4. Barmaatilee miidhaa geessisan kan qorannoon adda bahan ham­bisuuf hojii hubannoo uumuu ni hojjata; qaamota hojii walfakkaatu hojjatan waliin ni hojjata;
  5. Magaalichatti sirna haddaarsaw­wan seena qabeessa ta’an itti qo­rataman, galmaa’an, walitti qa­bamaniifi tajaajila qo’annoofi qorannootiif itti oolan, hawwata turistii ta’uun ittiin misoomaniifi gurmaa’an ni diriirsa;
  6. Magaalicha keessatti ragaalee aadaan walqabatan ni sassaaba; ni xiinxala; ni qindeessa; faayidaarra akka oolu qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa;
  7. Ogummaan aartii Oromoo kan akka gochummaa aartii gochimaa, aartii barruu, aartii argamaa, muuziqaa, diraamaa, fiilmiifi fakkii akka babal’ataniifi beekaman haala ni mijeessa; hojiin ogummaa uumee akka jajjabatanii­fi babal’atan ni taasisa; hayyama ogummaa aartii ni kenna;
  8. Masaraawwaniifi odoloota akka hambaatti ilaalamaniifi siidaaw­wan yaadannoo sirnaan akka qa­baman ni taasisa; deeggarsa bar­baachisaa ni kenna;
  9. Leenjiifi tajaajila gorsaa kennuun yookiin akka kennamu taasisuun dan­deettii raawwachiisummaa dhaab­bilee aadaa ni cimsa;
  10. Gareewwan hawwisoo akka gur­maa’an ni hojjata; cimanii akka of dan­da’an ni deeggara; haala ni mijeessa;
  11. Barreeffamootni beeksisaalee adda addaa Magaaliicha keessatti maxxanfaman safuufi duudhaalee hawaasaa kan eegan, dogoggora qubee fi seerluga Afaan Oromoo kan hin qabne ta’uu ni mirkaneessa; ni hordofa; ni to’ata; bakka hanqinni jirutti akkaataa seeraatiin tarkaanfii ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
  12. Mallattoo yookiin maqaafi fakkii daldalaa hambaa magaaliicha kees­satti argamaniin bahan sona see­naa hambaa kan hin miine ta’uu isaa ni mirkaneessa;
  13. Dhaabbileen tajaajila aadaa kan moo­tummaafi ummataa, godambaawwan, giddugaleessa aadaa, galmawwan aadaa, manneen kitaabaafi haddaarsaa, manneen tiyaatiraafi fiilmii magaaliicha keessatti akka babal’atan ni hojjata; haala ni mijeessa; hayyama ogummaa ni kenna; ni galmeessa;
  14. Sirna hambaaleen uumamaa­fi nam-tolchee magaaliichaa itti qoratamanii fi galmaa’an ni di­riirsa; sadarkaa ni kennisiisa; ni misoomsa; ni kunuunsa; ni supha; naanneessa hambaalee ni to’ata; hayyama ni kenna;
  15. Qaamolee guddina seektara aadaa keessatti bu’aa ol’aanaa galmeessan ni jajjabees­sa; beekamtii akka argatan ni taas­isa; ni badhaasa;
  16. Iddoowwan hambaalee seenaa, aadaa, amantaafi qabeenya uu­mamaafi kan kana fakkaatan kanneen sonaafi hawwatum­maa qaban seeraan akka daan­geeffamaniifi eegaman ni taasisa; ni misoomsa; misoomaafi eegum­sa isaanii irratti qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
  17. Manneen Maree, waldaalee, gu­miiwwan fi manneen murtii aadaa sadark­aa sadarkaan akka hundeeffaman haala ni mijeessa; deeggarsa ni kenna;
  18. Mana maree turiizimii magaaliichaa ni hundeessa; qaamolee miseensota ta’an ni qindeessa; ni hordofa;
  19. Dhaabbilee kenna tajaajila aadaa­ ilaalchisee ulaagaa ni baasa; hayyama ogummaa ni kenna; ni haaromsa; ni haqa; qa­ama dhimmi ilaalu waliin leenjii ni kenna; deeggarsa ogummaa ni kenna; ni to’ata; qaama dhimmi ilaalu waliin sadarkaa ni kenna;
  20. Qabeenyi aadaa uumamaa hawwa­ta turizimii akka eegamu hojii hu­bannoo cimsu ni raawwata; carraa misoomaa jiru ni beeksisa; investi­mentiin turizimii akka babal’atu qa­ama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
  21. Pirojektoota investimentii misooma dhaabbilee aadaa irratti dhiyaatan ni gamaag­gama; yaada ogummaa qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa; dee­ggarsa ogummaa ni kenna; hojii isaanii ni hordofa;
  22. magaalicha keessatti mooggasni adabaabaayii, daandii, godinaa magaalaa, aanaa, gandaafi jaarmi­yaalee adda addaa maqaa gana­maatti akka sirratu qaama dhim­mi ilaalu waliin ni qorata; akka qoratamu ni taasisa; yammuu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
  23. Haddaarsaalee seena qabeessa ta’an walitti ni qaba; ni galmeessa; ni gurmeessa; tajaajila qo’annoo fi qorannootiif akka oolan ni taasisa;
  24. Haddaarsaaleen magaalicha sirnaan akka qabaman ni hordofa; manneen hojii keessatti kanneen yeroon tajaajila isaanii xumurame waliitti ni qaba; ni kunuunsa;
  25. Leenjiiwwan dagaagina ogummaa aadaa akka kennamu ni taasisa; akka barbaachisaa ta’etti wiirtuu leenjii ni hundeessa;
  26. Namoota yookiin dhaabbilee dhuunfaa hojii tajaajila hiika afaanii kennuu barbaadaniif waraqaa ragaa mirkaneessa gahumsaa ni kenna.
YouTube
Instagram
Telegram
WhatsApp
FbMessenger
Tiktok
URL has been copied successfully!