Aangoo fi Hojii Waajjira Barnoota B/Mag/Shaashamannee
Labsii lakk. 162/2003, keewwata 18 keewwata xiqqaa 1 hanga 28 irratti fooyya’ee baheen aangoo fi hojiin Waajjira Barnoota B/MaG/Shaashamannee akka armaan gadiitti ibsamee jira.
- Manneen barnootaa Olmaa Daa’immanii, sadarkaa tokkoffaa fi Lammaffaa hundeessuu fi bulchuu.
- Karoora barnootaa naannoo irraa ka’uun,karoora yeroo gabaabaa,giddugaleessaa fi yeroo dheeraa baasuu fi raawwii isaa mirkaneessuu.
- Barnoonni dhaabbilee mootummaanis ta’u mit-mootummaan kennamu gulantaa (Standard) biyyaa fi adunyaa kan eeggate ta’uu isaa mirkaneessuu.
- Barnoonni sadarkaa tokkoffaa lammii magaalaa hundaaf akka gahu,tooftaa baasuu,hordofuu fi raawwachuu.
- Bakkeewwan barnoonni hin geenye addaan baasuun walgitiinsi barnootaa akka jiraatu karoorsuu fi hordofuu.
- Baajata mootummaatiin manneen barnootaa haaraan ijaaraman yoo jiraatan,ulaagaa qopheessuun,ganda manni barnootichaa itti ijaaramu murteessuu.
- Barnoonni qulqullinaa fi gahumsaan dhiyaachuu isaa mirkaneessuuf, supparviijinii barnootaa sadarkaa Magaalaa fi mana barnootaatti cimsuu.
- Hawaasichi Boordii Barnootaa fi Leenjii keessatti,Gamtaa Maatii-Barsiisotaa ( Parent Teacher Association) keessatti hirmaachisuun abbaa barnootichaa ta’ee akka socho’u taasisuuf, koreewwan Magaalaatti,gandaattii fi manneen barnootaatti akka dhaabbatan deggarsa kennuu,sirriitti hojjechuu isaaanii hordofuu.
- Rakkoolee fi dhimmoota barnoota magaalaa irratti kan mari’atuu fi haalli hirmaannaa hawaasaa akka cimu kan yaada maddisiisu koraa fi samiinaara qopheessuu, walittifufuun hojiiwwan dandeettii ijaaruuf oolan raawwachuu.
- Koreewwan gandaa fi Gamtaa Maatii-Barsiisotaa magaalichaa,Muuxannoo akka waljijjiiraniif haala mijeessuu.
- Hojii Barnootaa keessatti dhaabbilee mootummaa,Mit-Mootummaa, ummataa,ogeeyyii barnootaa fi namoota dhuunfaa gumaacha olaanaa godhan badhaasuu,fakkeenyummaa isaaniis sab-qunnamtii ummataatiin iftoomsuu.
- Barsiisota Olmaa Daa’immanii, sadarkaa tokkoffaa fi 2ffaa mindeessuu
- Barsiisota Magaalichaaf ramadaman haala walgitiinsa qabuun manneen barnootaaf hiruu.
- Hirmaannaa hawaasaa,barnoota keessatti cimsuun waldorgommiin gaariin akka uumamu taasisu.
- Hawaasichi miira abbummaatiin kan ittiin hogganamu,manneen barnootaa ijaaruun,meeshaalee barnootaa dhiyeessuuf humnaan yookiin maallaqaan carraaqqii mootummaa fi mit-mootummaa akka deggaru taasisuuf tooftaa barnoonni itti babal’atu,wal-gitiinsaa fi qulqullina qabaatu baasuu fi hojii irra oolchu