Ergama
Beekumsa, humna, fi qabeenya hawaasaa gurmeesuu fi qindeessuun, hojjii misooma qonnaa teknoloojjii ammayyaan deggaramee gaggeessuu fi paakeejjiiwwan oomishaa fi omishtummaa jabaana itti fufiinsaan dinagdee qonnaa dursamuu uumuu; jiruufi jireenya hawaasaa magaalaa fi baadiyaa bu’uuraan jijjiiruu fi hojjachuu.
- Lafti horsiistonni qaban akka qinda’uu, qabeenya beeyladaa fi qurxummii akka eegamuu, misoomuu fi kunuunsamu ni taasisama.
- Mala horsiisa ammayyaa mijataa ta’eetti fayyadamuudhaan, teeknoolojii fooyya’aa dhiyeessuu, dandeettii isaanii cimsuu fi gargaarsa ogummaa kennuu.
- Seerota too’annoo cimsuu dhaan omishaa fi omishtummaa haala itti fufiinsa qabuun akka guddatu gochuuf ni hojjata.
- Kutaa dinagdee qabeenya beeyladaa fi qurxummii gabaan oogganamu ni uumama.
Mul’ata
Bara 2017tti:
- Qonna hammayaa’ee fi hawaasa hiyyummaa keessaa bahe uumuu.
- Horsiistotaa beeyladaa magaalaa keenya keessaa teeknoolojii misooma beeyladaa fi qurxummii bu’aa qabeessa ta’eetti fayyadamuun omisha gabaa addunyaa irratti dorgomaa ta’e baay’ina fi qulqullinaan oomishuu.
- Jiruufi jireenya horsiistonni isaanii bu’uuraan jijjiiramee arguu.
- Misoomni beeyladaa hammayyaa’ee guddina industiriif gahee ol’aanaa qabu uumuu.
Duudhaalee
Kaayyoo tarsiimoo galmaan ga’uuf, caasaaleen Qonnaa, Misoomaa Beeyladaa fi Qurxummii:
- Kabaja maamilaa.
- Qophaa’ina jijjiiramaa.
- Iftoomina.
- Miira garee (Team spirit).
- Hirmaachisummaa.
Itti Gaafatamummaa
Aangoo fi gahee hojii waajjira:
- Tajaajila ekisteenshinii fi leenjii kennuu.
- Ilbiisota oomishaa irratti miidhaa geessisan to’achuu.
- Daldala seeraan alaa farraa ilbiisootaa ni to’ata, tarkaanfii seeraa fudhata.
- Misooma wiirtuulee leenjii ni qindeessa.
- Dandeettii ogeessota fi qonnaan bultootaa guddisuuf leenjii kennuu.
- Teekinoolojii fooyya’aa dhiyeessuu fi raabsuu irratti hojjachuu.
- Horsiistota fi investeroota misooma qonnaatti bobba’aniif deeggarsa kennuu.
- Guddina wabii nyaataa mirkaneessuuf sagantaalee qopheessuu.
- Gabbina biyyee fi asiidummaa biyyee fooyyessuuf teekinoolojii babal’isuu.
- Daldala callaa guddistuu fi qabeenya bosonaa ilaalchisee too’annoo seeraa gaggeessuu.
- Misooma sululaa fi qabeenya bishaanii gaggeessuu.
- Tajaajila eegumsa fayyaa beeyladaa kennuu.
- Misooma nyaata beeyladaa gaggeessuu.
- Callaa guddistuu irratti qo’annoo gaggeessuu fi gabaa qopheessuu.
- Sirna qulqullina oomisha qonnaa mirkaneessu fi hojii irra oolchuuf deeggarsa kennuu.
Hojii Ijoo
Misooma beeyladaa, qabeenya bosonaa fi sululaa, akkaataa itti fayyadama teeknoolojii haarawaa, fi sadarkaa gabaa keessatti dhiyeessii qulqullinaa eegsisuu irratti xiyyeeffachuun hojjachuun, dinagdee fi jireenya hawaasaa irratti fuuleffata.