MUL’ATA (VISION)
Bara 2022tti Magaalaa Shaashamanee keessatti misoomni daldala fi gabaa dagaagee, jiruu fi jireenyi ummata magaalichaa fooyya’ee gara biyyoota galii giddugaleessaatti guddatee arguu dha.
ERGAMA (MISSION)
Sirna daldalaa fi gabaa hammayya’aa fi haqa-qabeessa ta’e diriirsuun, oomishni qulqullinaa fi yeroo isaa eeggate baay’inaan gabaa biyya keessaa fi biyya alaatti akka dhiyaatu taasisuun, galii guddisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu dha
DUUDHAALEE WDBMA (CORE VALUES)
Ittigaafatamummaa (Accountability)
Iftoomina (Transparency)
Tajaajila gahumsaa fi bu’aa qabeessummaa qabu (Efficiency and Effectiveness)
Hirmaachisummaa (Participatory)
Jijjiiramaaf hojjachuu (Work for Change)
Qindoominaan hojjachuu (Cooperation)
Malaan maltummaa irratti kutannoon qabsaa’uu
Tajaajila maamila giddu galeessa godhate kennuu
Ogummaa fi dandeettii bu’aa qabatamaaf oolchuu fi Jijjiiramaaf qophaa’uu
Aangoo fi Gahee Hojii Waajjirichaa
Akkaataa Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooyya’ee bahe, labsii lakk.242/2014 irratti ibsameen aangoo fi hojiin Biiroo Daldalaa Oromiyaaf kennamee bakka bu’ummaan waajjirri keenya hojiirra oolchaa jiru akka armaan gaditti ibsameera.
- Qo’annoo fi qorannoo fedhii gabaa ni gaggeessa, bu’aa isaa hirmaatttonnii fi qooda
fudhattoonni gabaa akka hubatan ni taasia; hojiirra ni oolcha; - Oomishaalee carraa gabaa biyya keessaafi biyya alaa amansiisaa ta’e qoratee tarsiimoo gabaa ni qopheessa;
- Walitti hidhamiinsi gabaa cimaa fi itti fufiinsa qabu hirmaattota gabaa sadarkaa adda
addaa irra jiran oomishtoota, sassaabdota, daldaltoota jimlaa fi qinxaaboo, al-ergitoota,industiriiwwan, fayyadamtootaafi kan kana fakkaataan gidduutti akka jiraatu nitaasisa; ni qindeessa; ni hordofa; - Oomishaalee industrii biyya alaatii galan kan bakka bu’uu danda’an addaan baasuun
naannicha keessatti oomishamuuf carraa jiru ni qorata; hojiitti akka jijjiiramu tarsimooni qopheessa; walitti hidhamiinsa gabaa ni uuma; - Oomishaalee industrii carraa gabaa biyya alaa bal’aa fi amansiisaa ta’aniifi bu’aa
qabeessa ta’an, akkasumas naannicha keessatti oomishamuu danda’an ilaalchisee
carraafi fedhii jiru qoratee addaan ni baasa; haala babal’achuu danda’u irratti ni
hojjata; - Gabaan oomishaalee naannichaa akka babal’atuu fi bifa itti fufiinsa qabuun fedhii fi
dhiyeessiin akka walsimu ni taasisa; - Oomishaaleen qonnaa naannichaa gabaa biyya keessaafi biyya alaa irratti akka
beekaman taasisuufi hojii daldalaa babal’isuuf agarsiisa daldalaa fi baazaarii ni
qopheessa; qaamolee hirmaatan ni affeera; qaamolee agarsiisa daldalaa qopheessaniif
hayyama ni kenna; ni to’ata; - Giddugalli agarsiisa daldalaa, baazaarii fi konfireensii qoratee akka hundeeffamu yaadani dhiyeessa; yammuu hayyamamu qaamota dhimmi ilaalu waliin ni hundeessa; nibulcha;
- Bitattoota biyya keessaafi biyya alaa oomisha bituu danda’an addaan ni baasa; ni
qindeessa; walitti hidhamiinsa gabaa ni uuma; - Ijaarsa qaamolee birootiif seeraan hin kennamne iddoowwan gabaa oomisha sadarkaa
jalqabaa, lammaffaafi sadaffaa naannicha keessatti bakka barbaachisu hundatti ni
hundeessa; sirna ittiin bulmaataa ni diriirsa; qaama abbummaan bulchutti ni dabarsa;
raawwii isaa ni hordofa; giddugalawwan gabaa hammayyaa adda addaa akka
hundeeffaman ni jajjabeessa; - Wiirtuulee sassaabbiifi tamsaasa odeeffannoo gabaa ni hundeessa; sirna sassaabbiifi
tamsaasa odeeffannoo gabaa hammayyaa’aa ni diriirsa; dandeettii itti fayyadama
teknolojiifi humna namaatiin ni cimsa; odeeffannoo gabaa yeroofi qulqullinaan qaamadhimmi ilaalu irraa ni sassaaba; ni qindeessa; ni xiinxala; ni tamsaasa; - Rakkoo walitti hidhamiinsa gabaa oomishni qonnaafi Interpiraayizootni Maayikiroo
Xixiqqaa qaban qaama dhimmi ilaalu waliin ni qorata; yaada furmaataa ni dhiyeessa;
carraa gabaa amansiisaa akka argtan deeggarsa ogummaa ni kenna; - Sirna gabaa oomishaalee qonnaa tarsimo’aa ta’an ni diriirsa; hojiirra ni oolcha; hojiirraoolmaa isaa ni hordofa; ni to’ata;
- Gochaa fi hojimaata tasgabbii sirna gabaa jeeqan madda isaanii waliin yeroo yeroon
qorachuun tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa; - Hirmaattotaafi qooda fudhattoota gabaa naannichaa haala gabaa addunyaa yeroo
yeroon jijjiiramu irratti dandeettiin hirmaannaa isaanii akka cimu gochuuf leenjiifi
hubannoo barbaachisu ni kenna; - Jijjiirama gabaa gatii oomishaalee waliin walqabatee uumamu ni qorata; yaada
furmaataa waliin qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; yammuu mirkanaa’u hojiirra nioolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa; ni hordofa; ni to’ata; - Oomishaalee naannichaa al-ergii sirni diriireef ni qindeessa; hayyama dabarsa daandii
ni kenna; ni hordofa; ni to’ata; tarkaanfii bulchiinsaa ni fudhata; tarkaanfii seeraa akkafudhatamu ni taasisa; qonnaan bulaan yookiin horsiisee bulaan omisha isaa gara
gabaatti geeffatu xalayaa deeggarsaa dabarsa daandii qaama dhimmi ilaaluun kennameqabaachuu ni to’ata; - Oomishaalee qonnaafi industirii seeraan ala akka hin sochoone keellaawwan akka
hundaa’an qaama dhimmi ilaallatuuf ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu ni gurmeessa;
ni bulcha; ni hordofa; ni to’ata; tarkaanfii bulchiinsaa ni fudhata; tarkaanfiin seeraas
akka fudhatamu ni taasisa; - Oomishaalee qonnaafi industirii sadarkaalee dirqisiisoo Itoophiyaa qaban ni hordofa; nito’ata;
- Walitti dhufeenyi gabaa magaalaafi baadiyyaa gidduu jiru akka cimu deeggarsa
barbaachisu ni kenna; - Akkaataa barbaachisummaa isaatti interpiraayizoota misoomaa gabaa oomisha qonnaairratti bobba’an ni qorata; akka hundaa’aniif yaada murtoo mootummaaf ni dhiyeessa;ni to’ata.
- Sadarkaa gahumsa ogummaa bahe irratti hundaa’uudhaan daldaltoota dhuunfaafi
dhaabbilee hojii daldala bunaa, shaayii, urgooftuufi mi’eessituu irratti bobba’aniif
hayyama mirkaneessa gahumsa hojii daldalaa ni kenna; ni deeggara; - Hojii daldalaa qaamolee mootummaa birootiif seeraan hin kennamin bu’uura
imaammatootaafi tarsimoowwan daldalaa mootummaan baase hojiirra akka oolan ni
taasisa; adeemsa isaa ni qindeessa; ni gaggeessa; - Seerotni hojii daldalaa to’achuuf bahan hojiirra ooluu isaanii ni mirkaneessa;
daldaltoota dhuunfaa fi dhaabbilee daldalaa adda addaa irratti to’annoo ni gaggeessa;
hojiin daldala seeraan alaa akka hin raawwatamne ni ittisa; tarkaanfii bulchiinsaa ni
fudhata; tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu ni taasisa; - Meeshaalee daldalaa, yeroo ittifayyadama isaa fi sirrummaa madaalliifi safartuu
meeshaalee daldalaa, akkasumas raabsa meeshaalee bu’uuraa beeksifni ummataa irrattibahe gatiifi facaatii isaanii ni to’ata; - Daldala dhuunfaa, dhaabbataafi waldaalee hojii daldalaa irratti bobba’uu barbaadaniif
hayyama hojii daldalaa ni kenna; ni haaromsa; ni to’ata; ni dhorka; ni haqa; - Investeroota naannicha keessattii hojii investimentii irratti bobba’aniif tajaajila
galmeessaa fi hayyama hojii daldalaa ni kenna; ni haaromsa; ni dhorka; ni haqa; qaamadhimmi ilaalatuuf ragaa ni dabarsa; - Dubartootniifi dargaggootni hojii daldalaa irratti waldaadhaan akka gurmaa’an ni
jajjabeessa; gorsaafi deeggarsa teeknikaa ni kenna; - Qunnamtiin daldalaa naannoolee biroo waliin taasifamu haala waldeeggaraa ta’een
akka babal’atuufi cimu haala ni mijeessa; - Galmee daldala naannichaa ni hundeessa; ni bulcha; akkasumas maqaa daldalaa
qulqulleessuun ni galmeessa; waraqaan ragaa akka kennamu, akka fooyya’u, bakka
bu’een maqaa daldalaa akka kennamu, akka dhorkamuufi haqamuuf haala ni mijeessa;hojiirra oolmaa isaa ni hordofa; ni to’ata; - Ragaaleen galmeessaafi hayyama daldalaa teknolojii ammayyaatiin deggeramee
kuusdaataattii akka kuufamufi bifa qindaa’een tajaajilaaf akka oolu ni taasisa; raawwiiisaas ni hordofa; - Waldaa daldala akisiyoonaa qaama ijaaruu barbaadan bu’uura seera daldala
Itoophiyaafi Labsii galmeessaa fi hayyama daldalaatiin akka gurmaa’aniif tajaajila gorsaa ni kenna; - Sochii hojiilee daldala kubaniyootaafi dhaabbilee daldala biroo akkasumas waldaalee
seekteraa ni hordofa; ni deeggara; ragaa hojii isaanii akka dhiyeessan ni taasisa; hojichani hooggana; ni hordofa; ni to’ata; - Misooma hojii daldalaa fi gabaa ilaalchisee qorannoowwan ni gaggeessa;
odeeffannoowwan walitti ni qaba; ni xiinxala; ni qindeessa; qaama dhimmi ilaaluuf ni
tamsaasa; - Tajaajila gorsaa fi ragaa kennuuf kan dandeesiisan ragaalee qorannoo qindeessuu fi xiinxaluun tajaajila galmeessaa daldalaa fi hayyamaa kennuu irratti haala mijataa ni
uuma; - Hojimaata daldalaa booddeetti hafaa ta’an ammayyeessuuf gargaaran irratti qorannoo ni gaggeessa; bu’aalee qorannoo irratti hundaa’uudhaan yaada furmaataa ni dhiyeessa; yaada imaammataa ni burqisiisa;
- Paakeejii hojii daldala ammayyeesuufi babal’isuu danda’u adda ni baasa; kanneen sirriita’an irratti maanuwaalota leenjii ni qopheessa; dorgommiin daldalaa akka cimu nitaasisa; hojiilee barnoota hubannoo hawwaasa bal’aafi daldalaa babal’isan ni kenna;
- Dhaddachi mirga fayyadamtootaa ilaalu haala itti gurmaa’uu danda’u irrattii Mana
Murtii idilee keessaatti akka hundeeffamu yaada mootummaaf ni dhiyeessa; hojiirra
oolmaa isaa ni hordofa; - Waliigaltee firaanchaayizii fi firaanchaayizerii naannoo keenya keessatti gaggeeffamubu’uura ulaagaa taa’uun raawwatamuu isaa ni mirkaneessa; ni galmeessa;
- Daldala daangaa fi Firaankoo Vaalutaa naannoo keenya keessattii gaggeeffamu bu’uuraseera rogummaa qabuun gaggeeffamuu isaa ni to’ata; tarkaanfiin barbaachisu qaamadhimmi ilaaluun akka fudhatamu ni taasisa;
- Seerota daldalaa fi gabaa akka biyyaattis ta’ee akka naannootti bahanii hojiirra jiran
irratti qorannoo ni gaggeessa; raawwii keessatti qaawwa mul’atan adda baasuun
qaama dhimmi ilaaluuf yaada furmaataa walin ni dhiyeessa; - Manni maree daldalaafi waldaaleen seektaraa haaraan akka hundeeffaman ni taasisa;
seektarootaaf deeggarsa ogummaafi teeknikaa ni kenna; kanneen ijaaramanii jiran ni
jajjabeessa; - Galmee dhaabbilee daldalaa wabiin qabaman ni qindeessa; ni to’ata; ni eega; ni bulcha;
- Sagantaalee adda addaa qopheessuudhaan imaammata, tarsiimoofi seerota misooma
daldalaa ilaallatan qaamolee dhimmi ilaalu hunda biratti hubannoon akka uumamu ni
taasisa; - Daldalli hammayyaa’eefi sadarkaa isaa eeggate akka babal’atuufi hooggansi hojii
daldalaa akka cimu hawaasa daldalaaf deeggarsa ogummaafi teeknikaa ni kenna; - Galmeessi kiraa meeshaalee kaappitaalaa fi waliigalteewwan akka raawwatamu,
sartefikkeetiin abbummaa akka kennamu, fooyya’u, haqamuufi ragaaleen akka gurma’aaniif ni qindeessa; - Mirga fayyadamtootaa akkaataa seeraatiin ni kabachiisa; akka kabajamu ni taasisa;
waldaaleen fayyadamtootaa akka gurmaa’an ni jajjabeessa; ni hordofa; ni deeggara.