Ergama
Hoggansa Qabeenya Namaa, Gurmaa’insaa Fi Hojimaata Magaalichaa Hammayyeessuun Ga’umsaa Fi Bu’a Qabeessummaa Pabliik Sarvisii Mirkaneessuu.
Mul’ata
Bara 2022ttiPabliikSarvisiiGahumsi Fi Bu’a Qabeessummaan Isaa Mirkanaa’e Uumuu Dha.
Duudhaalee
- Itti-Gaafatamummaa
- Jijjiiramaaf qophaa’uu
- Gareen hojjachuu
- Teeknoolijii fayyadamuu
- Miira Tajaajjiltummaa
- Ogumma’uu (Professionalism
Aangoo fi Gahee Hojii Waajjira Pabliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee
Waajjirri paabliik Sarviisii fi misooma qabeenya nama Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Labsii Qaamoolee Raawwachiiftu Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin gurmeessuuf bahe Lakk.213/2011 Aangoo fi gahe hojii Waajjirichaa keewwata 18jalatti kennameef haala itti aanu kanaan tarreeffameera.
- Imaammata, tarsiimoofi seerota gurmaa’insa, hojimaataafi misooma qabeenya namaa ilaalchisee bahan hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolan ni taasisa; hojiirra oolmaa isaanii ni hordofa, ni gamaaggama; sirreeffama barbaachisaa ni godha;
- Imaammata leenjiin biyya keessaafi alaa itti raawwatamu qopheessuun qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
- Karoora tarsiimaa’aa bulchiinsa qabeenya namaa naannichaa qopheessee mootummaaf ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu hojiirra akka oolu ni godha; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa; ni to’ata; ni madaala;
- Karoora tarsiimaa’aa bulchiinsa qabeenya namaa naannichaa irratti sirreeffamni akka taasiifamu mootummaaf yaada ni dhiyeessa; yeroo hayyamamu sirreeffama ni godha;
- Gahumsaafi bu’aa qabeessummaa pabliik sarviisii naannichaa yeroo yeroon ni madaala; tooftaalee gahumsaafi bu’a qabeessummaan pabliik sarviisii naannichaa itti ijaaramu ni qopheessa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
- Dhaabbileen ijaarsa dandeetiitiif barbaachisaa ta’an akka hundeeffamaniif mootummaa naannichaaf yaada ni dhiyeessa; yeroo hayyamamu qamoota dhimmi ilaalu waliin hojiirra ni oolcha; dhaabbilee kana ni deeggara; ni cimsa;
- Manneen hojii mootummaa keessatti hojii dandeettii raawwachiisummaa cimsuuf hojjatamaniif deeggarsa barbaachisaa ni kenna;
- Dandeettii raawwachiisummaa dubartootaa guddisuuf xiyyeeffannaa addaatiin ni hojjata; akka hojjatamu ni taasisa; ni hordofa;
- Aanaalee naannichaa xiyyeeffannoo addaa barbaadaniif sagantaa ijaarsa dandeettii addaa ni qopheessa; hojiirra ni oolcha; raawwii isaa ni hordofa;
- Hojiiwwan riifoormii naannicha keessatti gaggeeffaman irratti qorannoo ni gaggeessa; riifoormichi hojiirra akka oolu xiyyeeffannoo addaatiin ni hojjata; deeggarsa ni kenna;
- Waltajjiiwwan ummataa, leenjiiwwaniifi woorkishooppii bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf gargaaran ni qopheessa; leenjii ni kenna; akka kennamu ni taasisa; bu’aa isaa ni madaala;
- Sagantaalee ijaarsa dandeettii seektara mootummaa ni qindeessa; kenniinsi tajaajilaa dhaabbilee mootummaa ittifufiinsaan akka fooyya’u tooftaa ni diriirsa; raawwii isaa ni hordofa; ni madaala;
- Manneen hojii mootummaa sadarkaa hundatti argamu keessatti sirni bulchiinsa gaarii dhugoomsuuf dandeessisu diriiruu isaa ni mirkaneessa; akka diriiru ni taasisa; deeggarsa ni kenna;
- Muuxannoowwan gaggaarii raawwii bulchiinsa gaarii keessatti argaman qindeessuudhaan bakka hundatti akka babal’atan ni taasisa;
- Manneen hojii mootummaa, dhaabbilee misoomaa mootummaafi damee dhuunfaa keessatti tooftaa qabeenyi namaa itti fufiinsaan itti misoomuufi faayidaa irra itti oolu ni baasa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
- Foo’annaafi qaxarriin hojjattoota mootummaa naannichaa gahumsa irratti kan hundaa’e akka ta’u qajeelfama dandeessisu ni baasa; hojiirra oolmaa isaa ni to’ata; ni madaala; akka barbaachisummaa isaatti sirreeffama ni godha;
- Pabliik sarviisiin naannichaa gahumsaafi raawwii hojiirratti hundaa’ee kaffaltiifi onnachiiftuu adda addaa akka argatu sirna dandeessisu ni diriirsa; bu’a qabeessummaa isaa ni madaala; tarkaanfii fooyya’iinsaa barbaachisaa ta’e hunda ni fudhata;
- Sirna hordoffii naamusa hojjattoota mootummaa naannichaa ni diriirsa; raawwii isaa ni hordofa;
- Manneen hojii mootummaa naannichaa keessatti istaandaardiin kenniinsa tajaajilaafi sirni keessumeessa komii diriiruufi hojiirra ooluu isaa ni mirkaneessa; bakka hanqinni jirutti sirreeffamni barbaachisaa ta’e akka taasifamu ni godha;
- Sirna hooggansa odeeffannoo qabeenya namaa ammayyaa ta’e manneen hojii mootummaa naannichaa hunda keessatti ni diriirsa; haala walfakkaatuun akka ijaaramu ni taasisa; giddugaleessa madda ragaa kanaa ta’uun ni tajaajila;
- Dhimma hojjattoota mootummaa umrii sooramaatii ol ta’an hojiirra tursuu irratti akkaataa seeraatiin murtii dhumaa ni kenna;
- Qajeelfama ramaddii sadarkaa gita hojii bahu irratti hundaa’uun ramaddiin hojii pabliik sarvaantii akka raawwatamu ni taasisa; raawwii isaa ni hordofa;
- Sirrummaa gurmaa’insa manneen hojii mootummaa naannichaa irratti qorannoo gaggeessuun manneen hojii akka walitti makaman, akka diigaman, haaraan akka hundaa’an, itti waamamni isaanii akka jijjiiramu, aangoofi hojiin isaanii akka jijjiiramu, yaada murtii Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaaf ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu qaama dhimmi ilaalu waliin hojiirra ni oolcha;
- Manneen hojii mootummaa gurmaa’insaafi fedhii humna namaa isaan barbaachisu haala itti murteeffachuu danda’an irratti qajeelfama ni qopheessa; yammuu hayyamamu hojiirra akka oolu ni taasisa; raawwii isaa ni hordofa;
- Foo’annoofi filannoo, ramaddii, guddina sadarkaa, daballii mindaa, jijjiirraa, leenjiifi naamusni pabliik sarvaantii akkaataa seeraafi qajeelfama mootummaatiin akka raawwatamu ni taasisa; raawwii isaa ni hordofa;
- Manneen hojii mootummaa keessatti akkaataa carraan hojii dubartootaa itti guddatuufi koreewwan dhimma hojjataa ilaallatan keessattis haala itti hirmaatan ni mijeessa; hojiirra akka oolu ni taasisa; raawwii isaa ni hordofa;
- Manneen hojii mootummaa keessatti bulchiinsa qabeenya namaa ilaalchisee dhimmoota seeraan ala raawwataman qoratee tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
- Madaallii raawwii hojii hojjattoota mootummaa ilaalchisee qajeelfama ni qopheessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolchaa; hojiirra akka oolu ni taasisa; raawwii isaa ni hordofa;
- Komiifi iyyannoo hojjattoota mootummaa irraa dhiyaate akkaataa seeraatiin murtii ni kenna; ol’iyyannoo dhiyaate irratti murtii dhumaa ni kenna; murtii kenname ni raawwachiisa;
- Hojjattoota gahumsa dhabuu yookiin hir’ina naamusaatiin hojiirraa geggeeffaman irraa iyyata dhiyaatu ilaaluun murtii dhumaa ni kenna;
- Gosa kaffaltii durgoo, onnachiiftuu adda addaafi iskeelii mindaa qorachuun Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif ni dhiyeessa; yammuu murtaa’u hojiirra ni oolcha; raawwii isaa ni hordofa;
- Manneen hojii mootummaa amala addaa qaban irratti bu’uureffachuudhaan iskeeliin mindaa adda ta’e akka qoratamu mootummaan yammuu ajajamu qoratee Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu raawwii isaa ni hordofa;
- Tooftaalee pabliik sarviisii naannichaa jijjiiran yeroo yeroon qorachuun hojiirra akka oolan ni taasisa.