Ergama (Mission)

Industirii konistiraakshiinii keessatti Sirna reegulaatorii cimaa diriirsuun hojiirra oolchuu, gahuumsa guddisuu fi qulqullina ijaarsaa eegsisuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuudha.

Mul’ata (Vision)

Bara 2022tti Industirii konistiraakshiinii Oromiyaa akka biyyaatti dorgomaa fi fakkeenya badhaadhinaa ta’e arguudha

Duudhaalee (Core Values)

Waajjiri Konistiraakshiinii Bulchiinsa Magaala Shaashamannee Duudhaalee armaan gadii ni qabaata. Isaanis:-

  • Ogummaan tajaajiluu (professionalism)
  • Naamusaa fi Amanamummaa (Ethics & Honesty)
  • Miira kalaqaa (Innovation)
  • Itti gaafatamummaa (Accountability)
  • Miira gareetiin hojjachuu (Team Spirit)
  • Tajaajila Gahumsa Qabu kennuu (Efficiency)
  • Hirmaachisummaa (Participatory)

Aangoo fi Gahee Hojii Abbaa Taayitaa Konstiraakshiini

Akkaataa labsii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiidhaan gurmeessuu, Angoo fi gahee hojii isaanii murteessuuf ba’e lakk.242/2014 Keewwata 45 irratti ibsameen aangoo fi gaheen hojii Abbaa Taayitaa Konistiraakshiinii Oromiyaa diigdamii sagal /29/ kan kennameef ta’uu ni beekama. Bu’uuruma kanaan Aangoo fi gaheen akka armaan gadiitti ibsameera.

  1. Gatii yeroo meeshaa ijaarsaa fi humna namaa qindeessuudhaan seektarootni konistiraakshinii akka beekan ni taasisa.
  2. Haala hirmaannaan hawaasaa itti babal’atu ni qorata; hojiirra ni oolcha.
  3. Sadarkaa fi Koodota Ijaarsaa ni qopheessa.
  4. Dizaayinii Inveestimentii ni xiinxala, ni mirkaneessa, eeyyama hojii ijaarsaa ni kenna.
  5. Jijjiirama yookiin dabalata hojii ijaarsaa, gatii, waldiddaa pirojektoota ijaarsaa ni hiika.
  6. Ijaarsota Pirojektoota mootummaa ni hordofa ni to’ata.
  7. Fedhii hojiiwwanii fi dizaayinii naannichaa ni qoraata.
  8. Sadarkaa Hojii Konistiraakishinii ni baasa.
  9. Sochii damee hojiiwwan konistiraakshinii ol’aantummaan ni gaggeessa; raawwii isaa ni hordofa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjaata.
  10. Sadarkaa caalbasii, ijaarsaa fi walharkaa fuudhiinsa ni hordofa.
  11. Ijaarsawwan meeshaalee ijaarsaa naannootti argamuun ijaaraman akka walmadaalan ni taasifamu.
  12. Gaaffiin eeyyama ijaarsaa yommu dhihaatu xiinxaluun ni kenna, ni haaressa
  13. Sadarkaa gorsitootaa ni murteessa; gabaasa raawwii hojii gorsitoota ni qorata; kaffaltii tajaajila isaanii ni mirkaneessa.
  14. Dizaayinoota gorsitootaan qophaa’an ni mirkaneessa
  15. Hojiiwwan misoomaa fi to’annoo Industirii Konistiraakshinii ni raawwata.
  16. Bu’uura seera gamootiin hojiiwwan qulquleessa pilaanii magaalotaa ni raawwata; dizaayinii ni gamaagama; hayyama ijaarsaa fi itti fayyadamaa ni kenna.
  17. Waajjira Shumii Gamoo ni gurmeessa; ni hooggana; ni too’ata; galteewwan ijaarsaa irratti qorannoo fi qo’annoo ni gaggeessa; dhaabbileen barnootaa ol’aanoo hojii qo’annoo fi qorannoo irratti akka hirmaatan ni qindeessa.
  18. Waldaalee maayikroo fi xixiqqaa hojii gorsaa fi konistiraakshinii akka dhaabamu taasisuu.
  19. Hojii ijaarsaa keessatti carraan hojii humna namaatiin raawwatamu akka babal’atu ni jajjabeessa; (Fkf: akka hojiiwwan waliin gahiinsa daandii fi bishaan baadiyyaa,) irraatti bal’inaan akka hojiietamu ni taasifama.
  20. Sadarkaa dizaayinii bulchiinsa kontiraataa, ijaarsaa fi gatii pirojektoota ijaarsaa akka qophaa’u ni taasisa; kan qophaa’ee dhiyaate ni mirkaneessa; mootummaaf gorsa ni kenna.
  21. Bu’uuraalee misooma magaalota keeessatti hojjatamaniif hojii dizaayinii fi sadarkaa ijaarsaa eeggatanii hojjatamuu isaanii ni xiinxala; ni mirkaneessa.
  22. Laboraatoorii meeshaalee konistiraakshinii naannichaa ol’aantummaa ni bulcha; galteewwan konistiraakshinii laaboraatooriidhaan qoratamani tajaajila ijaarsaatiif ooluu isaanii ni mirkaneessa.
  23. Hayyama maashinarii konistiraakshinii fi dhiyeessa meeshaalee ijaarsaa ni kenna; ni haaromsa; hanqinni yoo jiraate sirreefama barbaachisaa ta’e ni fudhata; akka fudhatamus ni taasisa.
  24. Bittaawwan konistiraakshinii ni too’ata; akka too’atamus ni taasisa;
  25. Madaallii gahuumsa ogummaa ogeeyyii konistraakshinii qaama dhimmi ilaalu waliin akka gaggeeffaman ni taasisa. (Fkf; BLTO waliin ta’uun ogeessotaa fi anaatsotaatiif ragaa gahumsaa kennuu)
  26. Hojii ijaarsaa irratti hirmaachuuf gaaffiin hayyama kontiraakitarummaa fi gorsitoota yammuu dhiyaatu xiinxaluudhaan heeyyama oogummaa ni kenna;ni haaromsa; sadarkaa ni guddisa; ni galmeessa; heeyyamni kenname seeraa fi naamusaan ala hojiirra ooluu isaa yoo mirkanaa’e ni haqa; haala raawwii isaanii irratti hundaa’uun kontiraakitarootaa fi gorsitoota gareedhaan addaan baasee sektaroon akka beekan ni taasisa;
  27. Sadarkaa gorsitootaa ni murteessa; gabaasa raawwii hojii gorsitoota ni qorata; kaffaltii tajaajila isaanii ni mirkaneessa;
  28. Teknolojii Qunnamtii Odeeffannoo (TQO) ammayyaatti fayyadamuun Sirna hooggansa pirojektootaa fi qabiinsa ragaa diriirsuun hojiirra akka oolu taasisuu.
  29. Bu’uuraalee misooma adda addaa kan akka ibsaa, bishaanii, bilbila, daandii, sarara dhangala’aafi kanneen biroo magaalota keessatti dizaayiniifi sadarkaa ijaarsaa eeggatanii ijaaramuu isaanii to’annoo taasisuun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu akka fudhatamu taasisuu
YouTube
Instagram
Telegram
WhatsApp
FbMessenger
Tiktok
URL has been copied successfully!