Ergama
Hojiirra oolmaa imaammattootaa fi tarsiimoowwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii gahumsaan hordofuu, deeggaruu fi raawwachiisuun ummata Magaalichaa fayyadamaa taasisuudha
Mul’ata Waajjirichaa
Bara 2022tti Magaalaa akka biyyaatti fakkii badhaadhinaa taate arguu dha.
Duudhaalee Waajjirichaa
Waajjirri kantiibaa fakkii naannoo Oromiyaa kan ibsuu fi iddoo guddaa kan qabu waan ta’eef hojii isaa gaggeessuu keessatti duudhaalee gurguddoon fakkii kana ni ibsu jedhaman akka itti aanutti tarreeffamanii jiru.
- Mula’ata walinii (Shared Vision),
- Hawwii Jijjiiramaa (Optimistism)
- Hirmaachisummaa (Participatory)
- Aantummaa fi kabaja ummataa:
- Iftoomina (Transparency)
- Miira Tajajiltummaa
- Itti gaaffatamuummaa
- Gahumsa:
- Gareen hojjechuu:
Ibsa Duudhaalee Ijoo
- Mula’ata walinii (Shared Vision): Mana hojii keenya keessatti hojattootni adda addaa hojiilee gara garaa yaa hojjatan malee hunduu ergamaa fi mul’ata mana hojiichaaf kan hojjatu ta’uun isaa beekamaa dha.Kanaafuu hojjetaan mana hojii keenyaa hundi hojii sadarkaa adda addatti raawwatu bu’aan hojii isaa fiixaan ba’insa mul’ata mana hojichaa keessatti ga’ee qabaachuu isaa beekee hojii hojjetu mul’ata sanaaf kan gumaachu ta’uu isaa hubachuun hojii isaa raawwachuu qaba.
- Hawwii Jijjiramaa (Optimistism): Haala Addunyaan yeroo amma irra jirtuun Jarraan odeeffannoo guddina saayinsii fi teekinooloojiitiin walqabatee Jijjirama saaffisaan kan gutamtee fi adunyaan gara mandara tokkotti kan jijjirama jirtu dha.Haaluma walfakaatuun haalli Ooggansaa (Management Approach) fi haallii meeshaa ooggansaa kan akka sirna karoorsuu,hordofuu fi deeggaruu yeroodhaa gara yerootti jijjirama aja`ibsiisaan kan deema jiru ta`uu isaa hubachuun ni danda`ama . Haaluma walfakkaatuun, hojjataan mootummaatis jijjirama adunyaa kana faana tarkaanfachuun imaammataa fi tarsiimoo mootummaa hordofanii hubachuudhaan tajaajila irraa barbaadamu gahumsaa fi qulqullinaan keennanii guddina ariifachiisaa mirkaneessuuf hawwii qabachuu qaba. Kana dhugoomsuuf karoora misoomaa haala fedhii ummataa guutuu danda`uun qopha`ee kana keessatti sirna hordoffii fi deegarsaa yeroo yeroon foyyeessaa deemuun , dafanii hojiitti hiikuu fi sirna raawwii jijjiirama irraa argame ittiin madaalan diriirsuu aadaa goonee ittiin deemnu ta’uu qaba.
- Hirmaachisummaa (Participatory) : Hojiiwwanii fi murteewwan caasaan bulchiinsaa ganda irraa kaasee hanga naannootti jiruun raawwatamanii fi murtaa’an ummata sadarkaa sanatti jiru guutumaa guutuutti kan ilaallatanii fi qaamni hedduun kan itti dhimmamu waan ta’eef, hojiiwwanii fi murteewwan caasaa bulchiinsaa sadarkaa sadarkaan jiru raawwatuu fi murteessu hundi hirmaannaa bal’aan irraa eegama. Kanaafuu, qaamni waajjirichaa hundinuu hojii raawwatu hunda keessatti hirmaachisummaa guutuun raawwachuu qaba.Yaadawwan murtee kantiibaa fi mana marii bulchiinsa magaalichaaf dhiyaatan, akkasumas, dhimmootni hirmaannaan dhimmamtootaa irratti barbaachisu hundi haala hirmaannaa guutuu mirkaneesseen gabbatanii dhiyaachuu qabu. Ummatni, gareen hawaasaa fi qaamni dhimmii na ilaala jedhu hundi hojii irratti dhimmamu hundarratti odeeffannoo argachuu fi dhaggeeffatamuu irraa kaasee akka barbaachisummaa isaatti hanga murtee irratti sagalee kennuutti hirmaachifamuu qaba. Akka kanaan waajjirri kantiibaa hojii raawwatu hunda keessatti hirmaachisummaa adeemsa hojiiwwanii fi murteewwan ittiin kennaman taasisuun sona hojii isaa idilee ittiin raawwatudha.
- Aantummaa fi kabaja ummataa: Waajjirri kantiibaa fi caasaan bulchiinsaa sadarkaa sadarkaan jiru qaama hoggansa ol’aanaa magaalichaa waan ta’eef ummataaf aantummaa fi kabaja qabaachuu qaba. Qaamni waajjirichaa hundinuu ittifayyadamummaa ummataa mirkaneessuu keessatti dhimmoota gumaachan hundaaf dursa (priority) haala kennuu dandeessisuun hojii isaa raawwachuu fi faayidaa dhuunfaa irra faayidaa ummataa dursuun hojii isaa gaggeessuutu irraa eegama. Waajjira kantiibaa fi caasaa bulchiinsaa sadarkaa sadarkaan jiru hunda keessatti ummata tajaajila barbaaduuf gara waajjirichaa dhufu hunda kabajaan simachuun tajaajila saffisaa fi haqa-qabeessa kennuun sona ijoo hojiin ittiin raawwatamun kan madaalamudha.
Kanaafuu, murtii haqa-qabeessa kennuun, murtii kenneef hojiirra oolmaa isaatiif aarsaa raawwichi gaafatu hunda kafaluuf qophii ta’uun murtiin waajjirichaan kennamu hojiirra akka oolu gochuun sona ijoo waajjirichaa ta’a.
- Iftoomina (Transparency): Bulchiinsi gaariin biyya tokko keessatti dagaaguun isaa kan ittiin mirkanaa`u hojii raawwatamuu keessaatti iftoomina qabaachuu fi wali-hubachaa deemuun waliigaltee irra gahuun yoo danda`amee dha . Kanaafuu akka Waajjira kantiibaatti Bulchiinsa Mootummaa Naannootti dhimmoota raawwataman karoorsuu irraa eegalee hanga murtoo keennuutti hirmaachisuudhaan iftoomina uumaa deemuun galma gai`iinsa ergamaa fi Mul`ata mana hojichaa keessaatti gaheen inni qabu olaanaa dha. Kanaafuu, raawwii hojii, tajaajila lammiif kennuu, fi gabaasa raawwii qulqullina qabu qopheessuun dhiheessuu irratti qamnii hundinuu iftoomina qabaachuun dudhaa keenya ta`uu qaba
- Miira Tajaajiltummaa: Tajaajila saffisaa fi qulqullina qabu keessatti qamni tajaajila kennu kamiyyuu maaliif akka hojjetu fi eenyuuf akka hojjetu itti amanee yoo fudhatee dha . Kanaafuu ooggansa dabalatee qaamni sivil sarvisii kamiyyuu bakka ramadametti gahee hojii isaa irraa eegamu haala bu’a qabeessa ta’een raawwachuun dirqama lammuummaa fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu isaa ta`uu beekuun tajaajilaa saffisaa, qulqullina qabu fi bu’aa qabeessa ta’e hawaasaaf kennuu akka ta’e beekee aadaa isaa yoo godhate dha.Kanaafuu akka tajaajilaa ummataa tokkotti miira tajaajiltummaa qabachuun dudhaa mana hojii keenyaa ta`uu qaba.
- Itti gaaffatamummaa:-Adeemsa birokraasii keessatti namni kamiyyuu bakka ramadamee irratti aangeffamee itti gaafatamuummaa isatti kenname beekee fudhachuun dirqama lammummaa isaa ba’uun hojii kamiifuu murteessaa dha. Kanaafuu oogansa irraa kaasee hanga raawwataatti ga’ee fi dirqama ofii beekuun hojjechuun hojii gaarii hojjetame keessaatti ittigalateeffamuus ta’e badii raawwatame keessatti ittigaafatamuu ofii beekanii raawwachuun aada hojii keenya ta’uu qaba.
8.Gahumsa: Qaamni hoggansaa fi ogeessi waajjira kantiibaa akkasumas caasaa bulchiinsaa sadarkaa sadarkaan jiran keessatti argamu beekumsaa fi dandeettii karoorsuu, hordofuu, deeggaruu, gamaaggamuu fi tarkaanfii sirreessaa fudhachuu isa dandeessisu qabaachuu qaba. Kana jechuun qaama hordoffii fi deeggarsa taasisuuf caalaa beekumsaa fi dandeettii fooyya’aa qabaachuutu irraa eegama. Waan kana ta’eef waajjirri kantiibaa ogeessa gahumsa akkasii qabuu fi keessattuu ogummaa qorannoo gaggeessuudhaan raawwii imaammataa fi tarsiimoo irratti xiinxala adeemsiisuu danda’uun kan guutamu ta’a.
9.Gareen hojjechuu:Hojiiwwan ijoos ta’e deeggarsaa waajjiricha keessatti hojjetaman gareedhaan kan hojjetamanidha. Gareen hojjechuun tajaajila maammiltootaaf kennamu saffisiisuu caalaayyuu karoorri waajjirichaa qulqullinaa fi gahumsaan akka raawwatamu gumaacha guddaa qaba.Kanaafuu, hojiiwwan ogummaa fi beekumsa waliigalaa gaafatan rawwachuuf beekumsi ogeeyyii adda addaa bira jiru walittiqindaahee hoggansa gahumsa qabu kennuu akka dandeessisuuf duraan dursa sadarkaa gareetti mariidhaan gabbatee dhihaachuu qaba. Kana gochuuf immoo miirri gareen hojjechuu fi afuura garee (team- spirit) qabaachuu hojii waajjirichaa galmaan gahuuf iddoo guddaa waan qabuuf duudhaa waajjirichi hojiisaa ittiin gaggeessudha.
Aangoo fi gahee hojii waajjirichaa (duities and responsibilities endorsed by law)
- Pirezidaantii fi Manni Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaa aangoo fi hojii isaanii raawwachuu akka danda’an haala ni mijeessa.
- Imaammata, Tarsiimoo fi sagantaalee manneen hojiirraa burqan ni qindeessa; ni xiinxala; yaada Murtii Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaa tiif ni dhiyeessa;
- Hojiirra oolmaa Imaammattootaa, tarsiimoowwanii fi sagantaalee misoomaa mootummaa naannichaa ilaalchisee hordoffii fi deeggarsa ni taasisa.
- Yaadawwan murtee Pirezidaantiif ykn Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiif dhiyaatan ni qorata, ni xiinxala, yaada murtee ni ni dhiyeessa, yeroo murtaa’e ni raawwata, ni raawwachiisa; raawwii isaanii ni hordofa; deeggarsa barbaachisaa ni kenna;
- Sirna Dhimmoonni bulchiinsaa, Iyyannoo fi komiin uummataa ittiin keessummeeffamu ni diriirsa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa; tooftaa adda addaatiin uummanni akka beeku ni taasisa;
- Iyyannoo fi gaaffiiwwan abbaa dhimmaa irraa dhiyaatan simachuun ni keessummeessa; deebii ni kenna; kanneen sadarkaa isaatti furmaata argachuu hin dandeenye Pirezidaantiif yookiin Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiif yookiin qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuun murtii akka argatu ni taasisa;
- Gosoota Baay’inaa fi sababoota komii uummataa yeroo yeroon qorachuun yaada furmaataa waliin qaama murtii kennuuf ni dhiyeessa;
- Hojii biroo Mana Marii Bulchiinsaa maagaatiinii fi kantiibaadhaan kennamuuf ni raawwata.
Xiinxala Aangoo fi gahee hojii waajjirichaa (duities and responsibilities endorsed by law)
9. Kantiibaa fi Manni Marii Bulchiinsaa magaalichaa aangoo fi hojii isaanii raawwachuu akka danda’an haala ni mijeessa.Imaammata, Tarsiimoo fi sagantaalee manneen hojiirraa burqan ni qindeessa; ni xiinxala; yaada Murtii Mana Marii Bulchiinsa magaalichaatiif ni dhiyeessa;
Hojiirra oolmaa Imaammattootaa, tarsiimoowwanii fi sagantaalee misoomaa mootummaa magaalichaa ilaalchisee hordoffii fi deeggarsa ni taasisa.
- Hojii irra olmaa Imaammattootaa, tarsiimoowwanii fi sagantaalee misoomaa mootummaa magaalichaa ilaalchisee hordoffii fi deeggarsa Akkaataa karoora keessatti qabameen hojii irra olmaa isaa gabaasota seektaraalee irraa dhiyaatan xiinxaluu, qindeessuu fi supparviizinii walirraa hin cinne gaggeessudhaan bu’aan argames qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyaachaa turee yoo ta`u kallattiiwwan bu’aa hojii irra olmaa isaa irraa argame qindeessun hojiitti hiikkamuu isaa hordoffii fi deeggarsi taasifamaa turuu isaa xiinxalamee jira
Yaadawwan murtee kantiibaaf ykn Mana Marii Bulchiinsa Magaalichaatiif dhiyaatan ni qorata, ni xiinxala, yaada murtee ni dhiyeessa, yeroo murtaa’e ni raawwata, ni raawwachiisa; raawwii isaanii ni hordofa; deeggarsa barbaachisaa ni kenna;Akka Waajjira Bulchiinsaatti Yaadawwan murtee kantiibaaf ykn Mana Marii Bulchiinsa Magaalichaaf dhiyaatan qorachuun xiinxaluu, yaada murtee dhiyeessu , yeroo murtaa’e raawwachuu fi raawwachiisun hojii irra olmaa isaanii hordofuu deeggaruu fi bu’aawwan argaman hanqinaa fi ciminoota raawwii keessatti muudatan adda baasun qaama dhimmi ilaallatuuf yeroo yeroon dhiyeessaa turee jira. Xiinxala gaggeeffameenis bu’aa guddaan akka galma’ee adda baasun danda’amee jira.Sirna Dhimmoonni bulchiinsaa, Iyyannoo fi komiin uummataa ittiin keessummeeffamu ni diriirsa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa; tooftaa adda addaatiin uummanni akka beeku ni taasisa;
- Sirnoota dhimmoonni bulchiisaa, iyyannoo fi komiin uummataa ittiin keessummaa’u diriisuun walqabatee aangoo fi gahee hojii waajjirichaaf kenname giddu galeeffachuun sirnichi akka diriiruu fi dhaqabamaa akka ta’uuf yeroo gara yerootti hojii guddaan hojjetamaa turee jira. Xiinxala yeroo yeroon gaggeeffamaa tureen ammallee kan hafu ta’uun adda bahee jira.
- Hojii irra olmaa isaa hordofuun kallattii fayyadamuun uummataa ittiin mirkana’u hojii bal’aan akka waajjira keenyaatitti hojjetamaa turee jira.
Iyyannoo fi gaaffiiwwan abbaa dhimmaa irraa dhiyaatan simachuun ni keessummeessa; deebii ni kenna; kanneen sadarkaa isaatti furmaata argachuu hin dandeenye kantiibaaf yookiin qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuun murtii akka argatu ni taasisa;
- Simannaa fi keessummeessa iyyannoo fi komii uummataatin walqabatee iyyannoo fi gaaaffii abbaa dhimmaa irraa dhiyaatu simachuun keessummeessuu keessatti dhimmoota dhiyaatan ilaalun akkaatuma danbii keessatti tumameen akka raawwatamaa jiru xiinxalamee jira.
Gosoota Baay’inaa fi sababoota komii uummataa yeroo yeroon qorachuun yaada furmaataa waliin qaama murtii kennuuf ni dhiyeessa;
- Baay’ina fi sababoota komiin ittiin dhiyaatan adda baasuu komii xaxamaa addaan baasu tartiibessuu fi qorannoon maddoota komii miidhaa bulchiinsaa geessisan irratti akka gaggeeffamu gochuun walqabatee hojii bal’aan hojjetamaa akka jiru Xiinxalamee jira.
Hojii biroo Mana Marii Bulchiinsaa magaalichaa fi Kantiibaadhaan kennamuuf ni raawwata;
- Hojiiwwan Mana Marii Bulchiinsaamagaalichaa fi Kantiibaadhaan kennaman akka Waajjira kantiibaatti karaa guutuu ta’een bahachaa kan turee fi bahachaa jiraachun xiinxalamee jira.
Akka walii galaatitti Waajjirichi Gahee fi Aangoo kurnan (10) keessa saddeetan (8) labsiin kennameef qixa barbaadamuun hojii irra olchaa akka jiruu fi caalmatti ce’uumsa magaalichaa kanneen dhugoomsan yeroo yerootti qorachuun akka hojii irra oolaniif gumaacha guddaa gochuu irra darbee galma ga’uumsa isaatifis hordoffii fi deeggarsa walirraa hin cinne gaggeessaa jiraachun xiinxalamee jira.Baroottan darban keessatti hojiiwwan Immaammata, Tarsiimoo fi Sagantaalee manneen hojiirraa burqan xiinxaluun qaama dhimmi ilaallatuuf yeroo yeroon dhiyeessun walqabatee dhimmoota Imaammataa fi tarsiimoo irratti milka’ina guddaan akka galma’e xiinxalamee jira.
- Haldureewwan raawwii hojii Kantiibaa fi Mana marii Bulchiinsa magaalichaa qixa barbaadamuun akka galmaan gahaniif haalota jiran hunda mijeessun raawwiin argames quubsaa ta’uun xiinxalamee jira.