Galma

Magaalaan  shaashamannee giddugala turiizimii ,konfiransii,  midhagduufi hawwattuu taatee arguu dha.

Ergama(Mission)

Qabeenya turiizimii magalichaa fi naannawaa hirmaannaa uummataafi qooda fudhattootaan qorachuu, misoomsuufi beeksisuun gahee sektarichi badhaadhina biyyaa keessatti qabu mirkaneessuu.

Mul’ata (Vission)

Bara 2022tti Magaalaan Shaashamannee akka biyyaatti iddoo hawwatni turizimii itti misoome fi iddoo ga’umsa turistii filatamtuu taasisuu.

Waajjirri  Turiizimii Magaalaa  Shaashamannee labsii lakk.211/2012tiin  hunda’uun labsii caaffee MNO irra deebiidhaan gurmeessuu,aangessuu , aangoofi hojii isaanii murteessuuf labsii Lakk.242/2014 bahe irratti hundaa’uun  Amajjii 2016 irraa kaasee aangoo hojii fi ergamoota kennameef bu’ura godhachuun gara hojiitti  kan galedha.

Aangoo fi gahee hojii mana hojichaa

KTOn bu’uura dambii 212/2012n dhaabbata mootummaa sadarkaa naannootti gurmaa’ee, Dhaabbata turiizimii Oromiyaa bifa addaan jijjiiruun itti fayyadamummaa hawaasaa, adda durummaa Oromiyaa fi guddina diinagdeef gumaacha akka buusutti kan ijaarameedha. Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa Labsii Qaamolee Raawwachistuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra Deebiin Gurmeessuu, Aangoo Hojii Isaanii Murteessuuf Bahe, Labsii Lakk.242/2014 baaseen aangoo mana hoji keenyaaf kenname akka armaan gadiitti fooyya’aeera. Haaluma kanaanis Waajjirichi aangoo fi hojii armaan gadii ni qabaata, Aangoon waajjirichaaf kenname akka magaalaa keenyaattis hojii irra ni oola.

  1. Qabeenya turiizimii magaalaan qabu adda ni baasa; ragaa isaanii ni qindeessa; ni gurmeessa; tajaajila barbaadamuuf ni oolcha; akka oolu ni taasisa;
  2. Qabeenya umamaafi nam-tolchee hawwata turiizimii magaalaa keessatti argaman ni qorata; lafa hawwata turistii misooma turiizimiif qofa ooluu qaban qaama dhimmi ilaalu waliin adda baasuun akka zoonii turiizimiitti akka daangeffamu ni taasisa; haala misooma isaa irratti hojimaata ni diriirsa; qaamota dhimmi ilaalu waliin akka misoomu ni taasisa; haala ni mijeessa; ni too’ata;
  3. Iddoowwan hawwata turiizimii magaalaan qabdu irratti hojii dijitaalessuu ni raawwata;
  4. Iddoowwan gahumsa turistii, oomishaalee fi tajaajilli turiizimii magaalichaa dorgomaa akka ta’aniifi ittifufiinsa akka qabaatan ni taasisa; karoora, hoggansaa fi misooma qabeenya namaa gahumsa qabu akka jiraatu ni taasisa; iddoowwan turiizimiitti tajaajila qulqulluu, misooma investimantii fi bizinasii turiizimii akka jiraatu ni hojjata; ulaagaalee fi carraawwan gabaa waliin akka walitti hidhaman ni taasisa;
  5. Carraawwan turiizimii magaalaan  qabdu beeksisuun maqaa gaarii magaalichaa ni ijaara; iddoowwan gahumsa turistii mijataa fi hawwataa akka ta’an ni taasisa; iddoo gahumsa turistii fi oomisha turizimii magaalichi qabu beeksisiisuuf qaamolee mootummaa fi dhuunfaa waliin ni hojjata;
  6. Seektara turiizimii maallaqaan deeggaruuf qaamolee adda addaa waliin michummaa uumuun ni hojjata;
  7. Qorannoo irratti bu’uureeffachuun Fandiin turiizimii akka hundaa’u qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; yemmuu mirkanaa’u ni bulcha; misooma investimantii turiizimiitiif ni oolcha;
  8. Iddoowwan hawwata turiizimii irratti hojiiwwan misoomaa ni hojjata; akka hojjatamu qaamolee adda addaa waliin qindoominaan ni hojjata; kanneen misooman qaama bulchuuf ni dabarsa;
  9. Bu’uuraalee misoomaa iddoowwan gahumsa turistiif barbaachisan adda baasuun Boordiif ni dhiyeessa; murtee Boordichaa irratti hundaa’uun qaamolee misoomsaniif ni dhiyeessa; raawwii isaas ni hordofa;
  10. Tooftaawwan piromooshinii garagaraa fayyadamuun iddoowwan hawwata turiizimii Magaalaan qabdu biyya keessaa fi biyya alaatti ni beeksisa; akka beeksifamu qaamolee adda addaa waliin ni hojjata;
  11. Qaamolee mootummaa, miti-mootummaa fi qooda fudhattoota guddina industirii turiizimii keessatti gahee qaban waliin qindoominaan ni hojjata;
  12. Xiinxala misooma gabaa turiizimii gaggeessuun qabeenyi turiizimii magaalaichaa dorgomaa ta’ee gabaaf akka dhiyaatu ni taasisa;
  13. Wiirtuuwwan odeeffannoo tajaajila turistii iddoowwan murteessoo ta’an irratti banuun tajaajilli akka kennamu ni taasisa;
  14. Ragaawwan yaa’insa turistii biyya keessaa fi biyya alaa, akkasumas galii turiizimii irraa argamu ni qindeessa; qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa;
  15. Qorannoowwanii fi gumee qorannoo misooma turiizimii qopheessuun Dhaabbilee deeggartoota turiizimii biyya keessaa fi biyya alaa barbaaduun ni dhiyeessa; raawwii isaatiifis qindoominaan ni hojjata;
  16. Sochii turiizimii (daawwannaafi daawwachiisaa) magaalichaa keesssatti gaggeeffamu ni hordofa; haalli mijaa’aa tajaajila turiizimii akka jiraatu qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
  17. Hawaasni naannoo hawwattoota turiizimiitti argamu misooma tajaajila turizimii irratti hirmaachuudhaan fayyadamaa akka ta’u haala ni mijeessa; ni deeggara;
  18. Dhaabbilee kenna tajaajila turiizimii ilaalchisee ulaagaa ni baasa; hayyama ogummaa ni kenna; ni haaromsa; ni haqa; qaama dhimmi ilaalu waliin leenjii ni kenna; deeggarsa ogummaa ni kenna; ni to’ata; qaama dhimmi ilaalu waliin sadarkaa ni kenna;
  19. Pirojektoota investimentii misooma dhaabbilee turiizimii irratti dhiyaatan ni gamaaggama; yaada ogummaa qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa; deeggarsa ogummaa ni kenna; hojii isaanii ni hordofa
  20. Hawwattoota Turiizimii haala addaatti gatiin isaanii murtaa’uu qaban galii fi gatii daaawwannaa isaanii ilaalchisee qaama dhimmi ilaaluuf yaada ni dhiyeessa ; yommuu mirkanaa’u hojiirra akka oolu ni taasisa
  21. Hojiiwwan biroo guddina industirii turiizimiif faayidaa argamsiisan ni hojjata.

Toora Xiyyeeffannoo fi Bu’aawwan Toora Xiyyeeffannoo

Lak Tooraalee Xiyyeeffannoo Bu’aalee Toora Xiyyeeffannoo
1 Qorannoo fi Misooma Qabeenya Turizimii Qabeenya turiizimii misoome irraa ummata fayyadamaa ta’e
2 Misooma Gabaafi Piroomoshinii Turiizimii Misooma gabaafi piromooshinii gaggeeffameen yaa’insa turistii dabale
3 Ga’umsaafi Misooma Dhaabbilee Tajaajila Turiizimii Gahumsaafi qulqullina tajaajilaa dhaabbilee turiizimii dabale
4 Qindoomina qoodha fudhattootaa Ciimsuu Hojii qindoominaan hojjatameen jijjiirama dhufe
5 Misooma Ragaafi Tekinooloojii Ragaafi teknoolojii misoomee tajaajilaaf oole
6 Ijaarsa Dandeettii Dandeettii raawwachiisummaa dabaleen jijjiirama dhufe
YouTube
Instagram
Telegram
WhatsApp
FbMessenger
Tiktok
URL has been copied successfully!