Haala Baruu fi Barsiisuu Irratti Marii taasifame
Haala Baruuf Barsiisuu Manneen Barnootaa hunda Cimsuu fi Cabiinsa Barnootaa Suphuuf Hunduu Gahee Ofii Bahuu Qabu Jedhame.
Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee: Hojii Supparviizhiinii Deeggarsaa fi Hordoffii
Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee hojii supparviizhiinii deeggarsaa fi hordoffii bu’aa irratti xiyyeeffate manneen barnootaa keessatti qooda fudhattoota waliin marii taasisaniiru. Waajjirichi koree supparviizhiinii barnootaa hundeessuun, hojii deeggarsaa fi hordoffii manneen barnootaa magaalichaa keessatti gaggeessaa tureera.
Hojiin ji’a lamaaf itti fufiinsaan gaggeeffameen, hanqinaalee fi ciminaalee mul’atan adda baafachuun:
- Kan hanqinaatti ilaalaman fooyyessuu,
- Kan akka ciminnaatti ilaalaman immoo itti fufsiisuu.
Hojiilee qorannoo supparviizhiinii karaa Ogeessa Waajjira Barnootaa Magaalaa, Obbo Jaarsoo Hinikkaatiin dhiyaatee booda, mariin irratti gaggeeffamee jira. Dhimmi baruuf barsiisuu irratti xiyyeefachuun, manneen barnootaa mijataa taasisuun, qulqullinna barnootaa mirkaneessuu akka qabu adda bahee jira.
Dhimmoonni Marii keessa Ka’aman
- Faciliitii Manneen Barnootaa:
Manneen barnootaa mijataa ta’an uumuuf xiyyeeffannoo kennamuu qaba. - Ibsa Itti Gaafatamaa Waajjira Barnootaa, Obbo Dastaa Adishoo:
Obbo Dastaa akka jedhanitti, sirna supparviizhiinii cimsuun:- Haala baruu fi barsiisuu fooyyessuu,
- Cabiinsa barnootaa suphuu,
- Manneen barnootaa mijataa taasisuu irratti hojii itti fufiinsaan gaggeeffamaa jira.
- Hanqinoota Adda Ba’an:
- Hanqinaalee bu’uuraa irraa furuuf tarkaanfiin fudhatamuu qaba.
- Cabiinsa barnootaa fi haala baruuf barsiisuu fooyyessuu irratti xiyyeeffannaan kennamuu qaba.
- Ibsa Itti Aanaa Waajjira Barnootaa, Obbo Kabbadaa Badhaasoo:
Obbo Kabbadaan akka jedhanitti:- Qulqullinna barnootaa bu’uuraa irraa sirreessuuf:
- Barattoota, barsiisota, hooggansa sadarkaa jiranii fi hawaasa bal’aan hirmaachisuun jijjiirama fiduu.
- Nyaata barataa fi barsiisaa milkeessuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun qindoominaan hojjatamaa jira.
- Qulqullinna barnootaa bu’uuraa irraa sirreessuuf:
- Ibsa Daayirekterri Qorannoo, Pro. Jamaal Shaanqoo:
Pro. Jamaal akka ibsanitti:- Cabiinsa barnootaa hunda keessatti sirnaan deebisuun, qulqullinna barnootaa jabeessuuf barsiisota gahee isaanii bahuu qaban.
- Manneen barnootaa istaandaardii fi faciliitii isaanii cimsuuf xiyyeeffannaan hojjatamuu qaba.
Kaka’umsa Dura Bu’ootaa fi Barsiisota
- Dura bu’ootaa fi barsiisota manneen barnootaa keessaa:
- Supparviizhiinii hojii deeggarsaa fi hordoffii taasifameen kaka’umsa horachuun, hojii itti fufiinsaan gaggeeffamu bu’aa olaanaa fiduu akka danda’u eeraniiru.
Gamaaggama Duub-Deebii Manneen Barnootaa
- Gamaaggama gaggeeffamaa ture irratti duub-deebiin kenname:
- Qulqullinna barnootaa fi cabiinsa barnootaa suphuuf galtee ta’uu isaa.
- Hanqinaalee manneen barnootaa keessatti mul’atan qindoominaan furuuf tumsa hunda barbaachisaa ta’uu dura bu’oonni manneen barnootaa ibsaniiru.