• Ergama

Misooma, cehumsaa fi kenna tajaajilaa saayinsii fi teekinoloojii ol’aantummaan qindeessuu, jajjabeessuu fi raawwachuun guddina hawwaas-diinagdee magaalaa keenyaa mirkaneessuu dha.

  • Mul’ata

Bara 2022 tti jiruu fi jireenyi uummata magaalaa keenyaa itti fayyadama teekinoloojiin ammayyaa’ee arguudha.

  • Duudhaalee

  • Ilaalchaa saayinsaawaan qajeelfamna
  • Kalaqaa fi guddina teekinoloojii ni jajjabeessina
  • Yeroo hundaa ni baranna
  • Jijjiiramaaf qophiidha
  • Gareedhaan hojjenna
  • Saffisaa fi qulqulliinaan tajaajilla

Aangoo fi Gahee Waajjira Saayinsii fi Teekinoloojii

  1. Sosochiiwwan kalaqa saayinsii fi teknolojii magaalichaa keessatti taasiifamu ol’aantummaan ni qindeessa ni jajjabeessa: The promotion of scientific and technological activities in the city is emphasized to ensure sustainability and progress.
  2. Sochiiwwan saayinsii fi teknolojii magaalicha keessatti gaggeeffamaniif deeggarsa maallaqaa, meeshaalee fi ogummaa taasisaa akka taasiifamuuf haalanimijeessa: Activities in science and technology are supported with necessary resources and expertise to ensure their effective implementation.
  3. Hojii qabeenya sammuu Magaalicha keessatti gaggeeffamu sarbamni mirgaa irratti akka hin geenye ni to’ata: Ensuring that all activities respect human rights and are executed in a fair and equitable manner. Public awareness is crucial to guide actions.
  4. Hojiiwwan dhimmootaa balaqqee (radiation) magaalicha keessatti gaggeeffamu ol’aantummaadhaan ni to’ata: The management and regulation of radiation-related activities in the city must follow strict safety protocols.
  5. Hubannoo fi beekumsa hawaasaa magaalaa keessatti saayinsii, teknoloojii fi qunnamtii irratti qabu akka cimuu fi babal’atu ni hojjata: Increasing public awareness and understanding of science, technology, and communication to foster participation and development.
  6. Meeshaalee tajaajilaa fi bu’uuraaleen misooma saayinsii, teknolojii fi qunnamtii magaalicha keessatti hojii irra oolan yeroo yeroon madalamanii hojii irra ooluu isaanii ni hordofa: Tools and infrastructure for service delivery in science, technology, and communication will be regularly monitored for effectiveness.
  7. Hojiiwwan misooma bu’uuraalee qulqullinaa (madaallii mijatummaa, sirna safaraa, sadarkaa qulqullinaa fi amantaa argachisuu): Projects related to the development of infrastructure quality, including measurements and standards, will be carried out with proper supervision.
  8. Odeeffannoo saayinsii, teknolojii fi kalaqa walitti qabuu, qindeessuu, xiinxaluu fi poortaalii irratti fe’uun tamsaasuudhaan hojii irra oolmaa isaani ni hordofa: Gathering, coordinating, analyzing, and disseminating information in science, technology, and innovation will be carried out continuously.
  9. Hojiiwwan bu’uuraalee teknolojii qunnamti odeeffannootiin walqabatanii fi manneen hojii mootummaa keessatti hojjataman ol’aantummaan ni qorata: Projects related to technological infrastructure and information dissemination will be evaluated to ensure efficiency.
  10. Misooma teknolojii qunnamtii odeeffannoo magaalicha keessatti hojjatamuuf kan gargaaru mosaajii (software) ni qopheessa: Development of communication and information technology systems, including the creation of software solutions.
  11. Manneen hojii mootummaa Cimdaadhaan(network)dhaan akka walqunnamaniif siistamni kompiitaraa akka qophaa’uuf hojiiwwan barbaachisan ni hojjeta: Ensuring that government offices are connected through networks and computer systems to improve efficiency.
  12. Humna namaa teknolojii qunnamti odeeffannootti fayyadamu, hojjachuu fi suphuu danda’u horachuuf qaamolee dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta: Leveraging human resources to effectively implement and utilize information and communication technology.
  13. Tajaajila telekoomii Magaalicha keessatti kennamu, ummanni tajaajila gahumsa qabu akka argatu ni hordofa: Ensuring that telecommunications services are provided effectively, with quality service accessible to all.
  14. Sirna odeeffannoo dhaabbilee mootummaa ijaaruuf fi qindeessuu keeessaa maqaa doomeenii ni ramada: Organizing and building information systems for government agencies to streamline operations.
  15. Sistamoonni bu’uuraa fi tajaajiloonni kenniinsa tajaajila ummataa irratti xiyeeffatan kompiitaraan kan deeggaraman akkaataa fayyadamtootaaf haala tajaajila kennuu itti danda’an ni mirkaneessa: Establishing reliable basic systems and services to ensure efficient computer-based services to the public.
  16. Marsariiti fi appilikeeshinoonni kompiitaraa hojii irra oolu danda’an teeknikaa fi hojimaataatiin qindoomina kan qabanii fi kan wal-siman taa’uu isaanii ni mirkaneessa: Websites and computer applications will be developed and aligned with the latest technical standards.

YouTube
Instagram
Telegram
WhatsApp
FbMessenger
Tiktok
URL has been copied successfully!