Ergama (Mission)
Magaala Shaashamannee keessatti Misooma Invastimentii fi Industirii itti fufiinsa qabu Mirkaneessuuf tajaajila Si’ataa fi Bu’a qabeessa ta’e Kennuun Jireenya Hawaas-Diinagdee ammayya’aa ta’e dagaagsuu.
Mul’ata (Vision)
Bara 2030tti Magaala Shaashamannee Diinagdeen Badhaatee fi Kibba biyyaa(Itoophiyaa) Keessatti Giddu gala Invastimentii taate arguu.
Duudhaalee ( Values
Itti gaafatamummaa
Iftoomina
Tajaajila gahuumsa qabu
Hirmaachisummaa
Jijjiiramaaf hojjachuu
Naamusa gaarii
Wal-qixxummaa koorniyaa
Aangoo fi Gahee Hojii Mana Hojichaa
- Investimentiin magaalicha keessatti haala itti babal’achuu danda’u irratti yaada imaammataafi tarsiimoo ni burqisiisa; mootummaaf ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasiisa;
- Kuufama qabeenya magaalichafi ragaalee babal’ina investimentiif gargaaran walitti ni qaba; ni qindeessa; maappii investimentii magaalicha ni qopheessa; ni tamsaasa; hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolan ni taasisa;
- Gosaa fi carraa investimentii magaalicha addaan ni baasa; investeroota hojii investimentii irratti bobba’uu barbaadaniif odeeffannoo barbaachisaa ta’e ni kenna
- Barreeffamoota investimentii babal’isuuf gargaaran ni qopheessa; investerootaafi dhimmamtootaaf ni raabsa; daawwii addaa qopheessee investerootaafi qaama dhimmi ilaalu ni affeera;
- Karoora itti fayyadama lafaa irratti hundaa’uun akaakuu pirojektoota investimentii magaalicha keessatti gaggeeffamuu danda’an qoratee qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu hojiirra akka oolu ni taasisa;
- Ragaa Lafa pirojektii investimentii Biiroo Lafaatiin qophaa’ee dhiyaateef qindeessee ni qabata; bu’uurri misoomaa guutamuu isaa mirkaneessuudhaan hojii beeksisaa ni hojjata;
- Namoota hojii investimentii irratti bobba’uu barbaadaniif hayyama investimentii ni kenna; ni haaromsa; ni haqa; sochii seeraan alaa irratti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
- Waliigaltee pirojektoota investimentii gurguddaa Mana Maree Bulchiinsaa magaalicha yookiin qaama inni bakka buuseen murtaa’an ni mallateessa; ni galmeessa; ni hordofa; haalli raawwii isaa Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a;
- Abbootii qabeenyaa akkaataa seeraatiin hojii investimentiitiif lafa fudhatan waliin waliigaltee akka mallatteessan ni taasiisa; waliigaltee mallattaa’e ni galmeessa; qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa; haalli raawwii isaa Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a;
- Pirojektotni investimentii qophaa’anii dhiyaatan naannoofi fayyaa namaa irratti dhiibbaa kan hin dhaqqabsiifne ta’uu isaanii sakatta’iinsi dhiibbaa naannoo qaama dhimmi ilaaluun gaggeeffamuu isaa mirkaneeffachuun kan fudhatama argataniif hayyama ni kenna;
- Bal’ina lafa investimentiifi lafti hojii investimentiitiif kenname akkaataa seera investimentiifi waliigaltee taasifameen raawwatamuu isaa ni hordofa; ni qindeessa; rakkoowwan investaroota qunnaman haala furmaata itti argatan irratti ni hojjata;bakka hanqinni jirutti qaama dhimmi ilaaluu waliin tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
- Dizaayinii ijaarsa pirojektoota investimentii mirkanaa’an ni galmeessa; qaama dhimmi ilaalu waliin raawwii isaanii ni hordofa;
- Investerootni hayyama investimentii argatan bu’uura waliigaltee Waajjiricha waliin seenaniin yeroo daangeffame keessatti akkaataa hayyama kennameefiin hojjachuu isaaniini hordofa; ni deeggara; akkaataa waliigalteetiin kan hin hojjanne irratti qaama dhimmi ilaalu waliin tarkaanfiin sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa
- Pirojektoonni investimentii dhiyaatan ulaagyammuu murtaa’u qaama dhimmi ilaalu ni beeksisaaalee ittiin xiinxalaman ni qopheessa; pirojektii investimentii simachuun ni xiinxala; kanneen faayidaa olaanaa qabaniifi fudhatama argatan koree Investimentii magaalichaatiif yookiin qaama inni bakka buusuuf ni dhiyeessa;; hojiirra akka oolan ni taasisa; ni hordofa; ni to’ata; bakka hanqinni jirutti qaama dhimmi ilaallatu waliin tarkaanfii ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
- Carraa hojii pirojektoota investimentiin uumamu keessatti hawaasni magaalichaa dursa argachuu isaa ni hordofa; bakka hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa qaama dhimmi ilaalu waliin ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
- Gaaffii jijjiirraa gosa pirojektii investimentii pilaanii fi seera jiru irratti hundaa’uun waajjira Lafaa waliin ni raawwata; qaama dhimmi ilaalu kan biroo ni beeksisa; raawwii isaa ni hordofa; ni to’ata;
- Pirojektoota investimentii magaalicha keessatti hojjachaa jiran bu’aawwan dabalataa diinagdeefi hawaasummaatiin hawaasa naannoo pirojektichaa fi magaalichaaf kennaa jiran ni xiinxala; bakka hanqinni jirutti qaama dhimmi ilaalu waliin tarkaanfiin sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
- Investeroota hojii investimentii magaalaa gaggeessaniif jajjabeessituuwwan hayyamaman akkaataa seeraatiin ni raawwata;
- Qonnaan bultoota, horsiisee bultoota, interpiraayizii maayikiroofi xixiqqaa ce’an, waldaalee hojii gamtaafi investimentii investeroota dubartootaan gaggeeffamu bifa addaatiin akka simataman hojimaata gargaaru ni qopheessa; qaama dhimmi ilaaluun yoo murtaa’e hojiirra ni oolcha; raawwii isaa ni hordofa; hojiirra akka oolu ni taasisa;
- Paarkii industirii mootummaa naannoo Oromiyaatiin hundeeffamu keessatti kenna tajaajila investimentii jiddugala tokkoo ni raawwata; qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uun abbootiin qabeenyaa gara paarkii kanatti akka simataman ni deeggara;
- Pirojektii investimentii dhaabbilee misoomaa mootummaa harka turanii gara abbaa qabeenyaa dhuunfaatti gurgurtaan darbaniifi magaalicha keessatti argaman fedhii isaaniin gara sirna investimentiitti galuu barbaadaniif qajeelfamaafi hojimaata jiruun hayyama investimentii kennuun waliigaltee investimentii keessa akka galan ni taasisa;
- Pirojektoota investimentii magaalicha keessatti hojjachaa jiran dirqama hawaasummaa qaban akka bahatan ni kakaasa
- Misooma industriiwwanii irratti kutaalee hawaasaa bobba’an ni deeggara; industriiwwan magaalicha keessatti bobba’anii jiran ni hordofa; ni deeggara; ni to’ata;
- Industriiwaan magaalicha keessa jiraniif paakeejii deeggarsaa ni qopheessa; ni qindeessa; ni raawwachiisa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa
- magaalicha keessatti qaamolee sadarkaa sadarkaan hojiilee misooma industirii gargaaraaniifi qindeessan paakeejii deeggarsa dandeettii raawwachissummaa isaanii cimsu ni qopheessa; ni raawwata; ni raawwachiisa;
- Muuxannowwan gaggaarii industirii irratti jiran qo’annoon adda baasuun qindeessuudhaan akka babal’atan ni taasisa; kanneen wal fakkaatan waliin walitti hidhamiinsi akka jiraatu ni hojjata;
- Dhimmoota misooma industirii saffisiisuuf gargaaran qorachuun haalawwan mijaawaan akka uumamu ni taasisa;
- Gosoota industirii tarsiimaa’aa ta’aniif xiyyeeffannoo kennuudhaan deeggarsa addaa ni kenna; ragaalee istaatistiksii industirii magaalicha keessa jiran ni sassaaba; ni qindeessa; qaama barbaaduuf ni tamsaasa;
- Piropoozaala pirojektii manufakcharingii industirii qophaa’aanii dhiyaataniif deeggarsa ogummaa ni kenna;
- Misooma damee industirii manufakcharingii magaalicha keessatti gahee qaamoleen adda addaa qaban adda ni baasa; karoorri waliinii akka jiraatu haala ni mijeessa;
- Pirojektiin industirii gara qe’ee industirii mootummaan dhiyaatutti galu bu’uura imaammata, tarsiimoofi seerota industirii godhachuu isaanii ni mirkaneessa; abbootii qabeenyaa gara qe’ee industurii galanis ta’ee industiriiwwan iddoowwan adda addaa jiran waliin waliigaltee ni mallatteessa; akkaataa waliigalteetiin hojjachuuisaanii ni hordofa;
- Misooma paarkiiwwan, kilaastarootaa fi sheeddiiwwan mootummaan, miti mootummaa fi dhuunfaan misooman akkaataa seeraafi imaammata misooma industrii eegee akka misoomu ni taasisa; kanneen misooman hojimaata ittin bulchan ni qopheessa hojiira oolmaa isaa ni hordofa; ni to’ata; ni bulcha;
- Gahumsaafi oomishtummaa misooma industirii manufakcharingii cimsuuf qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata; humna namaa leenjii giddugaleessaa qabu akka argataniif haala ni mijeessa
- Industuriiwwan ulaagaa seerota eegumsa magaalichaatiin kaa’aman akka guutattan qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata; faalama naannoo industiriiwwaniin dhaqqabu hir’isuuf naannawa zoonii industirii magariisaan akka uwwifamu ni hojjata; ni hordofa; ni to’ata;
- magaalicha keessatti facaatiin misooma industirii manufakcharingii walmadaalaafi carraalee hulaa misoomaa qaban irratti kan hundaa’e akka ta’u qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ni hojjata;hawaasa naannawa industiriitiif faayida-qabeessa ta’uu isaanii ni mirkaneessa;
- Carraalee magaalicha misooma industiriif qabu tooftaalee adda addaatiin ni beeksisa; workshooppii, simpoziyeemii, baazaarii yookiin agarsiisa qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uun ni qopheessa;
- Industriiwwan oomisha ala-ergii irratti bobba’aniif xiyyeeffannoo addaa ni kenna; ni deeggara; qaama dhimmi ilaalu walin ta’uun oomisha isaanii biyya alaaf akka dhiyeessan ni deeggara;
- Abbootii qabeenyaa hojii qonnaa, daldala, tajaajilaafi konistiraakshinii irratti hojjatan gara hojii industirii manufakcharingiitti akka bobba’an ni jajjabeessa; deeggarsa barbaachisu ni kenna; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
- Madaallii gahumsa ogummaa daldala industirii ilaalchisee seerota bahan hojiirra ni oolcha; hayyama daldala industirii akka baafatan ni taasisa; gahumsa industirii ni mirkaneessa;
- Qaama dhimma qulqullinaafi istaandaardii oomishaalee ilaalu waliin ta’uun industriiwwan qulqullina oomisha isaaniitiif waraqaa ragaa mirkaneessa sadarkaa qulqullina oomishaa akka argatan ni hojjata.