Ergama
Qabeenya albuudaa naannichaa karaa teknoloojii ammayyaatiin deeggarameen qorachuun, haala seera qabeessa ta’een misoomee guddina dinagdee biyyaa keessatti gahee isaa akka taphatu taasisuudha.
Mul’ata
Bara 2022tti qabeenya albuudaa misoomee itti fayyadamummaa hawaasa naannoo mirkaneessee fi guddina dinagdee biyyaa keessatti gahee ol aanaa taphatee arguudha.
Duudhaalee
- Itti gaafatamummaa
- Iftoomina
- Tajaajila gahumsaa fi itti fufiinsa qabu
- Qophaa’ina Jijjiiramaa
- Aadaa fi Duudhaalee Hawaasaa Kabajuu
- Hirmaachisummaa
ANGOO FI GAHEE MANA HOJII
- Qabeenya albuuda naannichaa qo’annoon adda baasee hojiirra akka oolu ni taasisa; raawwii isaas ni hordofa.
- Teknolojii hammayyaatti fayyadamuun ragaalee albuudaan walqabatan walitti ni qaba; ni xiinxala; ni maxxansa; ni raabsa.
- Seera irratti hundaa’uun qabeenya albuudaa naannichaa ni bulcha; misoomni qabeenya albuudaa akka babal’atu ni taasisa.
- Ragaaleen qabeenya albuudaa naannichaa ni sassaaba, ni eega; qaama dhimmi ilaaluuf akka dhaqqabu ni taasisa.
- Abbootii qabeenyaa misoomaa fi barbaacha albuudaa irratti bobba’an ni jajjabeessa; kanneen hayyama barbaachaa yookiin qorannoo yookiin oomisha yookiin naannessa albuudaa akka kennamuuf gaaffii dhiyeessan ni keessummeessa; hayyama ni kenna; ni haaromsa; raawwii isaa ni hordofa; ni to’ata; ni dhorka; ni haqa.
- Uumamaafi facaatii qabeenya albuudaa beekuuf hojii barbaachaa, qo’annoo, kaartaa ji’ooloojii fi kan kana fakkaataan ni hojjata; ni hojjachiisa; ni qindeessa.
- Qabeenya albuudaa naannichaa irratti qaama dhimmi ilaalu waliin hojii piromooshinii ni gaggeessa; ragaalee barbaachisaa ta’an ni qindeessa; qaama dhimmi ilaaluuf ni beeksisa.
- Albuuda seeraan ala socho’u ni to’ata; qaama dhimmi ilaalu waliin tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa.
- Bakka misoomni albuudaa itti gaggeeffame qaamni misooma gaggeessu deebisee akkaataa hojii misooma biraatiif ooluu danda’utti mijeessuu isaa ni hordofa; ni mirkaneessa; baankii lafaatti akka deebi’u qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa.
- Kaffaltii kenna hayyamaa fi tajaajiloota adda addaa misooma albuudaan walqabatu walitti ni qaba.
- Gatii albuuda adda addaa qaama dhimmi ilaalu waliin ni qorata; yammuu hayyamamu hojiirra akka oolu ni taasisa; raawwii isaa ni to’ata.
- Babal’ina hojii misooma albuudaa irraa kan ka’e miidhaa naannoo fi fayyaa namaa irra gahuu danda’u ittisuun akka danda’amu qaamota dhimmi ilaalu waliin ni hojjata; ni hordofa; ni to’ata; akkaataa barbaachisummaa isaatti qaama misooma albuudaa irratti bobba’u akka hundaa’uuf yaada murtoo mootummaaf ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha; raawwii isaas ni hordofa.
- Oomisha albuudaa haala aadaatiin hojjatamuuf deeggarsa addaa ni taasisa.
Haala Koree Misooma Albuuda
Koreen misooma Albuudaa hojii Albuudaa keessatti rakkowwan mudatan furun hojiin misooma Albuudaa keessatii raawatamanif haala gaarii akka uumamu gochuf soochiin taasiisaa jiru jalqabii gaariidha jeedhanii fudhachun ni danda’ama. Haata’u malee koreen misooma Albuudaa gahee olaanaa keenameef sadarkaa barbaadamutii bahu dadhabuu isaattin rakkon yeroodhaan furamu qabu akka harkiifatee raawwii hojii irratii hanqiini akka mul’atu taasisee jira .Kanaafuu yeroo itti aanu keessatii rakko kana bu’uraan akka hikkamu hojatamu qaba.
-
Haala Waldaalee Omishitoota Albuudaa
Waldaaleen Omisha Albuudaa irratti ijaaramani hojachaa jiran baayyeen isaanii haala waligaltee ATMAO walii galaniin hojii isaanii qulqulumaa fi human qaban hunda cuunfanii hojachaa kan jirani fi mirgaa fi dirqama isaanii kan bahaa jiran yoo ta’u,kanaanis Omisha Albuudaa dabaluu fi galii mootumaa akka guddatuu gaochu keessatii gahee bakka hin bunnee taphachaa akka turan adda kan bahee dha.Haata’u malee waldaaleen mirgaa fi dirqama isaanii hubatanii haqumaan hojachaa jiran akka jiranitii waldaaleen qaxaamuraan seeraan alumaatiin hojachuf duroomu barbaadan akka jiran xiinxala gaggeefameen adda baasun danda’amee jira. Waldaaleen kunis
- Gurgurtaa raawwataniif Nagahee kennuu irraattii harcatii jirachuu
- Galii mootummaa Rooyalitii kafaluu harkifannaa jirachuu
- Galii argatan qusachuun sad. Isaanii fooyeefachuu irraa yeroo dheeraf iddoo tokkotti turuu
- Miseensoota Waldaa harcaasuun koreen qofa iddoo dhunfatani qabachuu
- Omisha dhoksuu
- Gurgurtaa dhoksuuni fi walumaagalatti iddoo madda seeraan Alummati jechuun ni danda’ama hojii itti Aanuu keessatti rakkoo kana sirreessuu (maqsuuf) kan hojjatamu ta’a.
Haala Ummataa
Ummani bal’aan hojii misooma Albuuda gaggefama jiru kan bal’inaan hubannaa isaa kan hin qabne dha. Kan hubanna qabus Aanaa fi Ganda isaa keessatti sochii jirun fi bu’aa argatuun yoo ta’e malee gahe inni misooma biyyatti keessatti qabuun kan hubate miti gama biraatiin sochii dhuma xixiqqa Aanaa fi Ganda isaa keessatti tasifamuun yoo Albuudni omishame bitamu ilaalchi Albuudin saamame jedhu ni mul’ata. Kun immoo rakkoo hubannaa waan ta’eef hojii itti annuu keessatti hojii hubannoo uumuu bal’innaan hojjachuu qabna.