Ergama (Mission)
Bulchiinsa magaalaa shaashamnnee keessatti Aadaa fi Dudhaa Walgargaarsaa cimsuun lammi kennaa aadeefatte uumuudhaan Ummataa Balaa uumamaa fi nam-tolcheen miidhaa irra gahuu danda’u hirdhisuun damdamannaa hawwaasaa mirkaneessu.
Mul`ata (Vision)
Bara 2022tti Aadaa fi dudhaan walgargaarsaa uummata Oromoo cimee lammiin qabenyaa fi beekumsa ofiitiin balaa damdamatee jiraatu arguu.
Aangoofi gahee hojii waajjira Buusaa Gonofaa Damee magaalaa Shaashamannee.
Aangoofi Hojiin Dameewwan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Kee.26
- Labsii Qaamolee Raawwachistuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa 244/2014’n, Bitootessa 13/2014 n hundaayee
- Dambii Sirna Buusaa Gonofaa Naannoo Oromiyaa 235/2015, MMBMNO–Onkololeessa 11/2015 bayee fi
- Qajeelfama Sirna Buusaa Gonofaa Naannoo Oromiyaa 3/2015 –BGO – Sadaasa 8/2015 bayeen kan hogganamu ta’ee Angoo Armaan Gadii Kennameeraaf.
- Karoora Dagaagina Buusaa Gonofaa Ni Qopheessa, Qaama Ilaaluun Yemmuu Mirkanaa’u Hojiirra Ni Oolcha;
- Godinicha/Magaalicha Keessatti Aadaan Walgargaarsaafi Sirna Buusaa Gonofaa Lafa Akka Qabatu Ni Hojjeta; Ni Qindeessa;
- Karoora Misooma Mootummaafi Dhaabbilee Dhuunfaa Bahan Keessatti Dagaaginni Sirna Buusaa Gonofaa Hammatamuu Isaa Ni Mirkaneessa; Raawwii Isaa Ni Hordofa; Sirna Barnootaa Keessatti Akka Hammatamu Ni Hojjeta; Akkaataa Barbaachisummaa Isaatti Deeggarsa Ni Kenna;
- Aadaafi Duudhaan Walgargaarsaa, Aadaan Hojiifi Qusannaa Akka Dagaagu Ni Hojjeta; Hubannoo Ni Uuma; Ni Qindeessa;
- Yaa’iin Buusaa Gonofaa Sadarkaa Sadarkaan Akka Hundeeffamu Haala Ni Mijeessa; Yeroo Eeggatee Akka Gaggeeffamu Ni Deeggara;
- Gumiiwwan walgargaarsaa adda addaa iddoo adda addaatti ni hundeessa; ni hordofa; ni deeggara;
- Dhaabbilee mit-mootummaa Godinicha/magaalicha keessatti hojii gargaarsaafi wabii nyaataa irratti bobba’an ni qindeessa; ni hordofa; ni deeggara;
- Dhaabbilee mit-mootummaa yookiin dhaabbilee hawaasa siivilii Godinicha/magaalicha keessatti bobba’an hojiiwwan gargaarsaafi wabii nyaataa irratti akka hirmaatan ni qindeessa; ni hordofa; ni deeggara;
- Dhaabbilee gargaarsa kennuurratti bobba’aniifi qaamolee dhimmi ilaalu waliin waltajjii marii ni qopheessa;
- Hojii gargaarsaa gama sagantaa wabii nyaataatiin dhufu ni hooggana; ni qindeessa; ni raabsa
- Namoota/Qaamolee Gumaataan Fakkeenyummaa Gaarii Qaban Akka Beekamtiifi Badhaasni Kennamuuf Hojmaata Diriiru Hojiirra Ni Oolcha
- Bu’uura Imaammataafi Tarsiimoo Baheen Hooggansi Sodaa Balaa Hojiirra Ooluu Isaa Ni Hordofa; Raawwii Isaas Yeroo Yeroon Gaaddisa Buusaa Gonofaatiif Ni Dhiyeessa
- Balaa Uumamaafi Nam-tolchee Yookiin Weerara Dhibeetin Kutaa Hawaasaa Saaxilaman Tumsa Hawaasaatiin Akka Gargaarsa Hatattamaa Argatan Ni Taasisa; Ni Hooggana; Ni Qindeessa
- Sagantaalee Sodaa Balaa Hir’isan, Miidhaa Dhaqqabeef Deebii Kennuufi Miidhamtoota Deebisanii Dhaabuu Ni Qindeessa; Ni Hordofa; Ni Gamaaggama;
- Fandii Buusaa Gonofaa Labsii Kanaan Hundeeffame Murtii Gaaddisa Buusaa Gonofaatiin Kennamu Hojiirra Ni Oolcha; Ni Bulcha;
- Hojii Qophii Pirofaayilii Saaxilamummaa Balaafi Akkaataa Barbaachisaa Ta’etti Pirofaayilicha Irradeebiin Haaromsuu Qaama Ilaallatu Waliin Ni Gageessaa; Ni Qindeessa; Sirna Akeekkachiisa Duraa Ni Diriirsa; Hojiiraa Ni Oolcha; Hojiirraa Akka Oolu Ni Taasisa; Haala Wayitaawaafi Itti Fufiinsa Qabuun Qaama Dhimmi Ilaallatuu Waliin Odeeffannoo Wal Ni Jijjiira;
- Balaan Duraa, Yeroo Balaafi Balaan Booda Qorannoofi Gamaaggama Sadarkaa Hundatti Gaggeeffamuu Ni Hooggana; Ni Qindeessa;
- Sadarkaa Naannootti Giddugaleessa Qindeessaa Hojii Akeekkachiisa Duraafi Deebii Teeknolojii Ammayyaatiin Akka Deeggaramu Ni Taasisa; Ni Gaggeessa; Ni Bulcha; Akkaataa Barbaachisummaa Isaatti Giddugaleessonni Walfakkaatan Sadarkaa Godinaalee, Magaalotaafi Aanaaleetti Akka Hundeeffaman Deeggarsa Ni Taasisa;
- Kennaa Yookiin Gumaata Yookiin Deeggarsa Maqaa Buusaa Gonofaatiin Biyya Keessaafi Biyya Alaatii Argamu Ni Galmeessa; Ni Bulcha; Qaama Deeggarsi Barbaachisuuf Akka Dhaqqabu Ni Taasiisa;
- Qorannoo Sabsii Duraa, Sabsii Boodaa Sirna Nyaataa Gaggeeffamu Qindeessuun Qaama Dhimmi Ilaaluun Yammuu Mirkanaa’u Deeggarsi Akka Dhaqqabu Ni Taasisa;
- Hojii Isaa Ilaalchisee Qorannoofi Qo’annoo Ni Gaggeessa; Bu’aa Isaa Hojiirra Ni Oolcha;
- Hojii Isaa Ilaalchisee Ragaa Walitti Ni Qaba; Ni Gurmeessa; Qaama Dhimmi Ilaaluuf Ni Dabarsa
- Hojjettoota Barbaachisaa Ta’an Ni Qacara; Ni Ramada; Hojiirraa Ni Gaggeessa;
- Hojiiwwan Galii Maddisiisan Irratti Ittifufiinsaan Ni Hojjeta; Ni Hirmaata;
- Qabeenya Ni Horata; Ni Bulcha; Bu’uura Seeraatiin Qaama Sadaffaa Waliin Waliigaltee Ni Seena; Ni Himata; Ni Himatama;
- Hojiiwwan Biroo Kaayyoo Hundeeffameef Galmaan Gahuuf Gargaaran Ni Raawwata.