Ergama
Sirna kominikeeshinii ammayyaa’aa, si’ataafi bu’a-qabeessa ta’e diriirsuun mootummaafi ummata gidduutti yaa’insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu taasisuun, ilaalcha biyyaalessaa dagaagsuu, hirmaannaafi fayyadamummaa ummataa guddisuufi maqaa gaarii naannichaa roga gaariin ijaaruu
Mul’ata
Oromiyaa 2022: Kallacha Qaroominaafi Badhadhinaa!
Duudhaalee
- Qulqullina
- Iftoomina
- Gaafatamummaa
- Amanamummma
- Hirmaachisummaa
- Madda odeeffannoo filatamaa
- Yaad-fageenyummaa / farsightedness / proactivity
- Qophaa’ummaa
Aangoofi Gahee Hojii Mana Hojichaa
- Giddugala odeeffannoo Magaalichaa ta’uun ni tajaajila; hojii odeeffannoo mootummaa magaalichaa ol’aantummaan ni qindeessa; ni bulcha; ni hooggana;
- Dhimmoota xiyyeeffannoo mootummaa ta’aniifi iftoomina barbaadan, taateewwan akka naannoo fi biyyaalessaatti uumaman, balaawwan tasaa, ayyaanota biyyaalessaa fi naannoo ilaalchisee ibsa ejjannoo mootummaa qopheessuun miidiyaalee garagaraatiin akka tamsa’an ni taasisa; dubbii himaa mootummaa ta’uun ni tajaajila;
- Hojiiwwan kominikeeshinii mootummaa seektaroota mootummaa fi dhaabbilee misooma mootummaa keessatti hojjataman ni qindeessa; ni hordofa; gabaasa dhiyaatu ni xiinxala; deeggarsa barbaachisaa ta’e ni kenna;
- Imaammata, tarsiimoo fi ogummaa hojii kominikeeshinii irratti hooggantootaa fi ogeessota kominikeeshinii fi miidiyaatiif leenjii kennuun humna raawwachiisummaa isaanii ni cimsa; bu’aa leenjichaa madaaluun sirreeffama ni taasisa;
- Dhimmoota maqaa gaarii magaalichaa fi walta’iinsa biyyaalessaa uumuuf gargaaran ilaalchisee haala mijaa’aa ni uuma; ni qindeessa; ni beeksisa; sagantaalee miidiyaa dhimma kana irratti xiyyeeffate akka qophaa’anii fi tamsa’an ni hojjata;
- Hojii kominikeeshinii mootummaa fi miidiyaan hojjachuu qabu irratti haalaa fi yeroo irratti hundaa’uun ajandaa bocuun ka’umsa hojii akka ta’u ni taasisa; raawwii isaanii ni hordofa; duub-deebii fi kallattii ni kenna;
- Dhimmoota xiyyeeffannaa mootummaa ta’anii fi haala irratti hojjachuun hawaasni hubannoo gahaa akka argatu duula miidiyaa ni gaggeessa; raawwii isaanii ni hordofa; duub-deebii ni kenna;
- Ajandaawwan mootummaa ijoo ta’an irratti iftoomina uumuuf ibsa miidiyaan ni kenna;
- Raawwii hojii mootummaa fakkeenyummaa qaban beeksisuuf egzibishiinii suuraawwanii ni qopheessa; ni daawwachiisa;
- Dhimmoota mootummaa tarsiimo’aa ta’an irratti qorannoo yaada ummataa gaggeessuun hojii kominikeeshinii irratti ni hojjata; miidiyaanis akka irratti hojjatu ni taasisa;
- Yaadaa fi gaaffii ummataa kallattii adda addaatiin ni sassaaba; ni xiinxala; hojii kominikeeshinii irratti ni hojjata; seektara dhimmi ilaaluun iftoominni akka irratti uumamu ni taasisa;
- Haala yeroo fi taateewwan tasa uumaman ni hordofa; hojii kominikeeshinii fi miidiyaa irratti hojjachuun iftoomina ni uuma;
- Qorannoo irratti hundaa’uun ergaa mootummaa ni rogeessa; ummata ni beeksisa;
- Waltajjiiwwan marii ummataa ni qopheessa; duub-deebii ni sassaaba; hojii kominikeeshinii ni hojjata;
- Miidiyaalee elekitirooniksii fi maxxansaa biyya keessaa fi alaa ni xiinxala; olola faallaa irratti ni hojjata;
- Gabaasotaa fi odeeffannoo dogoggoraa miidiyaa hawaasaatiin tamsaafaman ni hordofa; ni xiinxala; akkaataa barbaachisummaa isaatti olol-faallaa irratti ni hojjata; miseensota miidiyaa hawaasaas ni horata;
- Oduu mootummaa qopheessuun miidiyaan akka tamsa’an ni taasisa;
- Karoora, raawwii fi bu’aalee hojii mootummaa irratti ragaa guutuu naannichaa suur-sagaleedhaan ni qindeessa; qaama ragaa gaafatuuf kaffaltiin yookiin kaffaltii malee ni kenna;
- Milkaa’ina imaammata, tarsiimoo fi karoora mootummaa irratti muuxannoowwan gaarii ni qindeessa; sagantaawwan waljijjiirraa muuxannoo ni qindeessa; dokumantarii fiilmii qopheessuun miidiyaan akka tamsa’u ni taasisa;
- Karooraa fi raawwii gurguddoo mootummaa irratti bu’aalee maxxansaa kan ta’an Gaazexaa Kallacha Oromiyaa, biroosharootaa fi maxxansaalee kan biroo ni qopheessa; maxxansiisuun ni raabsa;
- Gaazexaa Kallacha Oromiyaa fi maxxansaalee kan biroo irratti tajaajila beeksisaa ummataaf ni kenna; tajaajila kennuuf gatii madaalawaa ni kaffalchiisa; mootummaaf galii ni taasisa;
- Hojii kominikeeshinii, miidiyaalee kan akka raadiyoo hawaasaa fi miidiyaalee maxxansaa naannichaa irratti qajeelfama ni baasa; hojiirra akka oolu ni taasisa; raawwii isaa ni hordofa; ni too’ata;
- Odeeffannoo mootummaa ummata biraan gahuuf naannicha keessatti raadiyoo hawaasaa fi miinii-miidiyaan akka babal’atuu fi waajjiraaleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran karooraa fi raawwii hojii isaanii akka beeksifatan haala ni mijeessa;
- Qaamolee hojii miidiyaa maxxansaa kaayyoo daldalaaf oolanii fi tamsa’inni isaanii naannicha keessatti ta’eef hayyama ni kenna; bu’uura seeraatiin hojjachuu isaanii ni hordofa; ni too’ata;
- Beeksisa alaa naannicha keessatti maxxaffamu ilaalchisee qaama dhimmi ilaallatu waliin istaandardii ni baasa; hojiirra ni oolcha; ni hordofa; ni too’ata;
- Qaamoleen magaalotaa fi gamoowwan naannichaa keessatti argaman irratti beeksisa alaa maxxansan hayyama qabaachuu isaanii ni mirkaneessa; akkaataa seeraa fi istaandardii baheen maxxansuu isaanii qulqulleessuun ni hayyama; ni hordofa; ni too’ata.