Mul’ata (Vision)

Bara 2022 tti Atleetota gahumsa qaban fi Magaalaa keenya irra darbanii Naannoo hanga biyya  bakka bu`uun addunyaa irratti dorgomaa cimaa fi moo’ataa ta’an baay`inaa fi qulqullinaan omishamanii arguu.

Ergama (Mision)

Magaalicha keessatti ispoortii bu’uura ummataa akka qabatu gochuun hirmaannaa fi fayyadamummaa hawaasaa ispootii keessatti dabaluun ispoortessitoonni sadarkaa Naannootti dorgomaa cimaa ta’an oomishuu.

Dudhaalee (Core Values)

Itti gaafatamummaa/responsibility/

Hirmaachisummaa(Participation)

Iftoomina (Transparency)

Haqummaa fi hunda-galeessummaa/Equity and inclusiveness/

Waliigaltee irra gahuu (Consensus)

Olaantummaa seeraa kabajuu(Rule of Law)

Deebii hatattamaa kennuu (Responsiveness )

Ga’umsa fi Bu’a qabeessummaa (Effectiveness and Efficiency)

Aadaa fi Duudhaa Hawaasaa Kabajuu

Miira tajaajiltummaa ummataa qabaabchuu

Beekumsaa fi amantaan hogganuu

 Aangoo fi Gahee Hojii Waajjira Ispoortii

Waajjirri Ispoortii  aangoo fi hojii armaan gadi ini qabaata:

  1. Hawaasni Magaalichaa qajeeltoo ispoortiin hundumaaf jedhuun hirmaataafi fayyadamaa akka ta’u haala ni mijeessa; hirmaannaa qaama midhamtootni ispoortii keessatti qabaniifi fayyadamummaa isaanii guddisuuf haalli mijataan jiraachuu isaa ni mirkaneessa;
  2. Humna namaa ispoortiin leenji’ee fi gahumsa qabu horachuuf qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata; manneen barnootaa madda ispoorteessitootaa akka ta’an ni hojjata;
  3. Magaalicha keessatti bakka oolmaa, giddugala dargaggoofi faasiiliitiiwwan ispoortii akka ijaaramaniifi babal’atan ni jajjabeessa; deeggarsa teeknikaanikenna; sadarkaaisaanii ni murteessa; raga abbaaqabeenyummaaakkaargatanqaamadhimmichiilaallatuwaliinnihojjata;
  4. Ispoortiin akka babal’atuufi cimu dhaabbileen ispoortii naannicha keessatti akka hundeeffaman ni taasisa; ni deeggara; ni jajjabeessa; hayyama ogummaa ispoortii ni kenna; ni hordofa;
  5. Qajeelfama waldaaleen ispoortii ittiin hundeeffaman ni baasa; waldaalee ispoortii sadarkaa magaalaatti hojjatan ni galmeessa; deeggarsa barbaachisaa ni kenna;
  6. Mana Maree Ispoortii Magaalichaafi Mana Maree Federeeshinootaa Ispoortii ni hundeessa; deeggarsa ni kenna;
  7. Waldorgommiifi feestivaala ispoortii sadarkaa Magaalaattii gaggeeffamu kamiyyuu ni qopheessa; ni qindeessa; ni to’ata; ni deeggara; falmiiwwan waldaalee ispoortii gidduutti ka’u ni murteessa; ispoorteessitoota, ogeeyyiifi jila ispoortii bu’a qabeessa ta’an ni badhaasa;
  8. Qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan humna namaa tajaajila yaala ispoortii kennu ni ramada; meeshaaleen hojii kanaaf barbaachisan akka guutaman ni taasisa;
  9. Fayyadama qoricha qaama jajjabeessu (dopping) ittisuuf qajeelfama ni baasa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
  10. Qaamolee mootummaa yookiin miti mootummaa waliin hidhannoofi meeshaaleen ispoortii akka guutaman ni hojjata;dhiyeessiihidhannoofi meeshaalee ispoortii dabaluufoomishitootanijajjabeessa;
  11. Abbootii qabeenya dhuunfaa seektara ispoortii irratti bobba’uu barbaadan ni jajjabeessa; ispoortiin madda galii akka ta’u ni hojjata;
  12. Ispoortiiwwan aadaa Naannichaa caalmaatti akka beekaman, barataman, fooyya’aniifi guddatan ni taasisa;
  13. Waldaaleen ispoortii Magaalichaa galii isaanii kaayyoo hundeeffamaniif oolchuu isaanii mirkaneessuuf herrega isaanii akkaataa seeraatiin ni qorata; ni qorachiisa;
  14. Leenjiiwwaniifi seminaarota adda addaa ispoortii waliin walqabatan ni qopheessa; ni kenna; ni kennisiisa;
  15. Madda galii qoratee mana maree ispoortii Magaalichaaf ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha;
  16. Ogeeyyiin ispoortii gosa adda addaa baay’inaafi qulqullinaan horachuun akka danda’amu ciminaan ni hojjata;
  17. Sirna ispoorteessitoota bu’aa gaarii argamsiisaniif mootummaan beekkamtiifi jajjabeessituu itti kennu yookiin yaadannoon itti moggaafamuuf ni diriirsa; yammuu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha;
  18. Waldaalee, federeeshinootaafi kilaboota ispoortii Magaalichakeessatti hundeeffamaniif deeggarsa teeknikaa ni taasisa; hayyama hojii ni kenna; ni haaromsa; ni haqa; ni hordofa; ni to’ata.
YouTube
Instagram
Telegram
WhatsApp
FbMessenger
Tiktok
URL has been copied successfully!