Ergama
Sirna qabiinsa, misoomni fi itti fayyadamni qabeenya naannoo fi bosonaa guddina itti fufiinsa qabuuf gumaachu diriirsuu, hubannoo fi humna raawwachiisummaa qaamolee hojiiwwan ijaarsa diinagdee magariisaa fi dandamannaa jijjiirama qilleensaa hojii irra oolchan cimsuu fi qindeessuun hojiiwwan misoomaa naannicha keessatti gagggeeffaman sadarkaa madaallii sirna ikoolojii irratti miidhaa hindhaqqabsiifnee fi tarsiimoo diinagdee magariisaatiin walsimuun akka rawwatamu gochuu.
Mula’ta
Bara 2017tti Magaalaa Shaashamannee keessatti kunuunsa, misooma fi itti fayyadama qabeenya naannoo fi bosonaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuun diinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaa danadamatu uumuu
Dhuudhaalee Mana Hojii
Naannoo kunuunsuu aadaa godhachuu
Iftoominaa fi itti gaafatamummaan hojjachuu
ittigaafatammummaa
Itti quufiinsa maamilaaf hojjachuu
Jijjiiramaaf hojjachuu
Hirmaachisummaa
Beekumsa hawaasaa kabajuu
Miira Garee (Team Sprit)
Aangoo fi gahee hojii Abba Taayitaa Eegumsa Naannoo
- Imaammataa fi tarsiimoo eegumsa naannoo fi qabeenya bosonaa qopheessee mootummaaf ni dhiheessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa, ni too’ata; raawwii seeraan alaa irratti tarkannfii ni fudhata;
- Tarsiimoo madaallii sadarkaa naannoo, qabeenya bosonaa fi diinagdee magariisaa dandamannaa jijjiirama haala qilleensaa ni qopheessa; yammuu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa; hojiirra oolmaa isaa ni too’ata;
- Sagantaa ijaarsa diinagdee magariisaa dandamannaa jijjiirama haala qilleensaa hojii irra ni oolcha; hojiirra oolmaa isaa ol’aantummaan ni qindeessa, ni hordofa, deeggarsa tekinikaa ni kenna; gabaasaa raawwii qindaa’aa mootummaaf ni dhiyeessa;
- Sekteroota sagantaa ijaarsa diinagdee magariisaa dandamannaa jijjiirama haala qilleensaa hojii irra oolchaniif deeggarsa tekinikaa ni kenna, ni hordofa, raawwiin isaanii akka madaalamu haala ni mijeessa;
- Bosona mootummaa, hawaasaa fi dhuunfaa akka babal’atu deeggarsa ogummaa ni kenna; ni hordofa, ni too’ata, ni jajjabeesa;
- Iddoon ikoo-turizimii akka hundeeffamuu fi babal’atu ni taasisa; hambaawwan seenaa qabeenya uumamaa waliin walqabatan qaama dhimmi ilaallatu waliin akka eeggamu ni taasisa;
- Hojiiwwaan misooma bosonaa bal’inaan gaggeeffamu irraa hawaasni daldala bosonaa(carbon trade) irraa fayyadamaa akka ta’u deeggarsa tekinikaa ni kenna; ni qindeessa, ni hordofa;
- Qaama naannoo fi qabeenya bosonaa irratti miidhaa geessise kamiiyyuu irratti tarkaanfii seeraa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
- Sagantaa misooma bosonaa ni qopheessa; hojii irra ni oolcha; misoomni fi eegumsi qabeenya bosonaa qindaa’aan akka gaggeeffamu haala ni mijeessa; ni qindeessa; bosona mootummaa, hawaasaa fi dhuunfaa akka baba’atu deeggrsa ogummaa ni kenna; ni hordofa; hubannoon hawaasaa akka cimu ni taasisa;
- Laaboraatoorii fi wirtuuwwan too’annoo qulqullina sanyii biqiltuu bosonaa keessatti gaggeeffamu ni hundeessa; ni bulcha; qo’anoowwaan misooma fi eegumsa bosonaa babal’isuuf gargaaran ni gaggeessa; akka gaggeeffamu ni taasisa; hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
- Eegumsa naannoo fi qabeenya bosonaa ilaalchisee waldiddaa uumamu qaama dhimmi ilaalu waliin furmaata akka argatu ni taasisa; ni hordofa;
- Qaamolee qabeenya uumamaa seeran ala itti fayyadamuun naannoo irratti dhiibbaa geessisan deebisanii akka misoomsan ni taasisa; tarkaanfii seera ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
- Pirojektoonni misoomaa kamiiyyuu yammuu karoorfaman sakatta’iinsi dhiibbaa naannoo durfamee akka gaggeeffamu ni taasisa;ulaagaalee sakata’iinsa dhiibbaa naannoo ni qopheessa; qaama barbaaduuf ni kenna; hojiiwwan misooma adda addaa gaggeeffaman kamiiyyuu naannoo irratti dhiibbaa akka hin dhaqqabsiifne ni too’ata;
- Dhaabbileen tajaajila adda addaa kennan yookiin industiriiwwan oomishaa naannicha keessa jiran dirqamoota seerota eegumsa naannoo, misooma fi eegumsa bosonaa ilaalchisee bahan kabajuu isaanii ni mirkaneessa; mooraa dhaabbata kamiiyyuu seenuun samuda ni fudhata; ni qorata; tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
- Balfaawwan dhangala’oo fi goggogaa yookiin hafteewwan oomisha warshaalee fi hazbaan magaalota keessa bahu sirna madaallii ikooloojii akka hinxureessine ni too’ata; oditii naannoo ni gaggeessa; tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
- Sirna ragaalee fi odeeffannoo eegumsa naannoo, jijjiirama haala qilleensaa fi bosonaa ittiin walitti qabamu ni diriirsa; ragaalee fi odeeffannoo walitti ni qaba; ni gurmeessa; ni kuusa, ni bulcha, akka barbaachisummaa isaatti qaama dhimmi ilaaluuf ni kenna;
- Eegumsa naannoo, bosonaa fi jjiirama haala qilleensaa irratti qaamolee adda addaa waliin qindoominaan ni hojjata;
- Iddoon jireenya lubbu qabeeyyii adda addaa miidhamee lubbu qabeeyyii irratti miidhaa akkaa hin dhaqqabsiifne ni too’ata; haqinna uumamu irratti tarkaanfii ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
- Heddumina lubbu qabeeyyii (Biodiversity) faayidaa ummataa fi biyyaaf itti fufiinsaan hojiirra akka oolu ni misoomsa, ni kunuunsa, ni eega ni too’ata;
- Manca’ina qabeenya uumamaa fi sochii bu’aa bosonaa fi bineensota bosonaa ni too’ata; tarkaanfii seeraa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
- Hojiiwwan misooma bosonaa fi bineensa bosonaa dhaabbata bosonaa fi bineensa bosonaatiin gaggeeffaman karoora naannoo akka qabaatan ni taasisa; ni too’ata; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
- Misooma magariisaa magaalaa fi paarkiiwwan sadarkaa magaalatti gaggeeffaman ilaalchisee deeggarsa tekinikaa ni kenna; ni hordofa;
- Qaamolee misooma bosonaa, daldalaa fi naannessa bu’aa bosonaa, bineensa bosonaa, adamoo fi horsiisa bineensa bosonaa irratti bobba’aniif hayyama ogummaa ni kenna; qaama dhimma ilaalu waliin ni hojjata;
- Tooftaalee itti fayyadama qabeenya uumamaa itti fufiinsa hinqabne, manca’ina yookiin faalama naannoo ittisuu danda’an irratti yaada ni dhiyeessa; hojii irra ni oolcha; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
- Giddugaleessa callaa guddistuu bosonaa keessumaayyuu kan sanyii mukaa gosa adda addaa akka hundeeffamu haala ni mijeessa; ni bulcha; ni hordofa;
- Haala qabiinsa fi itti fayyadama naannoo fi bosonaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuu fi carraa hojii diinagdee magariisaa uumuu danda’u irratti qorannoo fi ce’uumsa tekinoloojii ni qindeessa;
- Daladala seeran alaa callaa guddistuu misooma bosonaa fi bu’aa bosonaa waliin walqabatu akka hingaggeeffamne ni too’ata; akkaataa seeraatiin qaama dhimmi ilaalu waliin tarkaanfii seeraa ni fudhata;
- Sirna misoomni bosona dhuunfaa, waliinii fi misooma sululaa lafa qonnaatiin ala jiru ittiin misoomuu fi faayidaa irra oolu ni diriirsa; raawwii isaa ni hordofa;
- Sagantaa barnoota eegumsa naannoo idileen alaa ni babal’isa; dhimmoonni eegumsa naannoo sirna barnoota idilee keessatti akka hammataman qaama dhimmi ilaallatu waliin ni hojjata;
- Pirokektoota misooma fi kunuunsa qabeenya bosonaa waliin walqabatan raawwii isaanii ni hordofa; ni hooggana;
- Sirna bosona uumamaa naannichaa itti eeggamu fi akkaataa barbaachisummaa isaatti faayidaa irra oolu ni diriirsa; hojii irra oolmaa isaa ni mirkaneessa;
- Diinagdee magaarisaa dandamannaa jijjiirama haala qilleensaa naannichaa akkasumas eegumsa naannoo fi bosonaa irratti gabaasa wayitaawaa ta’e qopheessuun ni tamsaasa.