Ergama  (Organizational)

Mirga, bakka bu’insaa fi fayyadamummaaa dubartootaa fi daa’immanii gama dinaagdee, hawaasummaaa fi siyaasan mirkaneessuu

         Mul’ata Seektarichaa (Organitational)

Bara 2022 ‘tti  dubartootaa fi daa’immanii Godina Arsii  Mirgi, bakka bu’insii, fi fayyadamummaaan isaanii gama dinaagdee, hawaasummaaa fi siyaasaa keessatti mirkana’ee arguu dha.

Duudhaa Ijoo (Sona) (Core values of our Organization)

  • Ittigafatamummaa,
  • Iftoomina,
  • Tajaajila si’ataa fi gahuumsa qabu kennuu,
  • Qophaa’ina jijjiramaa,
  • Beekumsaa fi amantaan hogganu,
  • Hirmaachisummaa,
  • Aadaa Qusannoo fi Bu’a Qabeessuummaa,
  • Aantummaan daa’immaniif qabaachu fi walqixummaa korniyaa hojjechuu
  • Aadaa fi Duudhaa Hawaasaa Kabajuu
  • Miira tajaajiltummaa ummataa qabaachuu

Aangoo fi Gahee Hojii /Maandeetii/ Mana Hojiichaa

Labsii Lakk.242/2014: Labsii qaammota raawwachiistuu Mootummaa Naanno Oromiyaa irra deebiidhaan gurmeessuuf aangoo fi Hojii isaanii murteessuuf baheen; aangoo fi gaheen hojii Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii  Oromiyaa  haala armaan gadiitiin tarreeffameera:

1.Mirga dubartootaa fi daa’immanii kabachiisuuf Konveenshinii Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaa, akkasumas waliigalteewwan biiroo Itoophiyaan raggaasifte akka hojiirra oolan ni taasisa;

2.Paakeejii misooma dubartoota naannichaa qopheessuun hojiirra ni oolcha; hojiirra oolmaa paakeejichaa ni hordofa; ni madaala; akka barbaachisummaa isaatti qorannoo irratti hundaa’uun paakeejicha irratti fooyya’iinsa ni taasisa;

3.Hojiirra oolmaa seerota mirga dubartootaa fi daa’immanii eegsisuuf bahan irratti qo’annoo ni gaggeessa; hanqinaalee qorannichaan adda bahan irratti qaamota dhimmi illaallatu waliin ni hojjata;

  1. Mirgaafi dantaa dubartootaafi daa’immanii kabachiisuuf hubannoo ni uuma; akka uumamu ni taasisa; qaama dhimmi ilaallatu waliin ni hojjata;
  2. Ragaalee dhimma dubartootaafi daa’immanii ilaallatan hunda ni gurmeessa; ni xi-inxala; bu’aa xiinxalichaa irratti hundaa’uun kallattii furmaataa ni qopheessa;
  3. Sosochii siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa naannichaa keessatti hirmaannaan dubartootni taasisan akka cimu ni hojjata;
  4. Dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa dhimma dubartootaa fi daa’immanii irratti hojjatan ni qindeessa; qindoominni hojii akka jiraatu haala ni mijeessa; ragaaleefi gabaasa qaamolee kana irraa dhiyaatan ni qindeessa;
  5. Loogii koornayaa irratti hundaa’ee raawwatamu, akkasumas barmaatilee dubartootaafi daa’imman irratti miidhaa dhaqqabsiisan maqsuuf hubannoo ni uuma; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
  6. Dubartootnii hojii dhabeeyyii ofdanda’anii jireenya isaanii hoogganuuf akka isaan dandeessisu leenjii ogummaa, teeknikaafi tajaajila liqii argachuu isaanii ni hordofa; ni deeggara; tajaajila gorsaa haala itti argatan ni karoorsa; hojiirra ni oolcha
  7. Dubartootni waldaan akka gurmaa’an hubannoo ni kenna; mirga isaanii akka kabajamu sochii taasisan ni jajjabeessa; deeggarsa ni kenna;
  8. Qaxarrii, leenjii, ramaddii, jijjiirraafi guddina hojjattootaa mootummaa raawwatamu keessatti mirgi dubartootaa kabajamuufi hirmaannaan isaanii jiraachuu isaa ni hordofa; raawwii isaatiif deeggarsa ni kenna;
  9. Mirgi abbaa qabeenyummaa dubartootaa haala itti mirkanaa’uufi hojiiwwan misoomaa keessatti hirmaachuun tooftaa galii mataa isaanii ittiin maddisiisuu danda’an ni mijeessa; ni qindeessa; ni deeggara;
  10. Hojiin idileessisuu koornayaa seektaroota mootummaafi miti mootummaa keessatti akka mirkanaa’u ni qindeessa; ni to’ata; akkasumas qorrannoo ni gaggeessa; bakka hanqinni argametti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; hojiirra akka oolu ni taasisa;
  11. Dhimma falmii hariiroo hawaasaafi yakkaa ilaalchisee akkaataa seeraatiin raawwatamuufi faayidaafi mirgi dubartootaafi daa’immanii kabajamuu isaa ni hordofa; haala raawwii isaa qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa;
  12. Hubannoon dubartootni seera maatii, seera yakkaafi seerota biroo irratti qaban akka cimu qaama dhimmi ilaalu waliin qindoominaan ni barsiisa;
  13. Daa’imman guddisa gaarii akka argatan tooftaaleen dandeessisan akka diriirfaman qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata; hojiirra akka oolu ni taasisa;
  14. Daa’imman mirgaafi dirqama isaanii beekanii guddachuun lammii gaarii akka ta’aniifi mirgi heeraafi seeraan kennameef akka kabajamuuf qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata; hubannoo ni uuma; paarlaamaa daa’immanii ni hundeessa; ni deeggara;
  15. Dhaabbilee miti mootummaa guddisa daa’immanii irratti bobba’an waliin waliigaltee ni raawwata; hayyama ni kenna; ni hordofa; ni to’ata; ni haaromsa; ni haqa;
  16. Dubartoota hojjattoota mootummaa ta’aniif iddoo hojiitti bakka tursiisa daa’immanii qaamni dhimmi ilaalu akka qopheessu ni taasisa;
  17. Daa’imman maatii isaanii sababa adda addaatiin dhabaniifi rakkoo hawaasummaatiif saaxilaman keessumaayyuu daa’imman daandii irratti bahan qaama dhimmi ilaalu waliin ni kaasa; haaromsa akka argatan ni taasisa; maatii isaanii yookiin hawaasaatti akka makaman ni taasisa;
  18. Dubartoota itti gaafatamummaa fudhachuu danda’aniifi sirna dimokiraasii ijaaruu keessatti hirmaannaa gaarii qaban uumuudhaaf haalota dandeessisan ni karoorsa; hojiirra ni oolcha;
  19. Humni raawwachiisummaa jaarmiyaalee dubartootaa akka cimu hojimaata ni diriirsa; sadarkaa irra jiru ni qorata; yaada furmaataa ni qopheessa; yammuu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha;
  20. Sagantaalee sosochiifi hirmaannaa dubartootaa kan akka koraa, feestivaalaa fi konfaransii akka gurmaa’u, gaggeeffamuufi hubannoo fi amantaa misoomaa fi dimokiraasii irratti akka gabbatu ni taasisa; adeemsa isaa ni qorata;

24 Jireenya hawaasummaa fi diinagdee dubartootaa cimsuuf sochii hawaasaa, qaamolee miti mootummaa fi namoota dhuunfaatiin taasifaman ni jajjabeessa.

YouTube
Instagram
Telegram
WhatsApp
FbMessenger
Tiktok
URL has been copied successfully!