Mul’ata
Bara 2022tti Magaalaan Shaashamannee Magaalaa iftoominni raawwii Mootummaa keessatti mirkanaa’e, hirmanaan lammi siyaas-diinagdee keessatti qabu guddatee, bulchiinsi gaariinii fi dimokiraasin keessatti dagaage taasisuu dha.
Ergama (Mission)
Seeroota, Imaammataa fi Tarsimoo Mootummaa saffissaan hojiirra oolchuu dandeessisan qaama olaanuun qorachuun ummata hirmaachisuun baasu ka’uumsa gochuun hojiirra akka ooluu gochuun karooraa fi baajata qaamolee mootummaa raggaasisuun raawwii isaa hordofuufi too’achuu, akkasumas manneen maree ummataa sadarkaa sadarkaan jiran dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsuun hojiilee bakka bu’ummaa isaanii ga’uumsaan raawwachuu akka danda’an deeggarsa barbaachisaa kennuun ummata magaalaa gama hundaanuu fayyadamaa taasisuu dha.
Galma (Goals)
- Dandeettii raawwachiisummaa Mana Marii Magaalaafi Aanoota cimsuudhan hubannoo ummata magaalichaa jajjabeessuu.
- Sirna too’anoofi hordoffi raawwii hojii waajjiraalee mootummaa cimsuu dhaan karoorawwan, sagantaaleeniifi seeronni mootummaan baase akkaataa karoorfameen hojii irra akka oolu gochuudha.
- Seeroonni, karoorawwaniifi hojiin Mana Marii Magaalaa kallatti barbaadameen deemuun rakkoo ummataa hiikaa jiraachuu isaa mirkaneeffachuu.
- Hojii bakka bu’ummaa ummata magaalichaa raawwachuu.
- Sirni Dimookiraasii dagaaguun Paakeeji bulchiinsa gaarii kan ta’an JBAH, sagantaan fooyya’insa sirna haaqa hojii irra ooluun olaantummaan seera kabajamee ummanni magaalichaa fayyadamaa ta’aa jiraachuu isaa mirkaneessuu.
- Misoomni Magaalaa, investimantiin babal’atuun carraa hojii uumun galii jiraattoota dabala jirachuu isaa qulqulleessuun deeggarsa barbaachisu gochuu.
- Mana Marii Aanoota deeggarsa barbaachisuu gochuun cimsuu.
- Yaa’ii Idilee Mana Mariichaa waggatti al 4(afur) gaggeessuu fi haalli ariifachiisaa yoo jiraate yeroo barbaachisetti gaggeessuu dha.
Kaayyoo (Objectives)
- Seeroonni, karoorawwaniifi sagantaalee misooma dinagdeefi tajaajiloota hawaasummaafi bulchiinsa kan Bara 2017 sirritti xinxaluudhaan raggaasisuu hordofuufi hanqinoota raawwii irratti mul’atan akka sirra’aan gochuudhaaf.
- Dandeettii hojii too’annoofi hordoffii M/M/Magaalaa, Aanootaa koree dhaabbii M/M/Magaalaa, Af-yaa’ootafi koree dhaabbii Aanootaa cimsuudhaaf leenjii gaggabaaboo mata- duree adda addaa irratti akka argatan gochuudhaaf.
- Seeroonni,karoorawwannifi hojimaanni bulchiinsa magaalichaa kallatti barbaadameen deemuun rakkoo ummataa hiikaa jiraachuu isaanii hordofuu.
- Miseensootni M/M/Magaalaa ummata isaan filateen akka wal-arganiifi gad-bu’anii ummata akka mar’achiisan, yaadafi komii isaan qaban qindeessani M/M/Magaalaatiif akka dhiyaate kallattiin sirreeffamaa kennamu gochu.
- Sirna demokiraasii akka dagaaguuf paakejoota bulchiinsa gaarii JBAH fi sagantaa fooyya’insa sirna haqaa akkaataa mootummaan barbaaduun hojii irra ooluun ummata magaalichaa fayyadamaa godhaa jiraachu isaa hordofuu (mirkanneeffachuu dhaaf).
- Bu’uura misooma magaalichafi investimentiin babal’ate caraan hojii dhabeeyyidhaaf uummame, galii jirattoota magaalichaa Kan dabalee fi jireenya isaan Kan fooyya’aa jiru ta’uu mirkanneefatuuf.
- Mana Marii Aanootaa magalichaa karoora fi raawwii hojii isaanii bifa gahumsa fi fooyyee qabuun akka hojatan gochuu,bakka isaan hanqinnafi rakkinna itti qabanitti qarqaarsa gochuudhaf.
- Dhiibbeewwan daddarboo kan akka HIV/AIDS buusaa fi daranyoo sombaa akkasumas ittisa dhibee koroonaa miidhaa fayyaa fidiinagdee hawaasaa geessisu irratti miseensoon M/M/Magaalaa hundii hubannoo akka argatan gochuudhaaf.
- Seekteroon mootummaa hundii dhibeen HIV/AIDS fi koroonaa(covid-19) miidhaa isaan ummata irraan gahaa jiran hubatani (xiyyeefana kennanii) baajetaa waajjira isaanitiif qabame keessaa 2% dhimma kanaaf akka ooluu karoorfachuu isaanii hordofuudhaaf.
Duudhaalee (Core Values) Mana Maree Magaalaa
- Olaantummaa Seeraa
- Hirmaachisummaa
- Iftoomina
- Itti gaafatamummaa
- Aantummaa uummataa
- Tajaajila si’aawaa fi saffina qabu
- Al-logummaa
Aangoo fi Hojii Mana Maree Magaalaa
Akkaataa dambii ittin bulmaataa Mana Mare Magaalaa Shaashamannee dambii Lakk.005/bara 2005 fooya’ee baheen aangoo fi hojii Mana Maree Magaalaa Shaashamannee haala kanaa gaditti ibsamee jira.
- Aangoo fi hojiin Labsii Lakk 65/1995 akkaataa tumameen Aangoo fi Hojii Mana Maree Magaalichaa ta’ee Manni Marichaas Aangoo fi Hojiin Magaalichaa akka hojiirra oluuu ni taasisa.
- Tumaan keewwata kana keewwata xiqqaa (1) akkuma eegametti ta’ee, Manni Marii Magaalaa itti waamaminsaa ummata isa filateef ta’ee, Aangoo fi Hojii kanatti aanan ni qabaata.
Hojiilee Muummeyyii Mana Marichaa
- Heera Mootummaa Naannichaatiin Mannnen Maree Aanaaleetiif aangoon kenname Manneen Maree Magaalotaa keessattis raawwatiinsa kan qabaatu ta’ee, Labsii Lakk.250/2015 Keewwata 13 jalatti aangoofi hojii magaalotaaf kenname hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa
- Imaammata, tarsiimoofi seerota Mootummaa Naannichaatiin bahan haala walsimuun dhimmoota Magaalaa irratti Tumaalee Magaalaa ni baasa;
- Karoora hawaas-diinagdeefi baajata Magaalichaa Kantiibaan dhiyaatuuf xiinxalee ni mirkaneessa; raawwii isaas ni hordofa;
- Pilaanii magaalichaa ni raggaasisa; hojiirra ooluu isaas ni hordofa; bakka hanqinni jirutti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu ni taasisa;
- Akkaataa seeraatiin gibiraafi kaffaltii tajaajilaa ni murteessa; sassaabamuu isaas ni mirkaneessa Manni Marii Magaalaa imaammata, tarsiimoofi seerota Mootummaa Naannichaatiin bahan haala walsimuun dhimmoota magaalichaa armaan gadii irratti tumaa Magaalaa ni baasa:
- Baajata waggaa bulchiinsa magaalichaa raggaasuuf;
- Pilaanii bulchiinsa magaalichaa raggaasuuf;
- Bu’uura Labsii kanaatiin dhimmoota aangoo bulchiinsa magaalichaa ta’an irratti qaraxaafi gibira murteessuuf, akkasumas kaffaltii tajaajilaa murteessuuf;
- Hojiilee bulchiinsa magaalichaa keessatti akka hin raawwatamne dhorkaman irratti;
- Dambii Keessoo Adeemsa Hojiifi Naamusa Miseensa Mana Maree Magaalichaa baasuu; fi
- Waliigalteewwan adda addaa Magaalichaan raawwataman mirkaneessuudha (Labsii Lakk.250/2015, Kew.88)
- ) Lafa magaalicha keessatti argamu akkaataa pilaanii magaalichaafi seeraatiin buluu isaa ni hordofa; ni to’ata; bakka hanqinni jirutti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu ni taasisa;
- Gurmaa’insa caasaa bulchiinsa magaalichaa ni raggaasisa; caasseffamaafi sirna raawwii hojii qaamolee raawwachiiftuu magaalichaa ni murteessa; raawwii isaaniis ni hordofa;
- Koreewwan Dhaabbii Mana Marichaa ni hundeessa; miseensota isaanii miseensota Mana Marichaa keessaa ni moggaasa; haala hojii isaanii ni murteessa; koreewwan adda addaa aangoofi hojii Mana Marichaa hojiirra oolchuuf gargaaran ni hundeessa;
- ) Afyaa’iifi Itti Aanaa Afyaa’ii miseensota Mana Marichaa keessaa ni filata; akkasumas Ittigaafatamaa Waajjiraa miseensota Mana Marichaa keessaa yookiin miseensa Mana Marichaatiin alaa ni filata yookiin ni muuda; haala hojii isaanii ni murteessa; Waajjira Mana Marichaa ni hundeessa;
- Kantiibaa Magaalaa miseensota Mana Marichaa keessaa filatame ni moggaasa yookiin muudama kaadhimamaa Kantiibaa miseensota Mana Marichaatiin alaa dhiyaatu ni mirkaneessa;
- Kantiibaa Magaalichaatiin yammuu dhiyaatuuf muudama Itti Aanaa Kantiibaa Magaalichaa ni mirkaneessa;
- Sadarkaa magaalichaa irratti hundaa’uun Mana Maree Bulchiinsaa Magaalichaa ni hundeessa; yaada Kantiibichi dhiyeessu irratti hundaa’uun baay’ina miseensota Mana Maree Bulchiinsaa Magaalichaa ni murteessa; muudama miseensota Mana Maree Bulchiinsaa Kantiibaan dhiyaateef ni raggaasisa; haala hojii isaaniis ni murteessa;
- Sadarkaa qulqullina tajaajiloota mana qopheessaafi kaffaltii tajaajilaa qoratamee dhiyaatuuf ni mirkaneessa;
- Gabaasa qaamolee mootummaa qoratee ni mirkaneessa; duubdeebii ni kenna;
- Safartuuwwan raawwii hojiifi galmawwan bara karooraa qopheessuudhaan hojiiwwan xiinxalee murtii ni kenna;
- Dambii keessoo adeemsa hojiifi naamusa miseensota Mana Marichaa ni baasa; hojiirra ni oolcha; raawwii isaa ni hordofa.
- Manneen Maree Aanaalee Magaalotaafi Aanoota Magaalaa cimsuun irraa eeggama. Haaluma kanaan, bilisummaan qaamummaa Manneen Maree Aanaalee Magaalotaafi Aanoota Magaalaa akkuma eegametti ta’ee, Manni Marichaa, Manneen Maree Aanaalee Magaalotaafi Aanootaaf deeggarsa armaan gadii ni taasisa:
- Gurmaa’inni Manneen Maree Aanaalee Magaalotaafi Aanootaaf tooftaa cimuu itti danda’an karoorsee gadi ni buusa; haala qabatamaa isaaniitti jijjiiranii akka itti fayyadaman ni kakaasa;
- Waltajjiiwwan hubannoo seeraa itti cimsatanii fi muuxannoo hojii itti waljijjiiranis ni mijeessa;
- Seeronni Mootummaan Naannichaa yeroo yeroodhaan baasu akka isaan dhaqqabu ni taasisa
- Manneen Maree Aanootaaf /Manneen Maree Aanaa Magaalotaa cimsuuf deeggarsaafi xiyyeeffannaan gahaan kan kennameef ta’uu ni mirkaneeffata;
- Manneen Maree Aanootaaf /Manneen Maree Aanaalee Magaalotaa wajjiin walitti dhufeenyi cimaafi walitti fufiinsa qabu akka jiraatu ijaarsa gargaaru ni diriirsa; hojirras ni oolcha.
- Imaammatawwaniifi seerota Naannichaa eeguudhaan, akkasumas eegsisuun dhimmoota magaalaa qofaarratti tumaalee (city ordinance) ni baasa;
- Karoora hawaas-dinagdeefi baajataa magaalichaa Kantiibichaan dhiyaatuuf xiinxalee ni mirkaneessa; raawwannoo isaas ni hordofa;
- Akkaataa seeraatiin gibiraa fi kaffaltii tajaajilaa ni murteessa, sassaabamusaas ni mirkaneessa;
- Koreewwan dhaabbataafi yeroo ni hundeessa;
- Muudama Kantiibaafi Itti Aanaa Kantiibaafi miseensota Koree Kantiibaa qaama dhimmi ilaallatuun dhiyaatuuf akka haalasaatti ni raggaasa; /ni moggaasa/
- Qaama dhimmi ilaaluun muudama dhiyaate ni raggaasa,
- Afyaa’iifi Itti Aanaa Afyaa’ii Mana Marichaa miseensota Mana Marichaa keessaa ni filata, haala hojii isaanis ni murteessa;
- Sadarkaa magaalichaa irratti hudaa’uun koree kantiibaa ni hundeessa, yaada kantiibichi dhiheessurratti hundaa’uudhaanis baay’ina miseensota korichaa ni murteessa, muudama miseensota koree kantiibaa kantiibichaan dhihaateef ni raggaasa, haala hojii isaaniis in murteessa;
- Sadarkaa magaalichaa irratti hundaa’uun akka barbaachisummaasaatti mana murtii dhimmoota magaalaa ni hundeessa.
- Pilaanii magaalichaa ni raggaasa, hojiirra oluusaas ni mirkaneessa;
- Safartuuwwan raawwii hojiifi galmawwan bara hojii qopheessuudhaan hojiiwwaan xiinxaluudhaan murtee ni kenna;
- Karooraafi gabaasa raawwannaa hojii qaamota mootummaa magaalicha keessatti argamaniin qophaayu qoratee ni raggaasa; qajeelfama barbaachisaas ni kenna;
- Bulchiinsi gaariifi hojiin haqa mirkaneessu magaalicha keessatti qixa barbaadameen karoorfamuu fi raawwatamuusaa ni hordofa;
- Qaamonni bulchiinsaafi haqaa mirgootaafi bilisummaawwan Heera Mootummaatiin mirkanaayan kabajanii kabachiisuusaannii ni mirkaneeffata;
- Uummanni dhiibbaa bifa kamiiyyuu isarra gahu mormuudhaan sirni komii itti dhaggeessifatuufi furmaata itti argatu diriirfamuufi hojiirra ooluusaa ni mirkanneeffata;
- Karooraa fi raawwii hojii Qaamolee mootummaa magaalichaa ni qorata; yammuu barbaachisaa ta’ee argamus gaaffiif ni waama;
- Humni nageenyaa magaalicha keessatti nageenya amansiisaa akkaataa mirkaneessuu isa dandeessisuun kan ijaaramee fi dirqamasaas bahaa kan jiru ta’uu ni hordofa;
- Sochii misoomaa keessatti hirmaannaan humnoota misoomaa akka waliigalattii fi keessumaayyuu kan abbootii qabeenyaa kan jajjabeeffamu ta’uu ni hordofa.
- Uummata magaalichaa hojii misoomaatiif bal’inaan sochoosuu tooftaaleen dandeessisan karoorfamuufi hojiirra ooluusaanii ni hordofa; qajeelfama barbaachisaas ni kenna;
- Yeroo yeroodhaan jiraattotaaf gabaasa ni dhiheessa.