Ergama
Humna poolisii ga’umsaan hammayyaa’e, aantummaafi gartummaa uummataa qabuun uummata hirmaachisee, yakka ittisuufi qorachuun, ol’aantummaa heera mootummaafi seeraa kabajee kabachiisuun nageenyi itti fufiinsa qabu akka mirkanaa’u taasisuudha.
Mul’ata
Bara 2022 tti Poolisii Amanamummaa ummataa qabuun,hawaasa Gocha yakkaa Jibbee Ittisu Uumuun Magaalaa Shaashamannee nagaa qabduufi misoomaaf mijatu uumuudha.
Toora Xiyyeeffannoo
Nagaafi Nageenya Naannichaa Mirkaneessuu Ol’aantummaa Seeraa Mirkaneessuu
Duudhaalee
- Ittigaafatamummaa;
- Iftoomina;
- Ol’aantummaa heeraa kabajuufi kabachiisuu;
- Icciitii eeguu;
- Qophaa’ina jijjiiramaa;
- Kutannoon hojjachuu
Aangoo fi Gahee Mana Hojichaa
Labsii qaamoolee raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiidhaan gurmeessuu, aangoo fi hojii isaanii murteessuuf bahe lakk. 242/2014 keessaa keewwata 41 irratti Komishinii Poolisii Oromiyaatiif aangoo kennee jira.
Haaluma kanaan angoo fi ga’ee hojii komishiiniin poolisii oromiyaa labsiin isaaf kenname akka armaan gadii ta’a.
- Gochaa fi sochiiwwan sirna Heera Mootummaa faallessanii fi balaa irra buusuu danda’an kamiyyuu ni ittisa;
- Qaama dhimmi ilaallatu waliin haala tarsiimoon ittisa yakkaa magaalicha keessatti hojiirra itti oolu ni mijeessa; hojiirra ni oolcha; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa; ni qindeessa;
- Gocha yakkaa fi balaan tiraafikii akka hin uumamnefi hin raawwatamne ni ittisa; teknolojiiwwan ittisaa fi qorannoo yakkaatiif gargaaran hojiirra ni oolcha; ni bulcha;
- Faayidaa fi dhaabbilee mootummaa Magaalichaa irratti yakki akka hin raawwatamne ni ittisa;
- Ka’umsa yakkaa xiinxalee tooftaalee ittisaa ni baasa; ummannis yakka irraa akka of eegu ni barsiisa; bu’aawwan qorannoo yakkaa filataman hawaasaaf akka dhiyaatan ni taasisa;
- Ummanni nageenya naannoo isaa kabachiisuufi yakka ittisuu irratti akka hirmaatu boordii kominitii poolisingiifi nageenyaa ni gurmeessa; ni barsiisa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata; ni qindeessa;
- Nageenya magaalichaa amansiisaa taasisuuf qaamolee nageenya Godinaa olla, Aanotaa, Federaalaa fi qaama dhimmi ilaalu waliin odeeffannoo waljijjiira; qindoominaan ni hojjata;
- Eegumsa daandiiwwan gurguddoo Magaalicha keessa qaxxaamuranii, dhaabbilee mootummaa, riqicha, warshaaleefi iddoowwan sochiin investimentii gurguddoon itti adeemsifaman, walgahii ummataa, ayyaana gurguddoo, eegumsa Abbootii Taayitaafi kan kana fakkaatu ni raawwata; sirnaafi nageenyi eegamuu isaa ni mirkaneessa;
- Qaama hawaasaa deeggarsa addaa barbaadan kan akka daa’immanii, dubartoota, maanguddootaafi qaama miidhamtootaaf xiyyeeffannaa addaa kennuun ni hojjata;
- Hojiiwwan ittisaafi qorannaa yakkaa cimsuuf gahumsa ogummaaf tajaajilli poolisii sadarkaa isaa kan eeggate akka ta’u qo’annoo ni gaggeessa;
- Gurmaa’ina, tajaajilaafi raawwii hojii poolisii magaalichaa irratti hojii xiinxalaafi insipeekshinii ni gaggeessa; karoora tarsimoo ni baasa; tooftaalee raawwii hojii bifa wal fakkaatuun akka hojiirra oolu ni taasisa;
- Dhaabbilee dhuunfaa hojii eegumsaa irratti bobba’uu barbaadaniif waraqaa ragaa mirkaneessa gahumsaa ni kenna;
- Meeshaalee waraanaa magaalicha keessatti argaman ni galmeessa; hayyama ni kenna, ni haaromsa; ni to’ata; seera irratti hundaa’uun hidhannoo ni hiikkachiisa;
- Qorannaan yakkaa, mirga namoota yakkaan shakkamanii qabamanii Heeraafi seeraan kabajame eeggatee akka gaggeeffamu ni taasisa;
- Iyyannoo yookiin eeruu yakkoota kamiiyyuu ni simata; kanneen karaa Biiroo Abbaa Alangaa yookiin Komishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa irraa isa dhaqqaban waliin giddugala odeeffannoo tokko jalatti sirnaan galmeesse ni qabata;
- Yakkoota aangoo manneen murtii magaalichaa ta’an kamiiyyuu Abbaa Alangaa waliin ni qorata; adeemsa waliin qorachuu keessatti gahee fi ittigaafatamummaan qorataa poolisii fi Abbaa Alangaa akkasumas sirni ittiin hogganamu Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a;
- Himatamtoota, deebii kennitootaafi ragaa baatota seeraa ni dhiyeessa;
- Ragaa guutuu shakkamaa fi adabamaa seeraa kuusaa yakkaa irratti galmeessuun ni qabata; ni gurmeessa; qaama dhimmi ilaaluuf ni kenna; ragaa yakka irraa bilisa ta’uu qaama gaafateef ni kenna;
- Adeemsa qorannaa yakkaa fi murtii haqaa kennisiisuu keessatti meeshaalee ciraa akka ragaatti qabaman ni bulcha; akkaataa ajaja yookiin murtii kennamuutiin ni raawwata;
- Qabeenya namoota yakkaan shakkamanii to’annaa poolisii jala oolanii galmeessee imaanaan ni qaba; yeroo isaan bahan isaaniif yookiin nama isaan bakka buufatanitti ni kenna yookiin ni deebisa;
- Himatamaa yookiin deebii kennaa yookiin waamamaa bakka hin jirreetti itti murtaa’e hordofee murtii ni raawwachiisa; ajaja yookiin murtee Mana Murtii yookiin Abbaa Alangaa irraa kennamu ni raawwata;
- Shakkamaan yeroo to’atame irraa eegalee ogeessa seeraa, ogeessa fayyaa, Abbaa Amantaa, maatii, fira dhiyoo yookiin hiriyaa isaatiin akka walqunnamu haala ni mijeessa;
- Galmeewwan qorannaa yakkaa fi balaa tiraafikii, akkasumas ragaalee adda addaa qulqullinaa fi haala iccitummaa eeggateen ni qaba;
- Balaan tasaa yammuu uumamu akkaataa haala balaa uumameetiin gargaarsaafi deeggarsa ni kenna; qaama dhimmi ilaalu waliin qindoominaan ni hojjata;
- Poolisii Magaalicha humna namaa barbaachisaa ta’e filatee leenjii ykn baruumsa ogummaa poolisumaa akka baratan ummataa keessaa filee gara koolleejjii komishinii poolisii oromiyaatti ni erga,
- Odeeffannoo fi istaastikisii yakkaa walitti ni qaba; ni qorata; akkaataa barbaachisummaa isaatti qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa.